Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 18:1-34 GAZB1997 - Bible AI

1Yoshaafaax mootichi badhaadhummaa guddaa fi ulfina guddaa qaba ture; kanaaf inni fuudhaa fi heerumaan Ahaab mootichatti in firoome*.

2Inni waggoota muraasa booddee Ahaabin dubbisuuf gara mandara Samaariyaatti yommuu gad bu'e, Ahaab sangootaa fi hoolota baay'ee isaaf, namoota isaatiifis qalchiisee, akka inni mandara Raamoot-Giil'aadin rukutuuf in amansiifate.

3Yommus Ahaab mootiin Israa'el, ?Ati anaa wajjin Raamoot-Giil'aadin loluu in dhaqxaa?? jedhee, Yoshaafaax mootii Yihudaa in gaafate; Yoshaafaax deebisee, ?Anii fi ati tokkuma, sabni koos akkuma saba keetii ti, nuyi egaa sii wajjin dhaqnee in lolla? jedhe.

4Yoshaafaax itti dabalee mootii Israa'elin, ?Hadaraa, duraan dursa wanta Waaqayyo jedhu gaafadhu!? jedhe*.[46]

5Kana irratti Ahaab mootiin Israa'el raajota dhibba afur walitti qabee, ?Raamoot-Giil'aadin dhaqnee lollu moo yookiis dhiifnu?? jedhee gaafate; isaan immoo deebisanii, ?Mandarattii sana Waaqayyo harka kee keessa in buusaatii dhaqii loli!? jedhan.

6Yoshaafaax immoo, ?Isaan kana malee kan nuyi gaafannu raajiin Waaqayyoo tokko illee as hin jiruu ree?? jedhe.

7Yommus mootiin Israa'el immoo, ?Namni nuyi karaa isaa Waaqayyoon gaafachuu dandeenyu tokko illee jira, garuu sababii inni waa'ee kootiif yeroo hundumaa raawwatee wanta hamaa malee, wanta gaarii raajii hin dubbanneef ani isa nan jibba; innis Miikiyaas ilma Iimlaa ti? jedhee Yoshaafaaxiif in deebise; Yoshaafaax immoo ?Yaa mootii! Ati dubbii akkasii hin dubbatin!? jedhe.

8Kana irratti mootiin Israa'el hojjetoota isaa warra gurguddoota keessaa tokko waamsisee, ?Dhaqiitii Miikiyaas ilma Iimlaa ariitiidhaan fidi!? jedhee in abboome.

9Ahaab mootiin Israa'elii fi Yoshaafaax mootiin Yihudaa uffata mootummaa isaanii uffatanii karra mandara Samaariyaa dura oobdii keessa teessoo isaanii irra in taa'u, raajonni hundinuu immoo isaan duratti raajii in dubbatu turan.

10Raajota sana keessaa Zedeqiiyaan ilmi Kine'aanaa sibiila akka gaanfaatti tolfatee, Ahaabiin, ?Waaqayyo, ?Warra Sooriyaa hamma lafa irraa balleessitutti gaanfota kanaan isaan in waraanta? jedha? jedhe.

11Raajonni warri kaan hundinuus akkasuma, ?Raamoot-Giil'aaditti ol ba'ii loli! Waaqayyo harka kee keessa waan ishee buusuuf ati in moota? jedhanii raajii in dubbatan.

12Yommus namichi inni Miikiyaasin waamuudhaaf ergamee dhaqe sun, ?Kunoo! Raajonni hundinuu afaan tokkichaan waa'ee mootichaaf wanta gaarii in dubbatan; hadaraa atis akkuma isaanii wanta gaarii itti dubbadhu!? jedheen.

13Miikiyaas deebisee, ?Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti, waanuma Waaqayyoon koo anatti hime duwwaa nan dubbadha? jedhe.

14Raajichi gara mootichaa yommuu dhufe, mootichi, ?Yaa Miikiyaas, Raamoot-Giil'aaditti duullu moo yookiis dhiifnu?? jedhee in gaafate; raajichi immoo deebisee, ?Mandarattii sana Waaqayyo harka kee keessa waan siif buusuuf, in mootaatii ol ba'ii loli!? jedheen.

15Mootichi immoo, ?Wanta dhugaa ta'e duwwaa malee, waan biraa maqaa Waaqayyootiin akka anatti hin himneef si'a meeqa si kaksiisuu na barbaachisa ree?? jedheen.

16Kana irratti Miikiyaas deebisee, ?Loltoonni Israa'el guutummaatti akka hoolota tiksee hin qabnee tulloota irra bittimmaa'uu isaanii nan arge; kanaaf Waaqayyo, ?Isaan kun geggeessituu waan hin qabneef, nagaadhaan gara mana mana isaaniitti haa deebi'anii gad dhiisi!? jedhee anatti himeera? jedhe*.[47]

17Kana irratti Ahaab mootiin Israa'el Yoshaafaaxiin, ?Namichi kun waa'ee kootiif wanta hamaa malee, wanta ba'eessa akka inni raajii hin dubbanne ani sitti hin himnee ree?? jedhe.

