Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 30:1-27 GAZB1997 - Bible AI

1Hisqiyaas guutummaa namoota Israa'elii fi namoota Yihudaatti dhaamsa akkasumas gosa Minaasee fi Efreemitti caaffata ergee, gara Yerusaalem gara mana qulqullummaa dhufanii Waaqayyo gooftaa isa kan Israa'eliif ayyaana Faasiikaa akka ayyaaneffataniif in waame*.

2Mootichi, gurguddoonni biyyaa fi wal ga'iin namoota Yerusaalem ayyaanni Faasiikaa kun ji'a isa lammaffaa keessa akka ayyaaneffatamuuf waliin in mari'atan.

3Sababii luboonni hojii kanaaf ga'an of hin qulleessiniif akkasumas namoonni Yerusaalemitti waan walitti hin qabaminiif, yeroo isaa duriitti ayyaaneffachuu hin dandeenye*.

4Mootichii fi guutummaan wal ga'ichaa dubbii mari'atan kana waliif galanii in fudhatan.

5Kanaaf yaada kana irratti murtoo godhanii guutummaa biyya Israa'elitti Bersheebaadhaa kaasee hamma Daanitti labsii labsanii, namoonni hundinuu gara Yerusaalem dhufanii ayyaana Faasiikaa Waaqayyo gooftaa isa kan Israa'eliif akka ayyaaneffataniif in waaman; kanaan dura garuu ayyaana kana akka caafametti baay'atanii ayyaanessanii hin beekan.[88]

6Yommus warri ergaman caaffata mootichaa fi gurguddoota biyyaa isaa biraa fudhatanii akkuma mootichi abboometti guutummaa biyya Israa'elii fi biyya Yihudaa keessa adeemanii, ?Yaa namoota Israa'el! Gara Waaqayyo isa kan Abrahaamitti, isa kan Yisihaqitti, isa kan Yaaqoobittis deebi'aa! Innis immoo gara keessan gara warra haftanii harka mootota Asor jalaa baataniitti in deebi'a*.

7Isin akka abboota keessanii fi obboloota keessan warra Waaqayyo gooftaa isaaniif amanamuu didanii hin ta'inaa! Inni sababii kanaaf akkuma isin amma argitan kana wanta namni ilaalee rifatu isaan godhe.

8Isinis akkuma abboota keessanii boquu hin jabaatinaa! Waaqayyotti of kennadhaa, gara iddoo isaa isa inni bara baraan qulqulleessee kottaa! Dheekkamsi isaa inni boba'aan isin irraa akka deebi'utti Waaqayyo gooftaa keessaniif hojjedhaa![89]

9?Isin gara Waaqayyootti yoo deebitan, warri obboloota keessanii fi ijoollota keessan booji'an oo'a isaanitti argisiisanii gara biyya kanaatti akka isaan deebi'an in godhu; Waaqayyo gooftaan keessan araara-qabeessaa fi oo'a-qabeessa waan ta'eef, isin gara isaatti yoo deebitan inni isin irraa gara hin galu? jedhan*.[90]

10Warri ergaman sun biyya Efreemii fi Minaaseetii jalqabanii hamma biyya Zebuloonitti, mandaraa hamma mandaraatti in adeeman; namoonni gosoota sanaa garuu isaanitti ga'isanii isaanitti in kolfan.

11Haa ta'u iyyuu malee, gosa Asheer, gosa Minaasee fi gosa Zebuloon keessaa jarri tokko gad of deebisanii gara Yerusaalem in dhufan.

12Akkasumas biyya Yihudaa keessatti namoonni wanta mootichii fi gurguddoonni biyyaa isaa akka dubbii Waaqayyootti isaan abbooman yaada tokkoon akka raawwataniif Waaqayyo isaan in gargaare.

13Ji'a lammaffaatti namoonni sonaan baay'een ayyaana Maxinoo ayyaaneffachuuf Yerusaalemitti walitti in qabaman*.

14Yommus namoonni sun ka'anii, Yerusaalem keessaa iddoowwan aarsaa bubuqqisanii, iddoowwan ixaana irratti aarsan hundumaas baasanii laga Qedroonitti in daddarbatan.

