Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 2:1-18 GAZB1997 - Bible AI

1Yommus Solomoon ulfina maqaa Waaqayyoof manni qulqullummaa akka ijaaramu, akkasumas manni mootummaa isaaf akka ijaaramu in abboome.

2Inni namoota ba'aa baatan kuma torbaatama, namoota gaara keessaa dhagaa caccabsanii soofan kuma saddeettama hojiitti in baase; namoonni kumni sadii fi dhibbi ja'a immoo hojii akka geggeessan in godhe*.[4]

3Kana booddee Solomoon gara Hiiraam mootii Xiirositti ergaa kanatti fufee jiru ergee, ?Daawit abbaan koo mana mootummaa akka ijaarratuuf muka gaattiraa ergiteefii akkuma turte anaafis immoo ergi!

4Kunoo! Amma immoo mana qulqullummaa ijaaree ulfina maqaa Waaqayyo gooftaa kootiif addaan baasuudhaaf qophaa'eera; manicha keessatti Waaqayyo duratti ixaana fooliin isaa tolu gubnee aarsuuf, buddeena ilaalchaa yeroo hundumaa isa dura kaa'uudhaaf, ganamaa fi galgala qalma gubamu dhi'eessuuf akkasuma guyyaa Sanbataa fi baatii ji'aatti, yeroo ayyaana beekamaa isa kan Waaqayyo gooftaa keenyaa hundumaatti kana dhi'eessuun saba Israa'eliif seerrata bara baraaf dhaabame in ta'a.

5Waaqayyo keenya waaqayyolii warra kaan irra guddaa waan caaluuf, manni qulqullummaa ani isaaf ijaaru kunis guddaa ta'uutu irra jira.

6Haa ta'u iyyuu malee, bantiiwwan waaqaa fi bantiin waaqaa inni isaan gara irraa jiru iyyuu isa fudhachuu hin danda'u erga ta'ee, mana qulqullummaa eenyutu isaaf ijaaruu danda'a ree? Iddoo aarsaa irratti dhi'eessan duwwaan isaaf ijaara malee, mana qulqullummaa isaaf ijaaruu kanan danda'u ani eenyu ree*?

7Kanaaf amma nama hojii warqee fi hojii meetii, hojii sibiila borrajjii fi hojii sibiila kan biraa, boffee dhiilgee, boffee diimaa biluu, boffee bifa waaqaa fo'uu beeku anaaf ergi! Akkasumas nama Yihudaa fi Yerusaalem keessa taa'ee, namoota hojii harkaa beekan warra Daawit abbaan koo qopheessee turee wajjin mi'a garaa garaa irratti waa qirixee bifa itti baasee hojjechuu danda'u anaaf ergi![5]

8?Muka gaattiraa fi muka birbirsaa akkasumas muka fo'amaa isa gaara Liibaanon irra jiru anaaf ergi! Namoonni kee muka soofuu akka beekan ani hubadheera, namoonni koos isaanii wajjin haa hojjetan!

9?Manni qulqullummaa inni ani ijaaruuf jedhu kun guddaa dinqisiisaa waan ta'uuf jiruuf, mukti baay'een anaaf haa qophaa'u!

10?Kunoo! Ani namoota kee warra muka soofaniif qalaba isaanii kan ta'u daakuu qamadii kuntaala dhibba afurii fi afurtamaa fi garbuu kuntaala dhibba afurii fi afurtama akkasumas daadhii waynii liitrii kuma afurtamii afurii fi dhadhaa ejersaa liitrii kuma afurtamii afur nan erga? jedhe.

11Yommus Hiiraam mootiin Xiiros caaffataan Solomooniif deebisee, ?Waaqayyo saba isaa waan jaallatuuf, ati mootii isaanii akka taatu in godhe? jedhe.

12Hiiraam itti fufees, ?Waaqayyo gooftaa Israa'el isa waaqaa fi lafa uumeef galanni haa ta'u! Inni ilma ogeessaa fi afchaala, isa dubbii gargar baasee hubachuu danda'u Daawit mootichaaf kenneera; kanaaf amma ati ilmi isaa mana qulqullummaa Waaqayyoof, mana mootummaas ofii keetiif in ijaarta.

13Ani immoo amma Huraam isa hojii harkaatti beekamaa ta'e siif nan erga.

14Haati isaa durba sanyii Daan, abbaan isaa immoo nama biyya Xiiros; inni warqee fi meetii, sibiila borrajjii fi sibiila kan biraa tumuu beeka; akkasumas hojii dhagaa cabsanii tolchuu fi hojii mukaa beeka; inni boffee diimaa dhiilgee fi boffee bifa waaqaa, boffee diimaa biluu fi quncee muka talbaas hojjechuudhaaf gaafatamee beeka; wanta hojjechuudhaaf gaafatame hundumaa dhagaa fi muka irratti qirixee hojjechuu in danda'a; hojjetoota kee warra hojii harkaa beekanii fi hojjetoota abbaa kee Daawit gooftaa kootii warra hojii harkaa beekanii wajjinis hojjechuu in danda'a.

15Kanaaf gooftaan koo amma qamadii fi garbuu, dhadhaa ejersaa fi daadhii waynii isa hojjetoota isaatiif erguuf abdachiise sana haa ergu!

16Yommus nuyi mukicha hamma ati barbaaddu gaara Liibaanon irraa murmurree soofnee galaana irra hamma Yopheetti siif in ergina, ati immoo achii gara Yerusaalemitti fudhachuu in dandeessa? jedhe.

17Yommus Solomoon akkuma Daawit abbaan isaa dur lakkoofsisee ture, namoota orma biyya isaa keessa jiran hundumaa in lakkoofsise; namoonni sun yommuu lakkaa'aman kumaatama dhibba tokkoo fi kuma shantamii sadii fi dhibba ja'a turan.

18Isaan keessaa namoonni kumni torbaatamni ba'aa akka baatan, namoonni kumni saddeettamni gaara keessaa dhagaa caccabsanii akka soofan, namoonni kumni sadii fi dhibbi ja'a immoo hojii akka geggeessan in godhe.

l>