Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 28:1-27 GAZB1997 - Bible AI

1Ahaaz yommuu mootii ta'ee nama waggaa digdamaa ture; Yerusaalem keessa taa'ee waggaa kudha ja'a mo'e; Daawit abaabiliin isaa Waaqayyo duratti wanta qajeelaa ta'e akka hojjete, inni immoo hin hojjenne.

2Inni akkuma mootonni Israa'el hojjetan Ba'aalitti sagaduudhaaf bifa waaqayyolii tolfamoo in hojjechiifate.

3Kana malees akkuma sabni warri wanta ciiggaasisaa godhan, warri Waaqayyo saba Israa'el duraa ari'ee baase hojjetan gochuudhaan, dachaa ilma Hiinom keessatti ixaana in aarse, ilmaan isaas ibiddaan gubee aarsaa godhee in dhi'eesse*.

4Akkasumas aarsaa fi ixaana iddoowwan sagadaa warra ol ka'oo irratti, roggee gaaraa irratti, mukkeetii baala lalisaa qaban hundumaa jalattis in aarse*.[79]

5Ahaaz mootichi sababii wanta akkasii hojjeteef, Waaqayyo gooftaan isaa harka mootii Sooriyaatti dabarsee isa in kenne; warri Sooriyaa isa rukutanii mo'anii, namoota isaa keessaa baay'ee booji'anii gara Damaasqootti fudhatanii galan; akkasumas harka mootii Israa'el keessa in buufame; inni rukuttaa guddaadhaan rukutee isa in balleesse.

6Namoonni Yihudaa Waaqayyoon gooftaa isa kan abboota isaanii waan dhiisaniif, Pheqaan mootiin Israa'el ilmi Remaaliyaa guyyaa tokkotti nama kumaatama dhibba tokkoo fi kuma digdama isaan keessaa in ajjeese*.

7Ziikriin namni sanyii Efreem inni waraanatti jabaan, Ma'aseyaa ilma mootichaa, Azriiqaam isa itti gaafatamaa mana mootummaatii fi Elqaanaa isa mootichatti aanu in ajjeese.

8Yommus Israa'eloonni dubartoota, ilmaanii fi intaloota Yihudoota sanyii isaanii, walumatti nama kumaatama dhibba lama in booji'an; akkasumas mi'a baay'ee saamanii fudhatanii Samaariyaatti in deebi'an.[80]

9Baras ?Odeed? kan jedhamu raajiin Waaqayyoo tokko loltoota gara Samaariyaatti deebi'aa jiranitti adeemee, ?Waaqayyo gooftaan inni kan abboota keessanii namoota Yihudaatti waan aareef, harka keessan keessa isaan buuse; isin garuu aarii guddaadhaan waan isaan gogorraataniif, kun bantii waaqaa bira ga'eera.

10Amma immoo namoota Yihudaa fi namoota Yerusaalem dhiirotas, dubartootas garboomfachuu barbaaddu; isinis immoo akkasitti Waaqayyo gooftaa keessan duratti cubbuu hojjechuu keessan mitii ree?

11Mee anaaf dhaga'aa! Warra sanyii keessan ta'an keessaa boojitanii namoota fiddan kana deebisaa galchaa! Kanaa achi dheekkamsi Waaqayyoo inni sodaachisaan isinitti in dhufa? jedhe.

12Kana booddee geggeessitoota sanyii Efreem keessaa Azaariyaan ilmi Yohaannaan, Berekiiyaan ilmi Meshiilemoot, Yehiizqiiyaan ilmi Shaalum akkasumas Amaasaan ilmi Hadlaayi warra duulaa galaa jiranitti dhaqanii,

13?Nuyi Waaqayyo duratti warra yakkituu akka hin taanetti, namoota boojitan kana as fiduun isiniif hin ta'u! Nuyi amma iyyuu yakka baay'ee qabna, dheekkamsi isaa inni boba'aan nuyi warra Israa'el irra jira; isin immoo cubbuu keenyaa fi yakka keenyatti kan biraa dabaluu barbaadduu ree?? jedhanii isaaniin in morman.

