1Yo'aas mootii yommuu ta'e mucaa waggaa torbaa ture; inni Yerusaalem keessa taa'ee waggaa afurtama in mo'e; maqaan haadha isaatii ?Ziibiyaa? jedhama; isheen nama mandara Bersheebaa ti.
2Yo'aas hamma bara jireenya Yoyaadaa lubichaatti waan Waaqayyoon gammachiisu hojjechaa ture.
3Yoyaadaan dubartoota lama isa in fuusise; Yo'aas isaan irraa ilmaanii fi intaloota baay'ee in hore*.
4Kana booddee Yo'aas mana qulqullummaa haaressuuf murtoo in godhe.
5Yommus inni lubootaa fi Lewwoota walitti qabee, ?Gara mandaroota biyya Yihudaa dhaqaatii namoota Israa'el hundumaa irraa horii barbaachisu walitti qabaatii waggaa waggaatti manni qulqullummaa ittiin akka haareffamu godhaa! Kana amma dafaatii dhaqaa hojjedhaa!? jedhe; warri Lewwootaa garuu dafanii isa inni jedhe hin goone.
6Yo'aas mootichi kana irratti Yoyaadaa isa angafa lubaa waamee, ?Ati maaliif gibira isa Museen garbichi Waaqayyoo waldaa Israa'el warra Yihudaa fi Yerusaalem keessa jiraatan irraa godoo dhuga-baatuuf akka fuudhamuuf abboome warri Lewwootaa akka fuudhan gochuu dhiifte?? jedhee in gaafate*.
7Namoonni Ataaliyaa dubartii ishee hamtuu sanaa mana qulqullummaa diiganii, mi'a isaa isa qulqullaa'aa hundumaan Ba'aaliif in hojjetan.
8Kana booddee Lewwoonni ajaja mootichaatiin sanduuqa horii keessa buusan hojjetanii karaa alaa karra mana qulqullummaa dura in kaa'an.
9Itti fufaniis gibira isa Museen garbichi Waaqayyoo lafa onaa keessatti abboomee ture, Waaqayyoof akka fidaniif namoota Yihudaa fi namoota Yerusaalemitti in labsan.
10Yommus geggeessitoonni hundinuu, namoonni hundinuus dubbichatti gammadanii kennaa isaanii fidanii hamma inni guututti sanduuqicha keessa in buusan.
11Warri Lewwootaa sanduuqicha gara hojjetoota mootummaa warra itti gaafatamoo horichaa ta'anitti yeroo geessan, isaan immoo ilaalanii sanduuqicha guutuu isaa yommuu argan, caafaan mootichaaf bakka-bu'aan angafa lubaa dhufanii horicha keessaa dabarsanii sanduuqicha iddoo isaatti akka deebisan in godhu; guyyaa guyyaatti akkas gochuudhaan horii baay'ee walitti in qaban.
12Yo'aas mootichii fi Yoyaadaan lubichi horicha warra manicha qulqullummaa ijaarsisanitti in kennan; isaan immoo manicha qulqullummaa haaressiisuudhaaf namoota dhagaa cabsanii soofan, namoota hojii mukaa beekan akkasumas manicha akka cimsuuf namoota sibiila kan biraa fi sibiila borrajjii hojjechuu beekan itti in qacaran.
13Hojjetoonni sun hundinuu jabaatanii waan hojjetaniif, hojichi isaaniif in hisate; isaan manicha qulqullummaa akka isaa duriitti deebisanii jabeessanii miidhagsanii in ijaaran.
14Hojiin haaressuu manichaa erga raawwatamee booddee, horii hafe fidanii mootichaa fi Yoyaadaatti in kennan; isaan immoo horichaan mi'a mana qulqullummaa keessaa ittiin hojjetan, mi'a ittiin qalma gubamu dhi'eessan, waciitii, akkasuma kan biraa qodaawwan warqee fi qodaawwan meetii in hojjechiisan; bara Yoyaadaa keessa yeroo hundumaa kennaa gubamu mana qulqullummaa keessatti in dhi'eessu turan.
