1Yosiyaas dhalatee waggaa saddeetitti mootii ta'ee, Yerusaalem keessa taa'ee waggaa soddomii tokko mo'e;
2Yosiyaas mootichi Waaqayyo duratti wanta qajeelaa ta'e in hojjete; hojii abaabiliin isaa Daawit hojjete irraas gara mirgaatti yookiis gara bitaatti hin jal'anne*.
3Inni mo'ee waggaa saddeettaffaa isaatti, amma iyyuu ijoollee ta'ee utuma jiruu Waaqayyoon isa kan Daawit abaabilii isaa in barbaaddate; mo'ee waggaa kudha lammaffaa isaatti Yerusaalemii fi Yihudaa keessaa iddoowwan sagadaa ol ka'oo, utuboota dhagaa Asheeraa waaqayyittii tolfamtuuf dhadhaabaman, bifa fakkeenya waaqayyolii tolfamoo qiqqirixamanii fi baqfamanii hojjetamanii balleessuu jalqabe.
4Iddoowwan Ba'aaliif itti aarsaa dhi'eessan diigsisee, iddoowwan aarsaa ixaanaa warra isaan gara irraa jiran in hunkuteesse; jarris utuboota dhagaa Asheeraa waaqayyittii tolfamtuuf dhadhaabaman, bifa fakkeenya waaqayyolii tolfamoof hojjetamanii sana caccabsanii hurreessanii awwaala warra isaaniif aarsaa dhi'eessaa turanii irratti in firfirsan*.
5Akkasumas inni lafee luboota warra waaqayyolii tolfamoof hojjechaa turanii iddoo aarsaa isaanii irratti in gube; kana hundumaa gochuu isaatiin Yihudaa fi Yerusaalemin in qulleesse*.
6Kana malees, mandaroota biyya Minaasee fi biyya Efreem, mandaroota biyya Shimi'oonii kaasee hamma mandaroota biyya Niftaalemitti akkasuma in godhe*.
7Iddoo aarsaa fi utuboota dhagaa Asheeraa waaqayyittii tolfamtuuf dhadhaabaman buqqisiisee, bifa fakkeenya waaqayyoliis in hurreessise; iddoo aarsaa ixaanaas biyya Israa'el hundumaa keessaa hunkuteessee erga fixee gara Yerusaalemitti in deebi'e.
8Yosiyaas mootii ta'ee waggaa kudha saddeettaffaa isaatti biyyichaa fi mana qulqullummaa erga qulleessee booddee, mana qulqullummaa isa kan Waaqayyo gooftaa isaatii akka haaressaniif Shaafaan ilma Azaaliiyaa, Ma'aseyaa bulchaa mandarichaa fi Yo'aak ilma Yo'aahaaz isa caaftichaa wajjin in erge.
9Jarri kun yommus horii mana qulqullummaatiif kenname isa Lewwoonni warri karra eegan namoota Minaasee, namoota Efreem, gosoota Israa'el gara bitaatti warra hafan, guutummaa namoota Yihudaa fi namoota Benyaamiin akkasumas warra Yerusaalem keessa jiraatan irraa walitti qaban, Hilqiiyaa angafa lubichaatti in geessan.
10Horichis namoota irra adeemanii hojii mana qulqullummaa ilaalanitti in kenname; isaan immoo namoota manicha akka isaa duriitti deebisanii haaressanii ijaaraniif in baasan.
11Akkasumas ijaarsa adda addaa warra mootonni Yihudaa akka isaan jigan godhan deebisanii haaressuuf akka ta'utti dhagaa soofamaa, muka isa ittiin wal irra qaxxaamursanii jabeessanii fi utuboota akka ittiin bitaniif warra muka soofanii fi ijaartotatti horicha in kennan.
12Warri ijaaran sunis hojicha amanamummaadhaan in hojjetan; hojicha adeemsisuudhaaf immoo sanyii Lewwii ilmaan Meraarii keessaa, Yaahaatii fi Obaadiyaa, ilmaan Qehaatotaa keessaa Zakaariyaasii fi Meshulaamiif aboon in kenname; Lewwoota keessaa warri mi'a faarfannaatiin faarfachuu beekan immoo,
13warra ba'aa baatanii fi hojjetoota warra hojii humnaa hojjetan faarfannaadhaan toosisanii in hojjechiisu turan; isaan keessaa garri kaan immoo caaftota, geggeessitootaa fi karra eegdota turan.
14Utuu isaan horii gara mana qulqullummaatti geeffame sana baasaa jiranii, Hilqiiyaan lubichi macaafa seera Waaqayyoo isa karaa Musee kennamee ture sana in argate.
15Hilqiiyaan yommus Shaafaanin isa caafticha waamee, ?Macaafa seeraa mana qulqullummaa keessaa argadheera? jedhee, macaaficha isatti in kenne.
