1Amaasiyaan mootii yommuu ta'e, nama waggaa digdamii shanii ture; inni Yerusaalem keessa taa'ee waggaa digdamii sagal mo'e; maqaan haadha isaatii ?Yeho'aadaan? jedhama; isheen intala nama mandara Yerusaalem turte.
2Amaasiyaan wanta Waaqayyo duratti qajeelaa ta'e in hojjete, garuu garaa guutuudhaan miti.
3Inni mootummaa harka isaa jala erga galfatee booddee, hojjetoota mootummaa warra abbaa isaa isa mooticha ajjeesan sana inni immoo in ajjeesise.
4Garuu, akkuma macaafa seera Musee keessatti Waaqayyo, ?Tokkon tokkon namaa cubbuu ofii isaatiif haa ajjeefamu malee, abboonni ijoollota isaaniif, ijoollonnis abboota isaaniif hin ajjeefamin!? jedhee abboome godhe malee, ijoollota isaanii hin ajjeesifne*.
5Yommus Amaasiyaan namoota Yihudaa walitti qabee akka mana mana abboota isaaniitti guutummaa gosa Yihudaaf, gosa Benyaamiiniif angafoota kumaa fi angafoota dhibbaa in fo'e; kana booddee immoo namoota waggaan isaanii digdama guutee fi digdamaa olii warra eeboo fi gaachana baatanii lola dhaquu danda'an lakkaa'ee kumaatama dhibba sadii in argate.
6Kana malees biyya Israa'el keessaa loltoota kumaatama dhibba tokko meetii kiilo graamii kuma sadii fi dhibba afuriin in qacarate.
7Yommus namni Waaqayyoo tokko dhufee Amaasiyaadhaan, ?Yaa mootii! Waaqayyo, saba Israa'el warra gara bitaa wajjin, sanyii Efreem hundumaa wajjinis waan hin jirreef, loltoota Israa'el kana fudhattee hin duulin*!
8Ati diddee dhaqxee ija jabaattee yoo lolte iyyuu, Waaqayyo si gargaaruufis, si kuffisuufis humna waan qabuuf, harka diinaa jalatti akka ati kuftu in godha? jedhe.
9Kana irratti Amaasiyaan deebisee, ?Meetiin ani loltoota Israa'el kanatti baase hundinuu attam haa ta'u ree?? jedhee nama Waaqayyoo in gaafate; namni Waaqayyoo sun immoo deebisee, ?Meetii kana irra kan caalu Waaqayyo siif kennuu in danda'a? jedheen.
10Ergasii Amaasiyaan loltoota qacaramanii biyya Efreemii dhufan sana fo'ee gara biyya isaaniitti in deebise; isaan yommus namoota Yihudaatti aaranii boba'anii baay'ee dheekkamaa gara biyya isaaniitti in deebi'an.
11Kana booddee Amaasiyaan jabaatee loltoota isaa walitti waammatee, isaan dura bu'ee gara dachaa soogiddaa dhaqee, loltoota warra Se'iir keessaa namoota kuma kudhan in ajjeese.
12Namoota kuma kudhan immoo fayyaatti booji'ee, gara bantii kattaa tokkootti geessee achi irraa gad isaan in daddarbate; akkasitti hundumti isaanii caccabanii in hurraa'an.
13Kun ta'aa utuu jiruu loltoonni warri Amaasiyaan of biraa deebise sun, Samaariyaadhaa kaasanii hamma Bet-Horoonitti mandaroota Yihudaa in rukutan; isaan namoota kuma sadii ajjeesanii boojuu danuu fudhatanii in ba'an.
14Amaasiyaan namoota Edoom rukutee yommuu deebi'e, waaqayyolii tolfamoo warra Se'iirii fudhatee dhufe ofii isaatiif in dhaabbate; aarsaas isaaniif dhi'eessee, qoomma'ee isaaniif in sagade.