14Kana irratti loltoonni sun namoota booji'anii fidanii fi mi'a saamanii dhufan hundumaa fuula geggeessitoota sanaa fi fuula guutummaa wal ga'ichaa duratti in dhiisan.

15Yommus namoonni warri maqaan isaanii dha'ame warra booji'aman kana fuudhanii, namoota uffata hin qabne hundumaatti uffata isa saamamee dhufe keessaa fuudhanii itti in uffisan; akkasumas uffannaa, kophee miillaa, nyaataa fi dhugaatii kennaniif dibatas isaan in diban; warra dadhaboo adeemuu hin dandeenye immoo harree irra kaa'anii, gara sanyii isaaniitti Yerikoo ?Mandara muka meexxii? isa jedhamuutti deebisanii galchanii ofii isaaniitii immoo gara Samaariyaatti in deebi'an*.[81]

16Baras Ahaaz mootichi gara mootii Asoritti nama ergee gargaarsa isa in kadhate.

17Yommus warri Edoom ammas dhufanii biyya Yihudaa rukutanii namoota booji'anii fudhatanii in adeeman.

18Warri Filiisxiyaa immoo mandaroota biyya gaara jalaa fi mandaroota Yihudaa warra gara mirgaa jiranitti duulanii rukutanii, Bet-Shemesh, Ayalon, Gederot, Sokoo, Tiimnaa fi Giimzoo gandeen isaanii hundumaa wajjin qabatanii keessa in taa'an.

19Ahaaz mootiin Israa'el, sabni biyya Yihudaa keessaa jireenya gad dhiisii akka jiraatu waan godheef, ofii isaatiis Waaqayyoof waan hin amanaminiif, Waaqayyo immoo biyya Yihudaa gad in deebise.

20Tiiglaat-Phileeser mootiin Asoris gara isaa yommuu dhufee qooda isa gargaaruu isa in rakkise.

21Ahaaz mootichi mi'a mana qulqullummaa, mi'a mana mootummaa fi mi'a mana gurguddoota biyyaa keessa jiran keessaa baay'ee fuudhee mootii Asoriif in kenne; haa ta'u iyyuu malee, kunis isa hin gargaarre.

22Ahaaz mootichi yeroo rakkina isaa keessa iyyuu isa durii caalaatti Waaqayyoof hin amanamne.

23Inni yommus, ?Waaqayyoliin Sooriyaa mootota Sooriyaa gargaaraniiru, egaa anis aarsaa yoon isaaniif dhi'eesse na gargaaru? jedhee, waaqayyolii warra Damaasqoo warra isa mo'aniif aarsaa in dhi'eesse; isaan garuu kufaatii isaatiif, kufaatii guutummaa saba Israa'eliifis sababii in ta'an.

24Kanuma irratti iyyuu Ahaaz mi'a mana qulqullummaa keessaa walitti qabee in caccabse; balbaloota mana qulqullummaas in cufe; Yerusaalem keessatti karaa gurguddaa hundumaa bukkeetti iddoowwan aarsaa in ijaarsifate.

25Akkasumas iddoowwan sagadaa ol ka'oo lafa itti waaqayyolii tolfamoo fi aarsaa ixaanaa dhi'eessan, mandaroota biyya Yihudaa hundumaa keessatti ijaaruudhaan, Waaqayyoon gooftaa isa kan abboota isaatii tuttuqee in aarse.

26Ahaaz bara mootummaa isaa keessa wanta hojjete keessaa warri hafan, akki inni itti jiraachaa tures, jalqabaa kaasee hamma dhumaatti macaafa mootota Yihudaa fi mootota Israa'el keessatti caafameera.

27Ahaaz du'ee mandara Yerusaalem keessatti in awwaalame; inni iddoo mootonni Israa'el warri kaan itti awwaalamanitti hin awwaalamne; ilmi isaa Hisqiyaas immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e*.[82]

ll>