1Solomoon mootichi mana qulqullummaa akkasumas mana mootummaa isa ofii isaatii itti galu waggaa digdama guutuu ijaare.
2Kana booddee mandaroota warra Hiiraam mootichi isaaf deebisee kenne haaressee ijaaree Israa'eloonni achi keessa akka taa'an in godhe.
3Ergasii Solomoon biyya Haamaat-Zobaatitti duulee in qabate.
4Inni lafa onaa keessatti mandara Tadmor erga ijaaree booddee akkasumas kutaa Haamaat keessatti mandaroota gombisaa midhaanii fi mi'a garaa garaa in ijaarsise.
5Kanatti aansee immoo Bet-Horoon isa ol aanuu fi Bet-Horoon isa gad aanu deebisee ijaarsisee masaraa cimaa itti in naannessiise; karrawwan isaatti immoo balbala gara lamatti banamu itti tolchisiisee, danqaraa ittiin cufanis itti in keessise.
6Akkasumas mandara Ba'aalaatti, mandaroota gombisaa midhaanii fi mi'a garaa garaa hundumaa, mandaroota konkolaattonni keessa taa'anii fi fardeen itti galan wanta ijaaruu yaade hundumaas Yerusaalemitti, Liibaanonitti, biyya mootummaa isaa hundumaa keessattis in ijaarsise.
7Sanyii Israa'el kan hin ta'in Heetota, Amoorota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yibusoota achitti hafan hundumaa,
8ijoollota, saba warra Israa'eloonni balleessuu dhiisanii biyya keessatti hambisan hundumaa, Solomoon hamma har'aatti iyyuu akka garbaatti akka isaaf hojjetan in godhe*.
9Namoota Israa'el immoo loltoota isaa, ajajjuu waraanaa isaa, ajajjuu konkolaattotaa fi ajajjuu abboota fardeenii godhate malee, akka garbaatti isaan hin hojjechiifanne.
10Solomoon mootichi angafoota hojjetoota bulchan namoota dhibba lamaa fi shantama qaba ture.
11Solomoon yommus, ?Iddoon sanduuqi kakuu Waaqayyo jiru qulqulluu waan ta'eef, haati manaa koo mana Daawit mootii Israa'elitti galuun hin ta'u!? jedhee, haadha manaa isaa intala mootii Gibxii mandara Daawit keessaa gara mana mootummaa isa isheedhaaf ijaarameetti in geesse.
12Ergasii Solomoon iddoo aarsaa isa gardaafoo mana qulqullummaa oobdii duratti ijaare sana irratti qalma gubamu Waaqayyoof in dhi'eesse.
13Akkuma Museen abboometti guyyaa guyyaatti, guyyaa Sanbataatti, baatii ji'aatti akkasuma ayyaannan waggaatti si'a sadii ayyaaneffatamanitti, ayyaana Maxinootti, ayyaana Makariitti, ayyaana Gordommaattis aarsaa dhi'aachuun ta'u in dhi'eesse*.
14Akkuma Daawit abbaan isaa seera dhaabee turetti warra lubootaa hojii hojii isaanii irra, warri Lewwootaas wanta guyyaa guyyaatti barbaachisu luboota akka gargaaraniif, faarfannaadhaanis galata akka dhi'eessaniif hojii hojii isaanii irra isaan in dhaabe; Daawit namni Waaqayyoo akkuma abboomee turetti, warri karra eeganis karroota hundumaa akka eegan in godhe*.
15Namni tokko illee wanta mootichi waa'ee lubootaa fi Lewwootaa akkasumas waa'ee qabeenya manichaaf abboome irraa hin jal'anne.
16Hundeen mana qulqullummaa kaa'amuu isaatii jalqabee hamma dhuma isaatiitti Solomoon hojii manichaa hundumaa hojjetee in raawwate; akkasitti ijaarsi mana qulqullummaa in xumurame.
17Kana booddee Solomoon mootichi gara mandaroota Eziyon-Geberii fi Eloot warra biyya Edoom keessaa gara daarii galaanaa jiranii in dhaqe.
18Yommus Hiiraam mootichi hojjetoota isaa keessaa warra markaba oofuu beekanitti markabootaa fi namoota amala galaanaa beekan Solomooniif in erge; jarreen sun hojjetoota Solomoonii wajjin gara Ofiir dhaqanii warqee akka kuntaala dhibbaa fi jaatamaa miijanu Solomoon mootichaaf in fidan.