15Waaqayyo yommus Amaasiyaatti baay'isee waan aareef, raajii tokko gara isaatti ergee, ?Ati maaliif waaqayyolii tolfamoo saba kanaa, warra saba isaanii iyyuu harka kee jalaa baasuu hin dandeenyetti sagadda?? jedheen.
16Amaasiyaan garuu utuma inni dubbachaa jiruu dubbii afaanitti kutee, ?Ati mootii akka gorsituuf yoom si shuummanne? Calluma jedhi yookiis in rukutamta!? jedhe; kana booddee raajichi yeroodhaaf calluma erga jedhee booddee, ?Ati wanta kana hojjettee, gorsa koos dhaga'uu waan diddeef, Waaqayyo si balleessuudhaaf akka murtoo godhe ani beeka? jedhe.
17Kana booddee Amaasiyaan mootiin Yihudaa gorsitoota isaatiin mari'atee, ?Mee kottuu wal ilaallaa!? jedhee, Yeho'aash mootii Israa'el ilma Yeho'aahaaz akaakayyuu Yehuutti ergaa in erge.
18Yeho'aash mootiin Israa'el immoo Amaasiyaa mootii Yihudaaf deebisee, ?Qoraattiin Liibaanon gaattiraa Liibaanonitti ergaa ergitee, ?Intala kee ilma kootti heerumsisi!? jette; bineensonni Liibaanon garuu dhufanii miilla isaaniitiin lafatti ishee in dhidhiitan*.
19Ati namoota Edoom mooteetta, kanaaf amma garaa kee keessatti koortee of jajuutti isa kaate dhiisii mana kee taa'i! Maaliif ati ofii kee irratti, saba Yihudaa irrattis kufaatiin akka dhufuuf wanta hamaa ofitti barbaadda?? jedhe.
20Sababii Amaasiyaanii fi sabni isaa waaqayyolii tolfamoo isa kan warra Edoomitti sagaddaniif, Waaqayyo immoo harka Yeho'aashitti isaan kennuuf jedhee, Amaasiyaa mootichi dubbii raajichaa akka hin dhageenye godhe.
21Kana booddee Yeho'aash mootiin Israa'elii fi Amaasiyaan mootiin Yihudaa biyya Yihudaa keessatti mandara Bet-Shemeshitti wal in rukutan.
22Loltoonni Yihudaa loltoota Israa'elin mo'amanii kara-karaa gara mana mana isaaniitti in baqatan.
23Yeho'aash mootiin Israa'el garuu Bet-Shemeshitti Amaasiyaa mootii Yihudaa ilma Yo'aas Yeho'aahaaz booji'ee gara Yerusaalemitti geessee, masaraa Yerusaalem karra Efreemii kaasee hamma karra isa goleetti dhundhuma dhibba afur in caccabse.
24Kana booddee inni warqee fi meetii hundumaa akkasuma mi'a mana qulqullummaa keessa jiru isa Obed-Edoom eegu akka jirutti, mi'a mana mootummaa keessa jiruu wajjin fudhatee, namootas qabatee, mandara Samaariyaatti in deebi'e*.
25Yeho'aash ilmi Yeho'aahaaz mootiin Israa'el erga du'ee booddee, Amaasiyaan ilmi Yo'aas mootii Yihudaa, waggaa kudha shan jiraate.
26Wanta Amaasiyaan mootichi bara mootummaa isaa keessa jalqabaa jalqabee hamma dhumaatti hojjete keessaa warri hafan, macaafa mootota Yihudaa fi mootota Israa'el keessatti caafameera.
27Yeroo Amaasiyaan Waaqayyo irraa gara galuu jalqabee kaasanii Yerusaalem keessatti namoonni isatti in koratan; inni garuu gara mandara Laakiishitti jalaa baqannaan, isaan immoo achumatti namoota isa duukaa buusanii isa in ajjeesisan.
28Reeffa isaa fardaan fidanii abboota isaa biratti mandara Yihudaa keessatti in awwaalan.