15Yoyaadaan dulloomee bara quufee waggaa dhibbaa fi soddomatti in du'e.
16Sababii inni Israa'el keessatti Waaqayyoof, mana qulqullummaa isaatiifis waan gaarii hojjeteef, mandara Daawit keessatti iddoo awwaala moototaatti isa in awwaalan.
17Yoyaadaan lubichi erga du'ee booddee gurguddoonni Yihudaa fuula mootichaa duratti dhi'aatanii in qoomma'aniif; mootichis yaada isaan dhi'eessan in fudhateef.
18Kana irratti namoonni Yihudaa fi namoonni Yerusaalem mana qulqullummaa isa kan Waaqayyo abboota isaanii dhiisanii utuboota qiqqirixamanii bifa Asheeraa waaqayyittiif tolfamanitti, waaqayyolii tolfamoottis sagaduudhaan waan yakkaniif, dheekkamsi Waaqayyoo isaan irratti in dhufe.
19Waaqayyo akka isaan gara isaatti deebi'aniif raajota isaanitti ergee ture; raajonni sunis isaan akeekkachiisaniiru, isaan garuu hin dhageenyeef.
20Yommus Zakaariyaas ilmi Yoyaadaa lubichaa hafuura Waaqayyootiin geggeeffamee iddoo ol ka'aa irra saba dura dhaabatee, ?Waaqayyo, ?Isin maaliif abboommii koo irra daddarbitu? Isin isa irra waan daddarbitaniif hin jabaattan; isin ana Waaqayyoon waan dhiiftaniif, anis immoo isin dhiiseera? jedha? jedhe.
21Isaan garuu isatti koratanii, abboommii mootichaatiinis oobdii mana qulqullummaa keessatti dhagaadhaan rukutanii isa in ajjeesan*.
22Yo'aas mootichi gaarummaa Yoyaadaan abbaan Zakaariyaas godheef waan irraanfateef, ilma isaa Zakaariyaasin in ajjeesise; Zakaariyaas yommuu ajjeefamuuf jedhetti, ?Waaqayyo sitti haa ilaalu! Akka hojii keettis siif haa deebisu!? jedhe.
23Dhuma waggichaatti loltoonni Sooriyaa Yo'aasitti duulanii Yihudaa fi Yerusaalemin in qabatan; geggeessitoota sabaa hundumaa immoo ajjeesanii wanta achi keessaa saaman hundumaas gara mootii isaaniitti Damaasqootti in ergan.
24Loltoonni Sooriyaa muraasa yoo ta'an iyyuu, Waaqayyo immoo loltoota baay'ee danuu harka isaaniitti dabarsee in kenne; warri Yihudaa Waaqayyoon isa kan abboota isaanii waan irraanfataniif, firdiin Yo'aas irratti in raawwatame*.
25Warri Sooriyaa achii yommuu ba'an Yo'aasin baay'ee madeessanii adeeman; sababii inni ilma Yoyaadaa lubichaa ajjeesiseef hojjetoonni isaa immoo isa irratti ka'anii siree isaa irratti isa in ajjeesan; inni akkasitti du'ee, mandara Daawit keessatti in awwaalame; haa ta'u iyyuu malee, iddoo awwaala moototaatti hin awwaalamne*.
26Warri isa irratti ka'an, Zabaad isa Shiimaat dubartiin biyya Amoon deessee fi Yozaabaad isa Shiimriit dubartiin biyya Mo'aab deesse turan.
27Waa'een ilmaan isaatii, wanti waa'ee isaatiif raajii dubbatameef waa'een mana qulqullummaa haaressuu isaa macaafa moototaa keessatti caafameera; kana booddee ilmi isaa Amaasiyaan mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e.