Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 16:1-14 GAZB1997 - Bible AI

1Aasaan mo'ee waggaa soddomii ja'affaa isaatti, Baashaan mootiin Israa'el Yihudaatti in duule; karaa sana namni gara biyya Yihudaatti akka hin linnetti, achi keessaas akka hin baanetti mandara Raamaatti masaraa ijaaruu in jalqabe.

2Kana irratti Aasaan iddoo qabeenyi mana qulqullummaa fi qabeenyi mana mootummaa isaatii jiru keessaa meetii fi warqee fuudhee, Ben-Hadaad mootii Sooriyaa isa Damaasqoo keessa taa'uuf ergee,

3?Akkuma abbaan kee fi abbaan koo kakuudhaan waliif galanii turan akkasuma anis sii wajjin kakuudhaan waliif galuu nan barbaada! Kunoo, ani meetii fi warqee siif ergeera, akka inni ana irraa deebi'utti isa Baashaan mootii Israa'elii wajjin kakuudhaan waliif galtan sana cabsi!? jedhe.

4Ben-Hadaadis Aasaa mootichaaf tole jedhee, angafoota ajajjuu waraanaa gara mandaroota Israa'elitti in erge; isaanis Iyoon, Daan, Abeel-Maayim akkasumas mandaroota gombisaan midhaanii keessa jiru hundumaa kutaa biyya Niftaalem keessaa in qabatan.

5Baashaan kana yommuu dhaga'e, masaraa mandara Raamaatti ijaaruu jalqabe sana dhiisee hojii isaa in dhaabsise.

6Ergasii Aasaan mootichi namoota Yihudaa hundumaa fudhatee gara Raamaa dhaqee, dhagaa fi muka isa Baashaan ittiin masaraa Raamaa ijaaraa ture sana fudhatee, ittiin masaraa Gebaa fi Miisphaa in ijaare.

7Yeroo sanatti Haanaaniin ilaaltichi gara Aasaa mootii Yihudaa dhufee, ?Ati Waaqayyoon gooftaa kee amanachuu dhiiftee mootii Sooriyaa waan amanatteef, loltoonni mootii Sooriyaa warri diina kee turan si jalaa ba'an;

8loltoonni Itiyoophiyaa fi loltoonni Liibiyaa loltoota jajjaboo konkolaataa baay'ee fi abboota fardeenii baay'eedhaan lolan hin turre moo? Haa ta'u iyyuu malee, yommus ati Waaqayyoon waan amanatteef, inni immoo harka kee keessa isaan in buuse*.

9Waaqayyo guutummaa biyya lafaa in ilaala, warra garaa isaanii guutuu isa amanatan in gargaara; ati kana gowwummaadhaan hojjette; kanaaf gara fuula duraatti lolli garaa garaa sitti ka'uuf jira? jedhe*.

10Aasaan kana irratti ilaaltichatti in dheekkame; sababii isatti aareefis mana hidhaatti isa galchisiise, miilla isaa jirma lama gidduutti in hiisise; bara sana Aasaan akkasuma saba isaa keessaa namoota tokko tokko dhiphisee ture*.[42]

11Aasaan bara mootummaa isaa keessa kan inni hojjete jalqabaa hamma dhumaatti macaafa mootota Yihudaa fi mootota Israa'el keessatti caafameera.

12Aasaan mo'ee waggaa soddomii salgaffaa isaatti dhukkuba miillaatiin in qabame; dhukkubni isaa baay'ee hamaa ta'ee utuma jiruu, Waaqayyoon ?Na gargaari? jechuu dhiisee, warra qoricha beekan duwwaa biraa gargaarsa in barbaade.

13Aasaan mo'ee waggaa afurtamii tokkoffaa isaatti in du'e; namoonnis abboota isaa biratti,

14siree urgooftuu garaa garaa fi dibata fooliin isaa namatti toluun guute irra kaa'uudhaan iddoo awwaalaa inni ofii isaatiif mandara Daawit keessatti qopheessisiifate keessatti isa in awwaalan; ergasii ibidda guddaa ulfina isaatiif in bobeessan*.[43]

ll>