1Yommus Solomoon mootichi iddoo aarsaa dalga dheerinni isaa dhundhuma digdama, bal'inni isaa dhundhuma digdama, ol dheerinni isaa dhundhuma kudhan ta'u sibiila borrajjii irraa in hojjechiise*.
2Akkasumas gaanii bishaanii bal'inni afaan isaatii dhundhuma kudhan, lafa irraa ol ka'inni isaa dhundhuma shan, safarri naannoo garaa isaatii dhundhuma soddoma ta'u sibiila borrajjii irraa in hojjechiise.
3Jala hidhii gaanichaatti fakkeenya bifa korommiitu naanneffamee hojjetame; naannoo gaanii bishaanichaatti dhundhuma tokko tokko irra fakkeenya korommii kudhan kudhaniitu tarree lamaan qodichaa wajjin walitti baqfamanii hojjetaman.
4Gaaniin bishaanichaa dugda korommii sibiila borrajjii irraa hojjetaman kudha lamaanii irra in dhaabata; qotiyyoota sana keessaa sadii gara bitaatti, sadii gara lixa-biiftuutti, sadii gara mirgaatti, sadii immoo gara ba'a-biiftuutti gara galanii hudduu walitti gatanii in dhaabatan; gaaniin bishaanichaa immoo dugda isaanii irra ture.
5Yabbinni gaanichaa hamma bal'ina harkaatti, hidhiin isaa inni akka hidhii shiiniitti gara galee hojjetame daraaraa habaaboo fakkaata; gaanichi liitrii kuma jaatamii ja'a nyaata.
6Kanatti dabalees qalmi gubamu hundinuu akka itti miicamuuf caabii kudhan tolchisiisee, shan karaa gara mirgaa, shan immoo karaa gara bitaa in keessise; gaaniin bishaanii inni guddaan garuu luboonni duwwaan akka itti dhiqataniif dhaabame.
7Akkasumas akka seera dhaabameefitti baattuu ibsaa kudhan warqee irraa hojjechiisee, shan karaa gara mirgaa, shan immoo karaa gara bitaa mana qulqullummaa keessa in dhadhaabsise*.
8Gabatoota kudhan hojjechiisee, shan karaa gara mirgaa, shan immoo karaa gara bitaa mana qulqullummaa keessa in dhadhaabsise; kanatti dabalees waciitii warqee dhibba tokko in hojjechiise*.
9Itti fufees warra lubootaatiif oobdii in tolchisiise; akkasuma immoo oobdii isa guddaas tolchisiisee balbala dallaa isaa hundumaatti sibiila borrajjii in uffise.
10Gaanii bishaanichaa karaa gara mirgaa irraa gara golee ba'a-biiftuutiin in dhaabsise.
11Huraam hojii mi'a mana qulqullummaa keessaa ittiin hojjetan isa Solomoon mootichaaf hojjechaa ture caabii itti daaraa naqan, fal'aana ittiin daaraa hammaaran, waciitii dhiiga facaafamu baatu tolchuudhaan in raawwate; mi'i inni hojjete kanatti fufee jira;
12utuboota lama, baattuuwwan akka waciitiitti hojjetaman lama, baattuuwwan utuboota irra jiran sana lamaan kan miidhagsan sibiila akka gingilchaatti wal keessa galfamanii dha'aman lama,
13sibiila akka gingilchaatti wal keessa galfamanii dha'aman sana miidhagsuudhaaf wanta akka ija rumaaniittii hojjetame dhibba afur; tokkon tokkon sibiila akka gingilchaatti hojjetame irratti baattuu akka waciitiitti hojjetamee utubaa irra jiru sana miidhagsuudhaaf wanta akka rumaaniitti tolfame tarree lama lamaan in naqe.
14Kana malees baattuuwwan geengoo qabanii fi caabiiwwan isaan irra kaa'aman in hojjete;
15gaanii bishaanii fi fakkeenya korommii kudha lamaanii warra gaanicha jala ijaajjaniis in qopheesse.
16Akkasumas Huraam inni hojii harkaatti beekamaa ta'e sun sibiila borrajjii isa qullaa'aa irraa caabiiwwan, fal'aana ittiin daaraa hammaaran, fileewwan foonii fi kana kan fakkaatan mi'a hundumaa mana qulqullummaa isa Solomoon mootichi ijaarsiseef in hojjete.
17Solomoon mootichi isaan kana hundumaa dachaa Yordaanos keessa iddoo supheen itti hojjetamu isa Sukootii fi Zaretaan gidduu jirutti in hojjechiise.
18Mootichi mi'a sana hundumaa baay'isee in hojjechiise; miijanni sibiila borrajjii hojjetame sanaa hammana hin jedhamu ture.
19Solomoon kana malees mi'a mana qulqullummaa keessaa ittiin hojjetamu warra kanatti fufanii jiran hundumaa in hojjechiise; isaanis, iddoo aarsaa isa warqee irraa hojjetame, gabatee buddeenni ilaalchaa irra kaa'amu,
20baattuuwwan ibsaa warra warqee qullaa'aa irraa hojjetamanii fi ibsaa isaanii ti; ibsaanis akka seera isaaniif dhaabameetti iddoo isa hundumaa caalaa qulqulluu duratti ibsuudhaaf in kaa'ama.
21Wanti akka daraaraatti miidhagfamee hojjetame, ibsaan akkasumas wanti ittiin fo'aa ibsaa kutan hundinuu warqee qullaa'aa irraa hojjetaman.
22Qabduu ittiin fo'aa ibsaa kutan, waciitii dhiiga facaafamu baatu, fal'aana ittiin daaraa hammaaran, baattuu irratti ibidda bobeessan in hojjechiise; isaan kun hundinuu warqee qullaa'aa irraa hojjetaman; balbaloonni mana qulqullummaa kutaa isa guddaatti ol galchan hundinuu, gara keessaatti immoo balbaloonni isa hundumaa caalaa qulqulluus warqee irraa hojjetaman.