15Kana booddee ji'a lammaffaatti, ji'ichattiis guyyaa kudha afuraffaatti hoolaa Faasiikaa in qalan; luboonnii fi Lewwoonni yeella'anii waan turaniif, alana isa durii caalaa of qulleessanii qalma gubamu gara mana qulqullummaatti in geessan*.

16Akkuma abboommii seera Musee nama Waaqayyoo keessatti kennameetti, isaan mana qulqullummaa keessa iddoo iddoo isaanii in dhaabatan; luboonni immoo dhiiga qalma aarsaa isa Lewwoota harkaa fuudhan iddoo aarsaatti in facaasan.

17Waldaa sana keessaa namoonni baay'een akka seeraatti waan of hin qulleessiniif hoolaa Faasiikaa Waaqayyoof addaan baasuu hin dandeenye; kanaaf Lewwoonni warra of hin qulleessin hundumaaf hoolaa Faasiikaa qalanii Waaqayyo duratti isaan in qulleessan.

18Yommus namoota biyya Efreemii, biyya Minaaseetii, biyya Yisaakorii fi biyya Zebuloonii dhufan keessaa garri caalan, akka caafamee jirutti utuu of hin qulleessin hoolaa Faasiikaa nyaachuu in jalqaban; kana irratti Hisqiyaas isaaniif kadhatee, ?Yaa Waaqayyo, akka gaarummaa keetti hunduma isaaniif dhiisi!

19Yaa Waaqayyo, akka seera iddoo qulqullaa'aa kanaatti of hin qulleessine yoo ta'an iyyuu, warra garaa isaanii guutuudhaan si Waaqayyo gooftaa isa kan abboota isaanii barbaaddatan hundumaaf dhiisi!? jedhe.

20Kana irratti Waaqayyo kadhata Hisqiyaas dhaga'ee jarreen sana in maare*.[91]

21Israa'eloonni yeroo sana Yerusaalemitti argaman gammachuu guddaadhaan guyyaa torbaaf ayyaana Maxinoo in ayyaaneffatan; Lewwoonnii fi luboonni guyyaa guyyaatti mi'a guddina Waaqayyoo ittiin faarfataniin galata in dhi'eessan.

22Lewwoota warra hojii Waaqayyoo hubannaa gaariidhaan hojjetan hundumaatti Hisqiyaas dubbii garaa rukutu in dubbate; jarri guyyaa torba guutuu Waaqayyoon gooftaa isa kan abboota isaanii galateeffachaa, qalma araaraa dhi'eessaa, ga'aa isaanii in nyaatu turan*.

23Kana booddee guutummaan waldaa ammas guyyaa torba itti dabalanii ayyaaneffachuuf murtoo in godhan, akkasitti guyyaa torba itti dabalanii gammachuudhaan in ayyaaneffatan.

24Hisqiyaas mootichi tuntunoo kuma tokkoo fi bushaayee kuma torba waldichaaf in kenne, gurguddoonni biyyaa immoo tuntunoo kuma tokkoo fi bushaayee kuma kudhan waldichaaf in kennan; luboonni baay'een immoo hojichaaf of in qulleessan.

25Gaafas guutummaan waldaa Yihudaa, luboonnii fi Lewwoonni, mootummaa Israa'el keessaa kan dhufan, ormi mootummaa Israa'el keessaa dhufan, ormi mootummaa Yihudaa keessa jiraatan hundinuus in gammadan.

26Bara Solomoon ilma Daawit isa guutummaa Israa'el irratti mootii ture sanaa kaasee hamma ammaatti, wanti akkasii Yerusaalem keessatti ta'ee hin beeku; amma garuu Yerusaalem keessatti gammachuu guddaatu ta'e*.

27Yommus luboonni warri sanyii Lewwii ka'anii jara in eebbisan; Waaqayyo iddoo jireenya isaa isa qulqullaa'aa waaqarraa irraa dhaga'ee kadhata isaanii in fudhateef.[92]

ll>