1Yotaam yommuu mootii ta'e nama waggaa digdamii shanii ture; inni Yerusaalem keessa taa'ee waggaa kudha ja'a mo'e; maqaan haadha isaatii Yerushaa dha; isheen intala Zaadoq turte.
2Inni akkuma abbaan isaa Uziyaan godhe waan Waaqayyo duratti qajeelaa ta'e hundumaa in hojjete; garuu inni akka abbaa isaatii ixaana aarsuuf humnaan mana qulqullummaatti ol hin linne; sabni biyya sanaa immoo akkuma durii jal'ina hojjechuu ittuma fufe*.
3Yotaam karra mana qulqullummaa isa ol aanu deebisee in haaresse; akkasumas karaa Ofeel dallaa mandarichaa cimsee in ijaare.
4Inni gaarota biyya Yihudaa irratti mandaroota, caakkaa keessatti immoo masaraa, riqaas in ijaare*.
5Yotaam mootichi mootii Amoonotaa fi loltoota isaa lolee isaan in mo'e; warri Amoon baras meetii akka kiilo graamii kuma sadii fi dhibba afur miijanuu fi qamadii kuntaala kuma tokko akkasumas garbuu kuntaala kuma tokko gibira in baasaniif; isaan waggaa lammaffaatti, waggaa sadaffaattis itti fufanii hammuma sana in baasaniif.
6Yotaam yaada qajeelaadhaan Waaqayyo gooftaa isaa dura waan deddeebi'eef in jabaate.
7Yotaam bara mootummaa isaa keessa waan hojjette keessaa warri hafan, akki inni itti lolaa tures macaafa mootota Israa'elii fi mootota Yihudaa keessatti caafamaniiru.
8Inni yommuu mootii ta'e nama waggaa digdamii shanii ture; Yerusaalem keessa taa'ee waggaa kudha ja'a mo'e.
9Kana booddee Yotaam du'ee mandara Daawit keessatti in awwaalame; ilmi isaa Ahaaz immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e.