1Kana booddee ilmi isaa Yoshaafaax iddoo Aasaa abbaa isaatii mootii ta'ee Israa'elin of irraa dhowwuutti in jabaate*.
2Inni mandaroota biyya Yihudaa warra masaraa qaban hundumaa keessa loltoota in kaa'e; biyya Yihudaa keessa akkasumas mandaroota kutaa biyya Efreem warra Aasaan abbaan isaa qabatee ture keessa eegdota in naqe.
3Yoshaafaax akkuma Daawit abaabiliin isaa yeroo gara jalqaba mootummaa isaatti deddeebi'aa turetti waan jiraateef, Waaqayyo isaa wajjin ture; inni Ba'aalin hin waaqeffanne.
4Waaqayyoon isa kan abbaa isaatii barbaaddatee akka abboommii isaattis deddeebi'e malee, akka mootota Israa'el warra isa dura turaniitti hin deddeebine.
5Kanaaf Waaqayyo mootummaa Yihudaa isa harkatti in jabeesse; namoonni Yihudaa hundinuu harka-fuudhaa isaaf in fidan; akkasitti inni ulfinaa fi badhaadhummaa guddaa in argate*.
6Inni garaa isaa hundumaan abboommii Waaqayyoo duukaa waan bu'eef, iddoowwan waaqayyolii tolfamoof itti sagadanii fi mukkeetii qiqqirixamanii Asheeraa waaqayyittii tolfamtuuf dhaabaman biyya Yihudaa keessaa in balleesse.
7Yoshaafaax mo'ee waggaa sadaffaa isaatti mandaroota biyya Yihudaa keessa jiran keessatti akka barsiisaniif hojjetoota isaa warra gurguddoota keessaa Ben-Haayil, Obaadiyaa, Zakaariyaas, Naataani'elii fi Miikiyaasin in erge.
8Lewwoota keessaa isaanii wajjin kan dhaqan Shemaa'iyaa, Netaaniyaa, Zebaadiyaa, Asaa'el, Shemiiraamoot, Yonaataan, Adoniyaa, Tobiiyaa fi Tob-Adoniyaa dha; luboota keessaa immoo Elshaamaa fi Yoraam turan.
9Isaan macaafa seeraa isa kan Waaqayyoo fudhatanii dhaqanii guutummaa biyya Yihudaa fi mandaroota isaa hundumaa keessa naanna'anii saba in barsiisan*.
10Yommus Waaqayyo mootummoota naannoo biyya Yihudaa jiran hundumaa waan sodaachiseef, isaan Yoshaafaaxitti lola kaasuu hin barbaanne.
11Filiisxiyaa keessaa jarri tokko Yoshaafaax mootichaaf kennaa garaa garaa kennanii, meetii immoo gabbara in baasan; warri Arabaas immoo bushaayee keessaa korbeeyyii hoolaa kuma torbaa fi dhibba torba, korbeeyyii reettii kuma torbaa fi dhibba torba fidanii in kennaniif.
12Akkasitti Yoshaafaax ittumaa humna godhachaa in adeeme; biyya Yihudaa keessatti masaraa fi mandaroota gombisaa midhaanii fi mi'a garaa garaa itti galchan in ijaare.
13Mandaroota biyya Yihudaa keessa wanta barbaachisaa baay'ee in tuulchisiise; loltoota jagnootas mandara Yerusaalem keessa in kaa'e.
14Isaanis akka maatii maatii isaaniitti lakkoobsi isaanii kanatti fufee kan jiruu dha; Yihudaa keessaa angafni kumaa Adnaa; inni loltoota jagnoota kumaatama dhibba sadii ajaja.
15Isatti aanee Yohaannaan angafni loltootaa immoo loltoota kumaatama dhibba lamaa fi kuma saddeettama ajaja.
16Isa kanatti aanee immoo Amaasiyaan ilmi Ziikrii angafni loltuu inni Waaqayyoof hojjechuuf fedha qabu loltoota jagnoota kumaatama dhibba lama ajaja.
17Gosa Benyaamiin keessaa immoo Eliyaadaan inni lolatti jabaan loltoota kumaatama dhibba lama warra iddaa fi gaachanaan lolan irratti ajajaa dha.
18Isatti aanee immoo Yehozaabaad loltoota kumaatama dhibba tokkoo fi kuma saddeettama lolaaf qophaa'an irratti ajajaa dha.
19Isaan kun warra mootichi guutummaa biyya Yihudaa keessaa mandaroota masaraa qaban akka eeganiif kaa'ee utuu hin dabalatin warra kophaatti isaaf hojjetanii dha.