Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 26:1-23 GAZB1997 - Bible AI

1Kana booddee sabni Yihudaa guutummaatti waliif galanii Uziyaa dargaggeessa waggaa kudha ja'aa iddoo abbaa isaa Amaasiyaa in moosifatan.

2Amaasiyaan mootichi erga du'ee booddee, Uziyaan mandara Eloot gara biyya Yihudaatti deebifatee haaressee ishee in ijaare.

3Uziyaan mootii yommuu ta'e nama waggaa kudha ja'aa ture; inni Yerusaalem keessa taa'ee waggaa shantamii lama in mo'e; maqaan haadha isaatii Yekoliyaa dha, isheen durba Yerusaalem turte.

4Inni akkuma Amaasiyaa abbaa isaatii wanta Waaqayyo duratti qajeelaa ta'e hundumaa in hojjete.

5Uziyaan hamma bara Zakaariyaas inni Waaqayyoon sodaachuu isa barsiisu turetti, yaadaan Waaqayyoon duukaa bu'aa ture; bara inni Waaqayyo akka isa geggeessu barbaadaa ture hundumaatti Waaqayyo immoo hojii isaa wal in qixxeesseef.

6Inni warra Filiisxiyaatti duulee masaraa Gaat, masaraa Yaabnee, masaraa Ashdoodis in jijjigse; kana booddee mandaroota kan biraa naannoo Ashdooditti, iddoo garaa garaatti, biyya Filiisxiyaa keessattis jajjabeessee in ijaare.

7Yommuu inni warra Filiisxiyaatti, Araboota warra Gur-Ba'aal keessa jiraatanitti akkasumas warra Me'unootaatti ka'etti Waaqayyo isa in gargaare.

8Warri Amoonotaa Uziyaa mootichaaf gibira in fidan; inni mootii jabaa waan ta'eef, maqaan isaa hamma daarii biyya Gibxiitti in beekame.

9Yommus Uziyaan mandara Yerusaalemitti karaa karra golee, karaa karra dachaa akkasumas golee masarichaa irratti riqaa ijaaree ittiin mandaricha in jabeesse.

10Inni iddoo lafa onaa keessattis riqaa in ijaare; dirree irraa, dachaa keessaas horii danuu waan qabuuf, boolla bishaanii in qochisiise; hojii qotiisaa waan jaallatuuf gaara irratti, lafa midhaan baasu hundumaattis namoota maasii midhaanii isaa fi iddoo dhaabaa waynii isaa keessa hojjetan qaba ture.

11Uziyaan loltoota lola danda'an warra kutata kutataan akka lakkoobsa isaaniitti akka Yei'el inni caaftichii fi Ma'aseyaa angafni loltuu geggeessaa Haanaaniyaa ajajjuu waraana mootichaatiin qopheessanitti lolatti ba'an qaba.

12Lakkoobsi ajajjuuwwan loltootaa warri mana mana abbaa isaaniitti dura-buutuu ta'anii walumatti kuma lamaa fi dhibba ja'a.

13Lakkoobsi loltoota ajajjuuwwan kanaan geggeeffamanii walumatti kumaatama dhibba sadii fi kuma torbaa fi dhibba shan; isaan kun hundinuu warra lola danda'an, warra humna-qaboota, warra mooticha irraa diina isaa dhowwuu danda'anii dha.

14Uziyaan loltoota kana hundumaatti gaachana, eeboo, gonfoo sibiilaa, maddaa sibiilaa, iddaa fi dhagaa furuursaa keessa kaa'anii darbatan illee in kenne.

15Inni mi'a cimaa ittiin xiyyaa fi dhagaa gurguddaa darbatan Yerusaalem keessatti nama hojii beekuu hojjechiisee, riqaa fi golee masaraa mandarichaa hundumaa irra in kaa'e; kana irratti maqaan isaa biyya fagootti iyyuu baay'ee in beekame; inni gargaarsa guddaa Waaqayyo biraa waan argateef, nama jabaa in ta'e.

16Uziyaan nama jabaa erga ta'ee booddee, of gurguddisee kufaatii ofitti in fide; inni ofuma isaatiin gara mana qulqullummaatti ol galee, iddoo aarsaa isa ixaanni irratti aarfamu irratti aarsaa ixaanaa dhi'eessuu barbaaduu isaatiin Waaqayyoon gooftaa isaa in yakke.

17Yommus Azaariyaan lubichii fi luboonni Waaqayyoo warri ija-jabeeyyiin saddeettamni isa duukaa ol in lixan.

18Isaan Uziyaa mootichaan mormuudhaaf itti dhi'aatanii, ?Yaa Uziyaa! Luboota warra sanyii Aaron ta'anii fi warra hojii kanaaf addaan baafaman duwwaatu aarsaa ixaanaa Waaqayyoof dhi'eessa malee, aarsaa ixaanaa Waaqayyoof dhi'eessuun siif hin ta'u! Waaqayyoon gooftaa waan yakkiteef, inni ulfina siif hin kennuutii iddoo qulqullaa'aa kanaa ba'i!? jedhan*.[75]

19Uziyaan immoo qodaa ixaana itti aarsan harkatti baatee ixaana aarsuuf utuu jedhuu kana irratti isaanitti in aare; utuu inni isaanitti aaraa jiruu mana qulqullummaa keessatti iddoo ixaana itti aarsan biratti ija luboota sanaa duratti dhukkubni lamxii adda isaa irratti in argame.

20Azaariyaan angafni lubaa fi luboonni warri isa bira turan hundinuu gara mootichaa yommuu ilaalan, kunoo, adda mootichaa irratti dhukkubni lamxii akka ba'e arganii ariitiidhaan gad isa in baasan; sababii Waaqayyo isa rukuteef, innis immoo achi keessaa ba'uudhaaf in ariifate.

21Uziyaan mootichi hamma gaafa du'uutti dhukkuba lamxii dhukkubsachaa ture; inni mana qulqullummaa irraa citee, mana kophaa keessa in jiraate; Yotaam ilmi isaa immoo mana mootummaa irratti aboo qaba, saba biyyichaas in bulcha ture*.[76]

22Wanta Uziyaan bara mootummaa isaa keessa hojjete keessaa warra hafan jalqabaa hamma dhumaatti Isaayaas raajichi ilmi Amoz caafeera*.

23Uziyaan yommuu du'e sababii dhukkuba lamxii dhukkubsachaa tureef, iddoo mootonni itti awwaalaman keessatti utuu hin ta'in bukkee isaatti isa in awwaalan; kana booddee Yotaam ilmi isaa mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e.[77]

ll>