1Kana booddee Mo'aabonnii fi Amoononni akkasumas Me'unoota keessaa namoonni muraasi Yoshaafaaxin loluuf in ba'an.
2Yommus jarreen tokko dhufanii, ?Kunoo! Loltoonni baay'een galaana gamaa biyya Edoomii sitti dhufaa jiru; isaan amma Haazezon Taamaarin isa ?En-Gedii? jedhamu ga'aniiru? jedhanii Yoshaafaaxitti in himan.
3Kana irratti Yoshaafaax mootichi sodaatee Waaqayyoon kadhachuudhaaf murtoo in godhe; akkasumas guutummaa biyya Yihudaa keessatti soomiin akka ta'u in labsiise.
4Namoonni Yihudaa Waaqayyo akka isaan gargaaruuf, isa kadhachuudhaaf mandaroota biyya Yihudaa hundumaa keessaa walitti in qabaman*.
5Yommus Yoshaafaax wal ga'ii namoota Yihudaa fi namoota Yerusaalem gidduu mana qulqullummaa bira oobdii isa haaraa keessa dhaabatee,
6sagalee isaa ol fudhatee, ?Yaa Waaqayyo gooftaa abboota keenyaa! Ati Waaqayyo isa waaqa irra jiraattu mitii ree? Ati mootummoota saba lafa irraa hundumaa irratti gooftummaa qabda, humnii fi aangoon harka kee keessa jiru; namni siin mormuu danda'us hin jiru*.
7Yaa Waaqayyo keenyaa! Ati warra biyya kana keessa turan saba kee saba Israa'el duraa ariitee baaftee, sanyiin Abrahaam michuu keetii bara baraan akka keessa jiraataniif biyyicha hin kenninee ree*?
8Isaan biyyicha keessa jiraatanii achitti ulfina maqaa keetiif mana qulqullummaa ijaaranii,
9?Wanti hamaan yookiis billaan, firdiin yookiis dha'ichi yookiis beelli yommuu nutti dhufu, mana qulqullummaa isa ulfinni maqaa kee keessa jiru kana duratti fuula kee dura dhaabannee iyyinee gidiraa keenya sitti in himanna; ati immoo nuuf in dhageessa nu oolchitas? jedhan*.
10Amma kunoo, namoonni Amoonii fi Mo'aab akkasumas warri tulluu Se'iir, warri ati sabni Israa'el biyya Gibxii keessaa yommuu ba'an biyya isaanii akka hin rukunne dhowwinaan, rukutuu dhiisanii irraa goranii darban amma dhufuutti jiru*.
11Kunoo! Isaan amma qooda kanaa, biyya isa ati dhaala akka godhannuuf nuuf kennite keessaa nu ari'uuf jedhu.
12Yaa Waaqayyo keenyaa! Ati isaanitti hin faradduu ree? Nuyi waraana danuu isa nu rukutuuf jedhu kana loluuf humna hin qabnu, waan goonus hin beeknu, garuu gargaarsaaf gara kee in ilaalla? jedhe.
13Yommus Yihudoonni hundinuu niitota isaanii fi ijoollota isaanii akkasumas mucoolii isaanii wajjin balbala mana qulqullummaa, fuula Waaqayyoo dura in ijaajju turan.
14Gaafas hafuurri Waaqayyoo wal ga'icha keessatti sanyii Lewwii keessaa Yaahazii'el ilma Zakaariyaasiif in dhufe; Yaahazii'el kun ilma Zakaariyaas Benaayaa Yaa'iil Mataaniyaa isa qomoo Asaaf turee dha.
15Yaahazii'el sagalee isaa ol fudhatee, ?Isin warri Yihudaa fi warri Yerusaalem keessa jiraattan hundinuu, atis yaa Yoshaafaax mootichaa mee dhaga'aa! Waaqayyo, ?Lolli kun kan koo ti malee kan keessan miti, kanaafis isin loltoota baay'ee kana argitanii sodaattanii hin na'inaa!
16Bor gad bu'aatii isaan lolaa! Kunoo, isaan karaa Ziiz irra ol ba'anii in dhufu, dhuma dachaa isa fuullee Yeru'el lafa onaatti argamutti isaanitti in baatu;
17isin ofii keessanii loluun isin hin barbaachisu, iddoo qabadhaatii dhaabadhaa, mo'icha Waaqayyo isiniif kennu ilaalaa! Isin yaa warra Yihudaa fi warra Yerusaalem! Hin sodaatinaa, hin na'inaas! Waaqayyo isinii wajjin waan jiruuf bor isaanitti dhaqaa!? jedha? jedhe*.
18Kana irratti Yoshaafaax adda isaatiin lafatti gombifamee in kadhate; namoonni Yihudaa fi Yerusaalem hundinuus Waaqayyo duratti lafa dha'anii in sagadan.
19Yommus Lewwoota warra sanyii Qehaatotaa fi Qoraahotaa keessaa kaan ka'anii dhaabatanii sagalee isaanii ol fuudhanii Waaqayyo gooftaa isa kan Israa'el in galateeffatan.
