1Yommus warri Yerusaalem keessa jiraatan ilma Yoraam mootichaa, Ahaaziyaa isa quxisuu iddoo abbaa isaatii in moosifatan; ilmaan Yoraam warri angafoonni hundinuu yommuu warri biyyicha lolan warra Arabaa wajjin dhufanii isaan rukutan dhuman; kanaaf Ahaaziyaan ilmi Yoraam mootichaa, mootii Yihudaa ta'e.
2Ahaaziyaan mootii yommuu ta'e nama waggaa digdamii lamaa
3Haati isaa kun hammina waan isa gorsiteef, innis akkuma sanyii Ahaab jal'ina in hojjete.
4Abbaan isaa erga du'ee warri sanyii Ahaab karaa inni ittiin badu waan isa gorsaniif, innis akkuma isaanii Waaqayyo duratti wanta hamaa in hojjete.
5Inni gorsa isaanii fudhatee, Yoraam ilma Ahaab mootii Israa'elii wajjin Haazaa'el mootii Sooriyaa loluuf gara Raamoot-Giil'aaditti ol in ba'e; warri Sooriyaa garuu achitti Yoraamin rukutanii in madeessan.
6Ergasii inni madaa isa Raamootitti utuu Haazaa'el mootii Sooriyaa wajjin wal loluu isa madeessan sanattii fayyuuf gara mandara Yizre'elitti in deebi'e; kana booddee Ahaaziyaan ilmi Yoraam mootiin Yihudaa, Yoraam ilmi Ahaab waan madaa'eef, isa dubbisuuf gara Yizre'elitti gad in bu'e.
7Inni Yoraamin dubbisuu waan dhaqeef, Waaqayyo kufaatii isatti in fide; inni achi yommuu ga'e immoo Yoraamii wajjin Yehuu ilma Niimshii isa Waaqayyo akka inni qe'ee Ahaab balleessuuf dibe bira in dhaqe*.
8Yommus Yehuun qe'ee Ahaab irratti firdii faradaa utuu jiruu, warra Ahaaziyaa duukaa turan gurguddoota biyya Yihudaa fi ilmaan obboloota Ahaaziyaa isa biratti argee hunduma isaanii in ajjeese*.
9Kana booddee immoo Ahaaziyaa barbaachisee utuu inni Samaariyaa keessa dhokatee jiruu isa in qabsiise; warri isa qabanis gara Yehuutti fidanii isa in ajjeesisan; yommus isaan, ?Inni akaakayyuu Yoshaafaax isa garaa isaa guutuu Waaqayyoon duukaa bu'aa turee dha? jedhanii isa in awwaalan; ergasii sanyii Ahaaziyaa keessaa namni mootummicha qabuu danda'u hin turre*.
10Ataaliyaan haati Ahaaziyaa ilmi ishee akka ajjeefame yommuu dhageesse kaatee, sanyii Yihudaa keessaa hortee moototaa kan ta'an hundumaa in ajjeesifte.
11Yoshebaan intalli Yoraam mootichaa garuu Yo'aasin ilma Ahaaziyaa ilmaan moototaa warra ajjeefamuuf jiran keessaa dhoksitee baaftee guddiftuu isaa wajjin kutaa ciisichaa keessa in dhoksite; Yoshebaan intalli Yoraam obboleettiin Ahaaziyaa haadha manaa Yoyaadaa lubichaa turte; kanaaf isheen Ataaliyaan mucicha akka hin ajjeefneef dhoksite.
12Akkasitti inni waggaa ja'a hamma Ataaliyaan biyya mo'aa turte sana mana qulqullummaa keessa dhokatee isaanii wajjin in jiraate.