1Solomoon mootichi kadhata isaa erga raawwatee, ibiddi waaqa irraa gad bu'ee qalma gubamuu fi aarsaa dhi'aate sana in fixe; ulfinni Waaqayyoos manicha qulqullummaa keessa in guute*.
2Sababii ulfinni Waaqayyoo manicha qulqullummaa keessa guuteef, luboonni gara manichaatti ol lixuu hin dandeenye.
3Ibiddichi yommuu gad bu'e, ulfinni Waaqayyoos manicha irra yommuu buufate, Israa'eloonni hundinuu arganii buusaa dhagaa irra jilbeenfatanii, adda isaaniitiinis gombifamanii Waaqayyoof sagadanii,
4Kana booddee mootichii fi jarri hundinuu Waaqayyo duratti aarsaa in dhi'eessan.
5Yommus Solomoon mootichi saawwan kuma digdamii lama, bushaayee kumaatama dhibbaa fi kuma digdama aarsaa in dhi'eesse; akkasitti mootichii fi jarri hundinuu manicha qulqullummaa in eebbisan.
6Luboonni iddoo iddoo isaaniif kenname in dhaabatan, warri Lewwoonni immoo isaanitti gara galanii mi'a ittiin faarfatan, isa Daawit dur Waaqayyoon akka ittiin faarfataniif hojjechiise, isa ittiin, ?Gaarummaan isaa bara baraan in jiraata? jedhanii faarfatan sana qabatanii in dhaabatan; luboonni warri isaan fuul dura dhaabatan fiingee in afuufan; Israa'eloonni achi turan hundinuu in ijaajjan.
7Iddoon aarsaa inni Solomoon sibiila borrajjii irraa hojjechiise sun aarsaa gubamu, kennaa midhaanii fi moora aarfamu baachuu waan hin dandeenyeef, Solomoon iddoo oobdii mana qulqullummaa fuula dura jiru, isa gara gidduu lafa aarsaan itti dhi'eeffamu eebbisee, achitti aarsaa gubamuu fi moora aarfamu in dhi'eesse.
8Yeroo sana Solomoonii fi guutummaan saba Israa'el torban tokko achi taa'anii in ayyaaneffatan; Leboo-Haamaatii ka'ee hamma laga Gibxiitti kan jiru waldaan guddaan achitti wal ga'ee ture.
9Ayyaana eebba iddoo aarsichaa guyyaa torba erga ayyaaneffatanii, itti fufanii immoo ayyaana Gordommaa guyyaa torba in ayyaaneffatan; guyyaa saddeettaffaatti immoo wal ga'ii in godhatan.
10Ji'a torbaffaatti, ji'icha keessaa guyyaa digdamii sadaffaatti jarri gara mana mana isaaniitti akka galaniif Solomoon mootichi gad isaan in dhiise; yommus isaan wanta gaarii isa Waaqayyo Daawitiif, Solomooniif akkasumas saba Israa'eliif godheef garaa isaanii keessatti gammadaa ililchaa in galan.
11Yommus Solomoon mootichi mana qulqullummaa fi mana mootummaa ijaaree in fixe; wanta manicha qulqullummaa keessattii fi mana ofii isaatii itti galu keessatti hojjechuu yaade hundumaas in raawwate.
12Kana booddee Waaqayyo halkan isatti mul'atee, ?Ani kadhata kee dhaga'eera, manni qulqullummaa kunis iddoo itti anaaf aarsaa dhi'eessan akka ta'uuf fo'adheera*.
13?Bantiiwwan waaqaa cufee bokkaan lafa irratti akka hin roobne yommuun godhu yookiis hawaannisi midhaan keessan akka fixuuf yommuun abboomu yookiis saba kootti dha'icha yommuun ergu,
14?Sabni koo warri dhuunfaa koo ta'an kun gad of deebisanii ana barbaaddatanii, karaa isaanii isa hamaa irraa deebi'anii, yoo na kadhatan, ani waaqa irraa isaaniif nan dhaga'a, cubbuu isaanii isaaniif nan dhiisa, biyya isaaniis nan fayyisa.
15?Iji koo gara kadhata iddoo kanatti kadhatamuu in ilaala, gurri koos isa in dhaggeeffata*.
16?Ani mana qulqullummaa kana fo'adhee addaan baafadheera, ulfinni maqaa koos bara baraan achi in buufata, ija koo isa irraa hin buqqifadhu, garaan koos yeroo hundaa achi jira.
17?Ati immoo akkuma abbaan kee Daawit godhe qajeelinatti fuula koo dura yoo deddeebite, wanta ani si abboome hundumaa yoo goote, seerrata koo fi wanta fuula koo duratti qajeelaa ta'e yoo eegde,
18?Akkuma ani dur, ?Israa'elin kan mo'u sanyii kee keessaa hin dhabamu? jedhee, abbaa kee Daawitiif kakadhee ture ani teessoo mootummaa kee nan jabeessa*.
19?Atii fi sabni kee garuu, seerrata koo fi abboommii koo warra ani isiniif kenne dhiiftanii, gara galtanii waaqayyolii biraaf yoo hojjettan, isaaniif yoo sagaddanis,
20yommus ani immoo biyya koo isan isiniif kenne keessaa isin nan baasa; mana isan ulfina maqaa kootiif qulqulleeffadhe kanas nan tuffadha; saba hundumaa keessatti kan namni ittiin mammaakuu fi kan namni itti ga'isu isa nan godha.
21?Yommus mana qulqullummaa isa amma ulfina-qabeessa ta'e kana bira warri darban dinqisiifachaa, ?Waaqayyo maaliif wanta akkasii biyya kanaaf mana kana irratti hojjete?? in jedhu.
22?Deebiis yommuu kennan, ?Sababii isaan Waaqayyo gooftaa isa kan abboota isaanii isa biyya Gibxii keessaa isaan baase dhiisanii waaqayyolii biraatti maxxananii, isaaniif hojjetanii isaaniif sagadaniif, Waaqayyo gooftichi badiisa kana hundumaa isaanitti fide? in jedhu? jedhe.