1Solomoon mootichi hojii ijaarsa mana qulqullummaa hundumaa erga raawwatee, wanta abbaan isaa Daawit hojii kanaaf addaan baase meetii, warqee akkasuma qodaa hundumaa fidee mana mi'aa isa kan mana qulqullummaa keessa in kaa'e*.
2Kana booddee Solomoon mootichi maanguddoota Israa'el, angafoota gosa hundumaa Israa'eloota keessaa warra mana mana abbaa isaaniitti geggeessitoota ta'an hundumaas Yerusaalemitti waamsisee, Xiyoon mandara Daawit keessaa sanduuqa kakuu Waaqayyoo akka fidaniif in abboome*.
3Namoonni Israa'el hundinuus yeroo ayyaana isa ji'a torbaffaa keessa ayyaaneffatamutti mooticha biratti walitti in qabaman.
4Maanguddoonni Israa'el erga wal ga'anii booddee, Lewwoonni sanduuqa kakuu gatiittiitti ol fudhatanii,
5gara mana qulqullummaatti in geessan; Lewwoonni warri luboonni dunkaana itti wal ga'anii fi mi'a isaa isa qulqullaa'aa hundumaa gara manichaatti in geessan.
6Solomoon mootichii fi guutummaan waldaa Israa'el sanduuqa kakuu duratti yommuu walitti qabaman, hoolotaa fi sangoota baay'ee lakkoobsi isaanii hammana hin jedhamne aarsaa in dhi'eessan.
7Yommus luboonnis immoo sanduuqa kakuu Waaqayyoo gara mana qulqullummaa iddoo isaaf qophaa'e isa hundumaa caalaa qulqulluu ta'etti geessanii qoochoowwan Kiruubel jala in kaa'an.
8Kiruubel iddoo sanduuqi kakuu jiru irra qoochoowwan isaanii diriirsanii sanduuqichaa fi danqaraawwan isaa ittiin in golbooban.
9Danqaraawwan sun dhedheeroo dha; namni balbala iddoo isa hundumaa caalaa qulqulluu ta'e dura dhaabatu fiixeewwan isaanii in arga; isa ala dhaabatutti garuu hin argamu; isaan hamma har'aatti iyyuu achuma jiru.
10Sanduuqa kakuu sana keessa gabatoota warra erga sabni Israa'el biyya Gibxii ba'anii booddee abboommiin kurnan irratti caafame lamaan irraa kan hafe wanti biraa hin turre; gabatoota kana Museetu tulluu Siinaa iddoo Waaqayyo saba isaatiif kakuu itti gale gubaatti sanduuqicha keessa kaa'e*.
11Luboonni iddoo qulqullaa'aadhaa gad ba'an, luboonni warri achi turan hundinuu, warri taraan hojii isaanii yeroo sana hin ta'in iyyuu akka seeraatti of in qulleessan*.
12Lewwoota keessaa warri faarfatoonni hundinuu, Asaaf, Hemaanii fi Yedutuun ilmaan isaanii fi aantii isaanii wajjin achi turan; isaan uffata quncee talbaa isa ba'eessa irraa dha'ame uffatanii, iddoo aarsichaa irraa gara ba'a-biiftuutiin dhaabatanii sibiila walitti rurrukutamee sagalee ol kaasuun, maseenqoodhaan, kiraaraanis in faarfatu turan; luboonni dhibbaa fi digdamni immoo isaan bukkee dhaabatanii fiingee in afuufu turan*.
13Warri fiingee afuufanii fi warri faarfatoonni sagalee isaanii wal qixxeessanii walii wajjin in faarfatan, Waaqayyoonis in galateeffatan; fiingeedhaan, sibiila walitti rukutamee sagalee ol kaasuun, mi'a garaa garaatiin sagalee guddaadhaanis,
14Ulfinni Waaqayyoo manicha keessa waan guuteef, duumessichis manicha keessa waan jiruuf luboonni hojii isaanii hojjechuu hin dandeenye.