20Kana booddee ganama obboroo gara Teqo'aa iddoo lafa onaa dhaquuf yommuu isaan ka'an Yoshaafaax ka'ee dhaabatee, ?Isin warri Yihudaa fi warri Yerusaalem keessa jiraattan mee dhaga'aa! Waaqayyoon gooftaa keessan amanadhaa in jabaattu, isa raajonni isaa dubbatanis amanaa yommus in mootu? jedhee isaanitti in dubbate*.
21Inni ergasii sabaa wajjin mari'atee faarfatoota uffata qulqullaa'aa fi miidhagaa uffatanii Waaqayyoon faarfatan tarree in dhaabe; isaan yommuu loltoonni lolatti ka'an dura bu'anii,
22Isaan faarfannaadhaan galateeffachuu yommuu jalqaban, Waaqayyo immoo Yihudoota loluu warra dhufan warra Amoon, warra Mo'aabii fi warra tulluu Se'iiritti warra riphanii eegan kaasee akka isaan rukutaman in godhe.
23Warri Amoonii fi warri Mo'aab warra tulluu Se'iir irraa dhufan irratti ka'anii rukutanii isaan in fixan; warra Se'iir erga lafa irraa balleessanii immoo walii isaaniitti gara galanii wal in balleessan.
24Warri Yihudaa iddoo irra dhaabatanii lafa onaa asii gad argan sana ga'anii, gara loltoota baay'ee sanaa yommuu ilaalan reeffa duwwaa lafatti in argan; loltoota sana keessaa namni tokko illee hin hafne.
25Yommus Yoshaafaaxii fi namoonni isaa jara sana saamuu yommuu dhaqanitti reeffa isaanii gidduudhaa qodaa garaa garaa, uffataa fi mi'a gati-jabeeyyii baay'ee argatanii, hamma baachuu dadhabanitti in saaman; mi'i sun baay'ee waan ta'eef, hunduma isaa walitti qabachuun guyyaa sadii isaan fudhate.
26Guyyaa afuraffaatti immoo Waaqayyoon galateeffachuuf dachaa Barakaatti walitti in qabaman; kanaaf dachaan isaan itti Waaqayyoon galateeffatan sun hamma har'aatti iyyuu ?Dachaa Barakaa? jedhama; (?Barakaa? jechuun ?Eebba? jechuu dha).
27Waaqayyo akkasitti diinota isaanii irratti akka isaan gammadan waan godheef, namoonni Yerusaalemii fi namoonni Yihudaa hundinuu Yoshaafaax mootii isaanii of dura buufatanii gammachuudhaan gara Yerusaalemitti in deebi'an.
28Isaan maseenqoo fi kiraara rukutaa, fiingees afuufaa Yerusaalemitti galanii mana qulqullummaatti ol in lixan.
29Diinota Israa'el Waaqayyo akka lole mootummoonni lafa irraa dhaga'uun isaanii sodaa Waaqayyoo isaanitti in galche.
30Waaqayyoon isaa karaa hundumaa boqonnaa waan isaaf kenneef, mootummaan Yoshaafaax nagaa qaba ture*.
31Yoshaafaax mootii biyya Yihudaa yommuu ta'e nama waggaa soddomii shanii ture; inni Yerusaalem keessa taa'ee waggaa digdamii shan mo'e; maqaan haadha isaatii ?Azubaa? jedhama; isheen intala Shiilhii ti.
32Inni akkuma Aasaa abbaa isaatii wanta fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e hojjete malee, karaa abbaa isaatii irraa hin jal'anne.
33Haa ta'u iyyuu malee, sabni sun amma iyyuu garaa isaanii guutuudhaan gara Waaqayyo isa kan abboota isaaniitti hin deebine, iddoowwan waaqayyolii tolfamoof itti sagadanis hin balleessine.
34Wanta Yoshaafaax bara mootummaa isaa keessa jalqabaa kaasee hamma dhumaatti hojjete keessaa warri hafan macaafa Yehuu ilma Haanaanii isa inni waa'ee seenaa mootummoota Israa'el caafe keessatti caafameera.
35Gara dhumaatti Yoshaafaax mootiin Yihudaa, Ahaaziyaa mootii Israa'el isa wanta jal'aa hojjetu sanatti in michoome.
36Isaan markaboota ittiin biyya Tarshiishitti nagadan walii wajjin hojjechiifachuuf waliif galanii, Eziyon-Geberitti in tolchiifatan;
37garuu Elii'ezer ilmi Dodaawaa namni biyya Maareshaa, ?Sababii ati Ahaaziyaatti michoomteef, Waaqayyo immoo wanta ati tolchiifatte kana in caccabsa? jedhee Yoshaafaax irratti raajii in dubbate; kana irratti markaboonni sun in caccabsaman, gara biyya Tarshiish dhaquus hin dandeenye*.