16Yommus Shaafaan macaaficha gara mootichaatti geessee, ?Nuyi hojjetoonni kee wanta abboomamne hundumaa gooneerra;
17horii mana qulqullummaa keessa jiru sana fuunee warra hojii adeemsisanii fi warra hojjetootatti kennineerra? jedheen.
18Kana booddee Shaafaan inni caaftichi, ?Macaafa kana Hilqiiyaa lubichatu anatti kenne? jedhee, mootichatti hime; achumaan fuula isaa duratti macaaficha in dubbise.
19Yosiyaas mootichi dubbii seera keessatti caafame sana yommuu dhaga'e, na'ee dinqifatee uffata isaa in tarsaase.
20Achumaanis Hilqiiyaa, Ahiiqaam ilma Shaafaan, Abdoon ilma Miikiyaas akkasumas Shaafaanin isa caaftichaa fi Asaayaa isa mana isaa keessa ergamu waamee,
21?Isin dhaqaatii, waa'ee dubbii macaafa isa argame kana keessatti caafamee, anaaf, namoota Israa'elii fi Yihudaa keessatti hafaniif Waaqayyoon gaafadhaa! Abboonni keenya dubbii Waaqayyoo eeguu, akka macaafni kun jedhuttis jiraachuu waan dhiisaniif, dheekkamsi Waaqayyoo inni guddaan nu irratti dhangala'e? jedhe.
22Yommus Hilqiiyaanii fi warri mootichi isaa wajjin erge sun gara raajittii ?Huldaa? jedhamtuu dhaqanii, isheetti in himan; isheen haadha manaa Shaalum ilma Toqihat Hasiraa isa uffata eeguu ti; isheen kutaa mandara Yerusaalem isa lammaffaa keessa in jiraatti turte.
23Isheen isaanitti dubbattee, ?Namicha isa gara kootti isin erge kanaan, ?Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el:-
24kunoo ani wanta hamaa innis abaarsa macaafa fuula mootii Yihudaa duratti dubbifame keessa jiru hundumaa iddoo kanaa fi saba iddoo kana keessa jiraatan irratti nan fida*.
25Isaan ana dhiisanii waaqayyolii biraatiif ixaana waan aarsaniif, waan hojjetan hundumaanis tuttuqanii waan ana aarsaniif, dheekkamsi koo iddoo kana irratti in boba'a, deebi'ees hin dhaamu jedha? jedhaanii!?
26Itti fuftees mootii Yihudaa isa Waaqayyoon gaafachiiffachuuf gara kootti isin ergeetti dubbadhaa, ?Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el waa'ee dubbii isa ati dhageesseetiif kan inni sitti dubbatu dhaga'i!
27Inni, ?Garaan kee dubbii ana Waaqayyo keetiin rukutamee isa ani iddoo kana irratti saba isa keessa jiraatan irrattis dubbadhe yommuu dhageesse gad of deebiftee, uffata kee tarsaaftee ana duratti waan boosseef, ani immoo kadhata kee siif dhaga'eera*.
28Kunoo! Ati duutee abboota kee biratti nagaadhaan akka awwaalamtu nan godha; iji kees badiisa isa ani iddoo kanaa fi saba iddoo kana keessa jiraatanitti fidu hundumaa hin argu jedhe?? jette; warri ergaman sunis deebi'anii deebii isheen kennite hundumaa mootichatti in himan.
29Kana irratti Yosiyaas mootichi geggeessitoota Yihudaa fi Yerusaalem hundumaa walitti in qabe;
30mootichi yommus namoota Yihudaa fi namoota Yerusaalem keessa jiraatan, lubootaa fi Lewwoota akkasumas namoota gurguddootaa fi xixinnayyoota hundumaa wajjin gara mana qulqullummaatti ol in ba'e; inni achitti dubbii ?Macaafa kakuu? isa mana qulqullummaa keessaa argame keessatti caafame hundumaa akka isaan dhaga'anitti isaaniif in dubbise.
31Mootichi Waaqayyo duukaa bu'uuf, abboommii isaa, seerrata isaa fi seera isaa garaa isaa fi yaada isaa guutuudhaan eeguuf, dubbii ?Macaafa kakuu? kana keessatti caafameefis abboomamuudhaaf iddoo isaaf kenname dhaabatee Waaqayyo duratti kakuu isaa in haaresse.
32Namoonni Yerusaalemii fi kutaa biyya Benyaamiin keessaa dhufanis tokko tokkoon ka'anii kakuu sanatti akka galan in godhe; yommus namoonni Yerusaalem keessa jiraatan kakuu Waaqayyo gooftaa isa kan abboota isaanii sanaaf in abboomaman.
33Yosiyaas waaqayyolii ciigga'amoo hundumaa guutummaa biyya Israa'el keessaa baasee, namoonni Israa'el hundinuu Waaqayyo gooftaa isaanii akka waaqeffatan in godhe; hamma bara jireenya isaatiitti isaan Waaqayyo gooftaa isa kan abboota isaanii irraa gara hin galle.