1Yommus Solomoon, ?Yaa Waaqayyo, ati, ?Duumessa dukkanaa'aa keessan jiraadha? jettee dubbatteetta;
2ani garuu mana guddaa miidhagaa kana keessa bara baraan akka ati jiraattuuf siif ijaareera? jedhe.
3Kana booddee mootichi gara guutummaa wal ga'ii saba Israa'el warra achi dhaabatanii jiran hundumaatti gara galee isaan in eebbise.
4Itti fufees, ?Maqaan Waaqayyo goofticha Israa'el eebbifamaa haa ta'u! Inni isa afaan isaatiin abbaa koo Daawitiin abdachiise amma ofii isaatii fiixaan baaseera; inni Daawititti yommuu dubbate,
5?Saba koo Israa'elin biyya Gibxii keessaa ergan baasee mandara gosoota Israa'el keessaa iddoo ulfina maqaa kootiif manni qulqullummaa itti ijaaramu akkasumas nama saba koo Israa'elin geggeessus ani hin fo'anne.
6Amma garuu Yerusaalemin iddoo ulfinni maqaa kootii buufatu godhee fo'adheera, ati Daawit immoo saba koo Israa'el irratti akka mootuuf si fo'adheera? jedhe.
7?Daawit abbaan koo ulfina Waaqayyo gooftaa Israa'eliif mana qulqullummaa ijaaruuf garaatti yaade ture*.
8Waaqayyo garuu Daawit abbaa kootiin, ?Ati ulfina maqaa kootiif mana qulqullummaa ijaaruuf yaaduun kee gaarii dha;
9haa ta'u iyyuu malee, ilma kee isa ati godhattetu ulfina maqaa kootiif mana qulqullummaa anaaf ijaara malee, mana kan anaaf ijaaru si miti? jedhee ture.
10Amma Waaqayyo isa dur abdachiisee ture sana fiixaan baaseera; ani akkuma inni dur abdachiisetti iddoo Daawit abbaa koo mootii ta'ee teessoo Israa'el irra taa'eera, ulfina Waaqayyo gooftaa Israa'eliifis mana qulqullummaa ijaareera.
11Sanduuqicha kakuu manicha keessa kaa'eera, sanduuqicha keessa immoo gabateewwan kakuun Waaqayyo saba isaa Israa'eliif gale irratti caafametu kaa'amee jira? jedhe.
12Yommus Solomoon mootichi ka'ee gara iddoo itti Waaqayyoof aarsaa dhi'eessanii dhaqee, guutummaa wal ga'ii saba Israa'el dura dhaabatee kadhataaf harka isaa in bal'ise.
13Kana gochuu isaa dura garuu siree irra ijaajjanii dubbatan, dalga dheerinni isaa dhundhuma shan, bal'inni isaa dhundhuma shan, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma sadii kan ta'u sibiila borrajjii irraa hojjetee, oobdii isa alaa walakkaa in dhaabe; ergasii siree sana yaabbatee fuula wal ga'ii Israa'el dura jilbeenfatee harka isaa gara waaqaatti bal'isee,
14in kadhate.
15?Ati garbicha kee abbaa koo Daawitin isa abdachiifte raawwatteetta, isa dur afaan keetiin dubbattes har'a kunoo, ofii keetii fiixaan baafteetta.
16?Ammas yaa Waaqayyo gooftaa Israa'el, isa garbicha kee abbaa koo Daawitiin, ?Akkuma ati fuula koo dura deddeebi'aa turte kanatti, ilmaan kees wanta godhan hundumaatti akka abboommii kootti yoo deddeebi'an, namni isaan keessaa mootii ta'ee teessoo Israa'el irra fuula koo dura taa'u hin dhabamu? jettee, isa abdachiifte sana eegiif*!
17?Amma yaa Waaqayyo gooftaa Israa'el, isa garbicha kee Daawitin abdachiifte sana raawwadhu!
18?Yaa Waaqayyo, ati dhuguma lafa irra namootaa wajjin jiraattaa ree? Kunoo, bantiiwwan waaqaa fi bantiin waaqaa inni isaan gara irraa jiru iyyuu si fudhachuu hin danda'u erga ta'ee, manni qulqullummaa ani ijaare kun immoo hammam isa irra haa xinnaatu ree*!
19?Yaa Waaqayyo gooftaa ko! Gurra kee gara kadhata ana garbicha keetiitti qabi, himata koos dhaggeeffadhu, kadhata ani garbichi kee fuula kee duratti kadhachaa jirus yaadaan anaaf qabi!
20?Iji kee halkanii fi guyyaa gara mana qulqullummaa isa ulfinni maqaa kee achi keessa akka taa'u goote kanaa haa ilaalu, isa ani garbichi kee gara iddoo kanaatti gara galee si kadhadhus anaaf dhaga'i*!
21?Waammata ani garbichi kee fi Israa'el sabni kee gara iddoo kanaatti gara gallee si waammannu, waaqa irraa iddoo jireenya keetiitii nuuf dhaga'i, nuuf dhiisi!