18Miikiyaas yommus itti fufee, ?Waaqayyo teessoo isaa irra utuu taa'uu, macci waaqa irraas hundinuu gara mirgaa isaa fi gara bitaa isaa utuu dhaabatanii ani argeera; kanaafis wanta Waaqayyo dubbatu dhaga'i*!

19Waaqayyo, ?Ahaab mootiin Israa'el dhaqee Raamoot-Giil'aadin akka rukutuuf, achitti akka ajjeefamuufis eenyutu isa gowwoomsa ree?? jedhe; inni tokko ?Kana? jedhe, inni kaan immoo ?Sana? jedhe.

20Kana booddee hafuurri tokko ba'ee fuula Waaqayyoo dura dhaabatee, ?Ani isa nan gowwoomsa? jedhe; Waaqayyo immoo, ?Maaliin isa gowwoomsita?? jedhee gaafate*.

21Hafuurichi immoo, ?Ani dhaqee hafuura sobaan raajota Ahaab hundumaa dubbachiisu nan ta'a? jedhe; kana irratti Waaqayyo immoo, ?Eyyee, akkasitti in dandeessa, dhaqiitii akkasuma godhii isa gowwoomsi!? jedheen.

22Kanaaf Waaqayyo waa'ee kee wanta hamaa dubbateera, raajota kee keessas hafuura sobaa kaa'eera? jedhe.[48]

23Yommus Zedeqiiyaan ilmi Kine'aanaa gara Miikiyaas dhaqee maddii isaa keessa kabalee, ?Hafuurri Waaqayyoo kun karaa kam ana bira darbee sitti dubbate?? jedhee isa in gaafate.

24Miikiyaas immoo deebisee, ?Kunoo! Gaafa gola kutaa manaa isa keessaa lixxee of dhoksitu arguuf jirta? jedheen.

25Kana irratti Ahaab mootiin Israa'el hojjetoota isaa keessaa tokko waamee, ?Miikiyaasin qabiitii Amoon isa mandara bulchuu fi Yo'aash ilma mootichaatti geessi!

26Isaanis akka isa hidhan, hamma ani nagaadhaan deebi'utti buddeenaa fi bishaan irraa kan hafe waan biraa akka hin kennineef itti himi!? jedhe*.

27Yommus Miikiyaas deebisee, ?Yoo ati nagaadhaan deebiteef, Waaqayyo dhuguma anatti hin dubbanne? jedhe; itti dabalees, ?Isin saba nana hundumti keessan, isa ani dubbadhe kana hubadhaa!? jedhe.[49]

28Kana booddee Ahaab mootiin Israa'elii fi Yoshaafaax mootiin Yihudaa Raamoot-Giil'aaditti in duulan.

29Achitti mootiin Israa'el Yoshaafaaxiin, ?Ani uffata kan biraatiin wallaalchifadhee lolatti nan ba'a, ati garuu uffata mootummaa kee uffadhu!? jedhee, wallaalchifatee duula sana keessa in lixe.

30Yommus mootiin Sooriyaa loltoota konkolaataadhaan adeeman irratti ajajjoota warra ta'aniin, ?Mootii Israa'el duwwaa malee, nama tokko illee hin waraaninaa!? jedhe.

31Loltoota konkolaattotaan adeeman irratti ajajjoota warri ta'an sun Yoshaafaaxin yommuu argan, ?Kun mootii Israa'el!? jedhanii yaadanii, isa rukutuudhaaf gara isaatti gara in galan; inni immoo sagalee guddaadhaan in iyye, Waaqayyos isa gargaaree jara isa irraa in deebise.

32Ajajjoonni loltoota konkolaataadhaan adeemanii sun, akka inni mootii Israa'el hin ta'in yommuu argan, isa ari'uu dhiisanii biraa in deebi'an.

33Isaan keessaa namichi tokko dunyitiidhuma isaa xiyya isaa gad itti dhiisee maddaa sibiilaa inni uffatu ol hambisee huffaa Ahaab mootii Israa'el in waraane; Ahaab yommus namicha isa konkolaataa isaa oofuun, ?Ani madaa'eeraatii naanneffadhu lola kana keessaa na baasi!? jedhe.

34Gaafas lolli baay'ee in jabaate, mootiin Israa'el garuu gara warra Sooriyaatti gara galee konkolaataa isaa keessa hirkatee in dhaabate; erga aduun lixxee booddee garuu in du'e.

ll>