Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 21:1-20 GAZB1997 - Bible AI

1Kana booddee Yoshaafaax du'ee, mandara Daawit keessatti abboota isaa biratti in awwaalame; Yoraam ilmi isaa immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e.

2Obboloonni Yoraam Azaariyaa, Yehii'el, Zakaariyaas, Azariyaahuu, Mikaa'elii fi Shefaaxiyaa dha; isaan kun hundinuu ilmaan Yoshaafaax mootii Israa'el.

3Abbaan isaanii tokkon tokkon isaaniitiif meetii baay'ee fi warqee baay'ee akkasumas mi'a gati-jabeessa in kenneef; biyya Yihudaa keessaa immoo mandaroota masaraa qaban kenneefii akka isaan itti galan in godhe; Yoraam immoo angafa waan ta'eef mootummaa in kenneef.

4Yoraam mootummaa abbaa isaa qabatee erga jabaatee booddee, obboloota isaa hundumaa akkasumas geggeessitoota Israa'el keessaa kaan billaadhaan in fixe.

5Yoraam yommuu mootii ta'e nama waggaa soddomii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa taa'ee waggaa saddeet mo'e.

6Yoraam intala Ahaab waan fuudheef, akkuma sanyii Ahaab fakkeenya hojii mootota Israa'el duukaa bu'ee, Waaqayyo duratti wanta hamaa in hojjete.

7Waaqayyo garuu sanyii Daawit keessaa, bara baraan akka ibsaatti kan geggeessu akka hin dhabamne abdachiiseera; kanaaf inni kakuu isaa isa sanyii Daawitiif dhaabe sanaaf jedhee Yoraamin balleessuu hin barbaanne*.[58]

8Bara mootummaa Yoraam keessa Edoom Yihudaa irraa cabsatee mootummaa ofii isheetii in dhaabbatte*.

9Kana irratti Yoraam hojjetoota isaa warra gurguddootaa fi konkolaattota isaa hundumaa fudhatee dhaqee, utuma warri Edoom karaa hundumaa isaaf ajajjuuwwan konkolaattota isaa marsanii jiranii, halkaniin ka'ee rukutee isaan in mo'e.

10Warri Edoom garuu hamma har'aatti iyyuu akkuma Yihudaa irraa cabsatanitti jiru; Yoraam Waaqayyoon gooftaa isa kan abboota isaatii waan irraanfateef, namoonni mandara Liibnaas baruma sana keessa isa irraa in cabsatan.

11Inni tulloota Yihudaa irratti iddoowwan waaqayyolii tolfamoof itti sagadan ijaaree sabni Yerusaalem achitti isaaniif akka sagadu in godhe, warra Yihudaas karaa irraa in kaachise.[59]

12Baras Eliyaas raajichi caaffata kanatti fufee jiru Yoraam mootichaaf in erge; caaffatichis, ?Waaqayyo gooftaan inni kan Daawit abbaa keetii, ?Ati karaa abbaa keetii karaa Yoshaafaax irra, karaa akaakayyuu keetii karaa Aasaa mootii Yihudaa irras adeemuu dhiiftee,

13karaa mootota Israa'el irra in deddeebite; maatiin Ahaab akkuma waaqayyolii tolfamoo waaqessan namoonni biyya Yihudaa fi mandara Yerusaalem keessa jiraatanis isaanuma akka waaqeffatan in goote; akkasuma immoo obboloota kee ilmaan abbaa keetii warra si irra wayyan in ajjeefte.

14Kanaaf amma Waaqayyo immoo saba kee, ilmaan kee, niitota kee, wanta ati qabdu hundumaas dha'icha guddaadhaan in rukuta.

15Atis ofii keetii dhukkuba jabaadhaan in qabamta, dhukkuba mar'umaaniitiinis yeroo dheeraa in rakkatta; kana booddee immoo mi'i garaa kee si keessaa gad in jiga? jedha? jedhe*.[60]

16Waaqayyo yommus warra Filiisxiyaa fi Araboota warra biyya Itiyoophiyaa bukkee jiraatan Yoraam irratti in kaase.

17Isaan Yihudaatti duulanii qabatanii mi'a mana mootichaa keessa jiru hundumaa in saaman; kana malees niitota isaa fi ilmaan isaa fudhatanii in adeeman; ilmaan isaa keessaa Ahaaziyaa isa quxisuu malee tokko illee hin hafne.

18Kana hundumaa booddee immoo Waaqayyo, dhukkuba mar'umaanii isa ittii fayyuun hin danda'amneen isa in rukute.

19Mootichi waggaa lama guutuu dhukkubichaan rakkachaa erga turee booddee, mi'i garaa isaatii isa keessaa gad jigee, inni dhiphina guddaadhaan in du'e; sabni isaa ulfina abboota isaatiif ibidda bobeessaniiru, ulfina isaatiif garuu ibidda hin bobeessine*.

20Inni mootii ta'ee mo'uu yommuu jalqabe nama waggaa soddomii lamaa ture; Yerusaalem keessa taa'ee waggaa saddeet mo'e; yeroo inni du'e namni isaaf hin gaddine; inni mandara Daawit keessatti in awwaalame; haa ta'u iyyuu malee, iddoo awwaala moototaatti hin awwaalamne*.[61]

ll>