22?Namni tokko nama irratti cubbuu yoo hojjete, isa hojjete kanaaf gara mana qulqullummaa kanaa dhufee iddoo aarsaa keetti dhi'aatee akka kakatuuf yommuu gaafatamu,
23ati immoo waaqa irraa dhaga'ii firdii kenni, garboota keefis firdii yommuu kennitu isa yakkeef akkuma yakkasaatti mataa isaatti deebisi, isa qajeelaadhaaf immoo akka qajeelummaa isaatti kenniif!
24?Sabni kee Israa'el sababii si yakkaniif diinota isaaniitiin yeroo mo'amanitti, gaabbanii gara keetti deebi'anii maqaa kee waammatanii mana qulqullummaa kana keessatti fuula kee duratti yommuu si kadhatan,
25ati waaqa irraa isaaniif dhaga'i, cubbuu saba keetii kanas dhiisiif, biyya isa abboota isaaniitiif, isaaniifis kennitetti isaan deebisi!
26?Sababii isaan si yakkaniif bantiiwwan waaqaa cufamanii bokkaan lafa irratti yommuu roobu dhiisutti, sababii cubbuu isaaniitiifis rakkina yommuu isaanitti fiddutti, isaan gara iddoo kanaatti gara galanii yoo si kadhatan, maqaa kee yoo waammatan, cubbuu isaanii irraas yoo deebi'an,
27yommus ati waaqa irraa isaaniif dhaga'i, cubbuu garboota kee saba Israa'el kanaas dhiisiif! Karaa qajeelaa irra akka isaan deddeebi'an isaan barsiisi, biyya isa saba keetiif dhuunfaa gootee kennite irrattis bokkaa roobsi!
28?Yommuu beellii fi dha'ichi biyyichatti dhufutti waagiin, gogiin, hawaannisii fi korophisi midhaan balleessanitti yookiis yommuu diinni biyyicha marsee rakkisutti, dha'icha keessaa yookiis dhukkuba keessaa tokko illee biyyichatti yommuu dhufutti,
29?Kadhata isaanii dhaggeeffadhuuf! Guutummaa saba kee Israa'el biraa yookiis isaan keessaa nama tokko biraa kadhannii fi waammanni gara keetti yommuu dhi'aatu, tokkon tokkon isaanii dhukkuba isaanii fi rakkina isaanii kanaaf harka isaanii gara mana qulqullummaa kanaatti yommuu bal'isan,
30?Ati waaqa irraa iddoo jireenya keetiitii isaaniif dhaga'i, isaaniifis dhiisi! Si duwwaatu garaa namaa beeka, kanaafis ati adduma addaan akka hojii isaaniitti isaaniif deebisi!
31?Yommus isaan biyya isa ati abboota keenyaaf kennite keessa bara jiraatan hundumaatti si in sodaatu, karaa kee irras in deddeebi'u.
32?Akkasuma immoo sanyii saba kee Israa'el keessaa kan hin ta'in, namni ormi tokko waa'ee maqaa kee isa guddaa, irree kee isa cimaa fi harka kee isa bal'ifamaa dhaga'ee biyya fagoodhaa dhufee, gara mana kanaatti gara galee yommuu kadhatutti,
33?Waaqa irraa iddoo jireenya keetiitii isaaf dhaga'i! Sabni lafa irraa hundinuu akkuma saba kee Israa'el maqaa kee akka beekanitti, akka si sodaatanitti, manni ani ijaare kunis maqaa keetiin akka waamamu akka beekanitti waan inni ormi sun si kadhatu dhaga'iif!
34?Sabni kee diinota isaaniitti duuluudhaaf gara ati isaan ergitu yommuu dhaqan gara mandara ishee ati fo'atte kanaa fi gara mana qulqullummaa isa ani ulfina maqaa keetiif ijaare kanaatti gara galanii yommuu si kadhatanitti,
35?Ati waaqa irraa kadhata isaanii fi iyyata isaanii isaaniif dhaga'i, wanta isaan sitti himatanis raawwadhuuf!
36?Namni hin yakkine lafa irra tokko illee hin jiru waan ta'eef, sabni kee yommuu si yakkan, ati isaanitti dheekkamtee, diinota isaanii warra isaan booji'anii biyya fagootti yookiis dhi'ootti isaan geessanitti dabarsitee yommuu isaan kennitu,
37?Sabni kee kun immoo biyya isa itti booji'aman sana keessatti yaada isaaniitiin gara keetti deebi'anii, ?Nuyi cubbuu hojjenneerra, karaa irraa kaanneerra, jal'inas hojjenneerra? jedhanii, yommuu si kadhatan isaaniif dhaga'i!
38?Biyya itti booji'aman sana keessatti garaa isaanii fi yaada isaanii hundumaan gara keetti yoo deebi'an, gara biyya isa ati abboota isaaniif kennitetti, gara mandara ishee ati fo'atte kanaaf gara mana qulqullummaa isa ani ulfina maqaa keetiif ijaare kanaatti gara galanii yommuu si kadhatanitti,
39?Ati waaqa irraa iddoo jireenya keetiitii kadhata isaanii fi iyyata isaanii dhaga'iif, wanta isaan sitti himatanis raawwadhuuf, isa sabni kee kun si yakkes dhiisiif!
40?Ammas yaa Waaqayyo ko, sin kadhadha iji kee gara kadhata iddoo kanatti kadhatamuu haa ilaalu, gurri kees isa haa dhaggeeffatu!
41
42