Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 19:1-11 GAZB1997 - Bible AI

1Yoshaafaax mootiin Yihudaa nagaadhaan gara mana mootummaa isaatti Yerusaalemitti yommuu deebi'e,

2Yehuun ilmi Haanaanii inni ilaaltichi Yoshaafaaxin simachuudhaaf itti adeemee, ?Ati maaliif nama hamaa gargaarte? Maaliifis nama isa Waaqayyoon jibbutti hidhatte? Sababii kanaaf dheekkamsi Waaqayyoo sitti in dhufa*.

3Haa ta'u iyyuu malee, inni ati utuboota dhagaa qulqullaa'ootti ilaalaman biyyicha keessaa balleessiteef, inni ati yaada keetiin Waaqayyoon barbaaddachuudhaaf qophoofte gaarii dha? jedhe*.[50]

4Yoshaafaax Yerusaalem keessa in jiraate, achii ka'ee Bersheebaadhaa hamma biyya gaaraa isa kan Efreemitti adeemee, saba gidduu naanna'ee yaada namootaa gara Waaqayyo gooftaa isa kan abboota isaaniitti in deebise.

5Kana malees, mandaroota biyya Yihudaa warra masaraa qaban hundumaaf abboota firdii in fo'e.

6Abboota firdii kanaanis, ?Isin egaa Waaqayyo isa yommuu isin firdii kennitan isin bira jiruuf hojjettu malee, namaaf miti; kanaaf hubadhaatii hojjedhaa*!

7Waaqayyo gooftaa keenya bira jal'inni, nama wal caalchisuun, gabbarsuu fudhatanii faraduunis waan hin jirreef, Waaqayyoon sodaadhaa, hubadhaatii faradaa!? jedhee in gorse*.[51]

8Yoshaafaax warra Lewwootaa fi warra lubootaa akkasumas warra dura-buutota maatii Israa'el ta'an keessaa namoonni muraasi seera Waaqayyoo jiruu irra akka oolchan, warra Yerusaalem keessa jiraatan gidduuttis firdii akka kennan in godhe*.

9Dabalees abboommii kanatti fufee jiru isaaniif kennee, ?Isin amanamummaadhaan, garaa guutuudhaanis Waaqayyoon sodaachaa hojii isinitti kenname hojjedhaa!

10Obboloota keessan warra mandaroota isaanii keessaa dubbii isaanii isinitti dhi'eeffatan, dubbii dhiiga dhangalaasuu yookiis dubbii seera cabsuu yoo ta'e yookiis abboommii isaa fi seerrata isaa irra daddarbuu, waa'ee firdii qajeelaa kennuus yoo ta'e, Waaqayyoon akka isaan hin yakkinetti isaan gorsaa! Isin kana gochuu yoo dhiiftan immoo dheekkamsi isaa isinii fi obboloota keessan irratti in dhufa; isin kana yoo gootan garuu yakka hin qabdan.

11Kunoo! Amaariyaan angafni lubaa waan karaa Waaqayyoo ilaalu hundumaatti gaafatamaa dha; Zabaadiyaan ilmi Ishmaa'el geggeessituun gosa Yihudaa immoo dhimma mootii ilaalutti gaafatamaa dha; hojii kana keessatti Lewwoonnis immoo isinii wajjin in hojjetu; Waaqayyo warra wanta gaarii hojjetan in gargaaraatii, amma egaa jabaadhaa hojjedhaa!? jedhe.[52]

ll>