1Kun hundinuu erga raawwatamee booddee Israa'eloonni iddoo ayyaanichaatti argaman hundinuu gara mandaroota Yihudaa dhaqanii, utuboota dhagaa warra qulqullaa'ootti ilaalaman in caccabsan, utuboota qiqqirixamanii fakkeenya Asheeraa waaqayyittii tolfamtuutiif dhadhaabaman in murmuran; iddoowwan sagadaa isaanii warra ol ka'oodhaa fi iddoowwan aarsaa hundumaa diiganii, biyya Yihudaa, biyya Benyaamiin, biyya Efreemii fi biyya Minaasee keessaa in balleessan; Israa'eloonni kana hundumaa balleessanii erga raawwatanii booddee, adduma addaan gara mandara isaanii fi araddaa isaaniitti in deebi'an*.
2Yommus Hisqiyaas lubootaa fi Lewwoota akka kutata kutata isaaniitti akkuma hojii isaaniitti hojii irra isaan in dhaabe; isaan qalma gubamuu fi qalma araaraa in dhi'eessu, Waaqayyoof in hojjetu; faarfannaadhaan karra kellaa iddoo bultii isaatii duratti isa in galateeffatu, in jajatus.
3Mootichi akka seera Waaqayyoo keessatti caafametti qalma gubamu isa ganamaa fi galgala dhi'aatuuf, isa guyyaa Sanbataatti, guyyaa ayyaana baatiitti, guyyaa ayyaana beekamoottis dhi'aatuuf kan ta'u qabeenya isaa keessaa ga'aa isaa in kenne*.
4Akkasumas luboonnii fi Lewwoonni wanta seerri Waaqayyoo isaan irraa barbaadutti akka jabaataniif, namoonni Yerusaalem keessa jiraatan ga'aa isaaniif murame akka isaaniif kennaniif in abboome*.
5Israa'eloonni abboommii kana akkuma dhaga'aniin ija midhaan isaanii isa duraa, daadhii waynii haaraa, dhadhaa ejersaa fi damma akkasumas wanta lafichi baasu hundumaa keessaa baay'inaan in kennan; wanta qaban hundumaa keessaas kudhan keessaa tokko in fidan.
6Namoonni mootummaa Israa'elii fi mootummaa Yihudaa, warri mandaroota Yihudaa keessa jiraatanis saawwanii fi bushaayee isaanii keessaa akkasumas wanta qulqullaa'aa Waaqayyo gooftaa isaaniif addaan ba'e keessaa kudhan keessaa tokko fidanii walitti in qaban*.
7Isaan waggicha keessaa ji'a sadaffaatti jalqabanii ji'a torbaffaatti walitti qabanii in raawwatan.
8Hisqiyaasii fi gurguddoonni biyyaa dhufanii wanta walitti qabame kana yommuu argan, Waaqayyoon in galateeffatan, saba isaa Israa'elinis in eebbisan.
9Kana booddee Hisqiyaas waa'ee isa tuulame kanaa lubootaa fi Lewwoota in gaafate.
10Yommus Azaariyaan inni sanyii Zaadoq keessaa angafa lubootaa ture deebisee, ?Sabni kennaa sochoofamu gara mana qulqullummaatti fiduu erga jalqabee nuyi nyaannee quufnee baay'een nu irraa hafeera; Waaqayyo saba isaa waan eebbiseef, wanti baay'een kun irraa hafuu danda'e? jedhe.
11Gaafas Hisqiyaas kutaawwan manaa mi'i keessa kaa'aman, mana qulqullummaa keessatti akka ijaaraman in abboome; isaanis akkuma inni abboome in godhan.
12Ergasii isaan kennaa sochoofamu sana hundumaa, kudhan keessaa tokko, wanta Waaqayyoof addaan baafames amanamummaadhaan fidanii achi keessa in tuulan; Konaanyaan namni sanyii Lewwii mana mi'aa kanatti gaafatamaa, obboleessi isaa Shime'iin immoo itti aanaa isaa ture.
13Konaanyaa fi obboleessa isaa Shiime'ii gaditti immoo, Yehii'el, Azaziiyaan, Naahaat, Asaa'el, Yeriimoot, Yozaabaad, Elii'el, Ismaakiyaan, Mahaatii fi Benaayaan hojjicha akka hojjetaniif Hisqiyaas mootichii fi Azaariyaan itti gaafatamaan hojii mana qulqullummaa hojicha irra isaan in dhaaban.
14Qoree ilmi Imnaa Lewwichaa eegduun karra isa gara ba'a-biiftuu kennaa namni jaalala isaatiin Waaqayyoof dhi'eessu fuudhee, kennaa sochoofamuu fi kennaa qulqullaa'aa Waaqayyoof addaan baafame in hira ture.
15Eden, Minyaamiin, Yeshu'aan, Shemaa'iyaan, Amaariyaanii fi Shekaaniyaan isa gargaaranii, mandara lubootaa keessatti luboota obboloota isaanii warra jaarsolii fi warra dargaggootaafis amanamummaadhaan ga'aa isaanii in hiruuf turan.
16Kana malees dhiirota warra akka hidda dhaloota isaaniitti caafaman, warra waggaan isaanii sadii guutee fi isaa ol jiraniif, warra akka kutata isaaniitti gara mana qulqullummaa dhaqanii guyyaa guyyaatti akka tarree hojii isaaniitti hojjetan hundumaafis ga'aa isaanii in hiraniif.
17Luboota warra akka dhaloota abboota isaaniitti caafamanii fi Lewwoota warra waggaan isaanii digdama guutee fi digdamaa olii hundumaaf akka itti gaafatama hojii isaanii fi akka kutata hojii isaaniitti in hiraniif.
18Isaan amanamummaadhaan hojichaaf addaan of baasanii waan of qulleessaniif, akka akka hidda dhaloota isaaniitti mucoolii isaanii, dubartoota isaanii, ilmaan isaanii fi intaloota isaanii hundumaa wajjin in caafaman.
19Luboota warra sanyii Aaron keessaa dhiirota warra maasii isa naannoo mandaroota isaanii yookiis naannoo mandaroota kan biraa jiru keessaa hojjetan, warra maqaan isaanii sanyii Lewwootaa keessatti caafame hundumaafis ga'aa isaanii kan kennan namoota in fo'aniif.
20Akkasitti Hisqiyaas mootichi guutummaa biyya Yihudaa keessatti fuula Waaqayyo gooftaa isaa duratti amanamummaadhaan hojii qajeelaa fi hojii gaarii in hojjete.
21Mootichi Waaqayyoon barbaaddatee seera isaa fi abboommii isaa eeguudhaan hojii mana qulqullummaa keessaa hojjete hundumaa garaa isaa guutuudhaan in raawwate; kanaafis hojiin isaa in qajeeleef.