Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 3:1-17 GAZB1997 - Bible AI

1Kana booddee Solomoon, Yerusaalem keessatti tulluu Moriiyaa irratti mana qulqullummaa Waaqayyoof ijaaruu in jalqabe; iddoon sun lafa Waaqayyo dur Daawit abbaa isaatti mul'atee turee dha; Daawit iddoo Waaqayyo isatti mul'atee ture sanatti oobdii Ornaan Yibusichaa keessatti mana qulqullummaa ijaaruudhaaf qophaa'ee ture*.

2Solomoon immoo mootii ta'ee waggaa afuraffaatti, waggichattii ji'a lammaffaatti, ji'icha keessaa guyyaa lammaffaatti manicha ijaaruu in jalqabe.[6]

3Manni qulqullummaa inni Solomoon ijaaruu jalqabe dheerinni isaa dhundhuma jaatama, bal'inni isaa immoo dhundhuma digdama ture.

4Gardaafoon isaa karaa fuula duraa akkuma bal'ina manichaa dhundhuma digdama, ol dheerinni isaas dhundhuma digdama; keessa isaatti warqee qullaa'aan in uffifame.

5Kutaa manichaa isa guddaatti muka birbirsaa rukutanii warqee qullaa'aa itti in uffisan; akkasumas fakkeenya muka meexxii fi fakkeenya funyoo sibiilaa irratti hojjetanii ittiin in miidhagsan.

6Solomoon mootichi manicha dhagaa gati-jabeessaan in miidhagsiise; warqeen inni manichatti uffisiises Faarwaayimii dhufe.

7Keenyan manichaatti, bantii isaa isa keessaatti, balbalaa fi michichila balbalichaa hundumaatti warqee in uffisiise; keenyan sana irratti immoo fakkeenya Kiruubel in tolchisiise.

8Akkasumas kutaa isa gara keessaa isa hundumaa caalaa qulqulluu in ijaarsise; dalga dheerinni kutaa manichaa akkuma bal'ina manichaa isa karaa fuula duraa dhundhuma digdama, bal'inni isaas dhundhuma digdama; karaa keessaa warqee qullaa'aa akka kuntaala dhibba lamaa miijanu itti in uffisiise.

9Mismaarri warqee isaa sheeqelii shantama miijana, keenyan isaa isa kutaa ol aanutti immoo warqee in uffisiise.

10Iddoo isa hundumaa caalaa qulqullaa'aa ta'e sana keessatti fakkeenya Kiruubel lama hojjechiisee, warqee isaanitti in uffisiise.

11Dheerinni qoochoowwan Kiruubel lamaanii walumatti dhundhuma digdama; qoochoon Kiruub isa tokkoffaa gar tokkoon dhundhuma shan dheerata, keenyan manichaa biras in ga'a; gara kaaniinis dhundhuma shan dheerata, qoochoo Kiruub isa lammaffaa biras in ga'a.

12Qoochoon Kiruub isa lammaffaa inni tokko dhundhuma shan dheerata, keenyan manichaa biras in ga'a; gara kaaniinis dhundhuma shan dheerata, qoochoo Kiruub isa tokkoffaa biras in ga'a.

13Kiruubel kun qoochoowwan isaanii manicha keessa dhundhuma digdama diriirsanii, kutaa manichaa isa guddaatti gara galanii miilla isaaniitiin in dhaabatan.

14Akkasumas Solomoon iddoo isa hundumaa caalaa qulqulluu ta'e sanaaf boffee bifa waaqaa, boffee dhiilgee, boffee bildiimaa fi quncee talbaa gaarii isa walitti fo'amee dha'ame irraa golgaa hojjetee isa irratti immoo fakkeenya Kiruubel in kaase*.[7]

15Kana booddee Solomoon mootichi utuboota dhundhuma soddomii shan dheeratan lama hojjechiisee manicha dura in keessise; mataa isaa irratti immoo baattuu dhundhuma shan shan dheeratu in tolchisiise.

16Akkasumas sibiila battee dha'ame mataa utuboota sanaatti tolchisiisee miidhaginaaf immoo wanta akka rumaanii dhibba tokko tokko baattuu sibiilichaa irratti in qabsiissise.

17Kana booddee utuboota sana balbala mana qulqullummaa dura isa tokko gara mirgaa, isa kaan immoo gara bitaa in dhaabsise; isa gara mirgaa ?Yaakiin? jedhee moggaase; isa gara bitaa immoo ?Boaz? jedhee moggaase.

l>