Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 9:1-31 GAZB1997 - Bible AI

1Mootuun biyya Sheebaa waa'ee Solomoon yommuu dhageesse, isa qoruuf gaaffii cimaa qopheeffattee gara Yerusaalem in dhufte; isheen namoota baay'ee fudhattee urgooftuu garaa garaa, warqee fi dhagaa gati-jabeeyyii danuu gaalotatti feesifattee in dhufte; Solomoon bira yommuu dhufte wanta garaa isheetti yaaddee qopheeffatte hundumaa isaa wajjin in dubbatte*.[22]

2Yommus Solomoon wanta isheen gaafatte hundumaaf deebii in kenne; wanti inni isheef deebisuu dadhabe tokko illee hin turre.

3Mootuun biyya Sheebaa ogummaa Solomoon yommuu argite, mana mootummaa isa inni ijaares yommuu ilaalte,

4akkasumas nyaata maaddii isaatti dhi'aatu, akka itti hojjetoonni isaa warri gurguddoonni taa'an, akka itti namoonni isaaf ergamanii fi warri dhugaatii isaaf dhi'eessan uffatanii dhaabatan akkasumas Solomoon gara mana qulqullummaatti ol ba'ee qalma gubamu utuu dhi'eessuu yommuu argite dinqisiifattee hafuurri ishee gargar in cite.

5Yommus isheen mootichaan, ?Inni ani wanta ati hojjettee fi waa'ee ogummaa keetii biyya kootti dhaga'e dhugaa dha;

6garuu hamma ani ofii kootii dhufee isa argutti wanta anatti himame sana amanuu hin dandeenye. Kunoo, guddina ogummaa keetii keessaa walakkaadhumti iyyuu anatti hin himamne; ati isan dhaga'e irra iyyuu guddaa in caalta.

7Namoonni kee hammam haa gammadan! Hojjetoonni kee warri gurguddoonni warri yeroo hundaa si bira jiran, jecha kee isa ogummaadhaan guute yommuu dhaggeeffatan hammam haa gammadan!

8Waaqayyo gooftaan kee inni si jaallate, inni teessoo isa ofii isaatii siif kenne irra si kaa'ee akka ati isaaf hojjettuuf mootii si godhe haa galateeffamu! Waaqayyoon kee Israa'eloota waan jaallatuuf, bara baraanis isaan jiraachisuu waan fedhuuf, ati firdii qajeelaa akka kennituuf, wanta isa duratti fudhatamaa ta'e akka hojjettuuf isaan irratti si moosise? jette*.[23]

9Kana booddee isheen warqee akka kuntaala afurtamaa, urgooftuu garaa garaa danuu akkasumas dhagaa gati-jabeessa Solomooniif in kennite; kan akka urgooftuu mootuun biyya Sheebaa Solomoon mootichaaf kennitee takkaa argamee hin beeku.

10Kana malees hojjetoonni Hiiraam mootichaa fi hojjetoonni Solomoon mootichaa warri warqee biyya Ofiirii fidan muka fo'amaa fi dhagaa gati-jabeessa fidanii turan.

11Yommus mootichi muka fo'amaa sana irraa buusaa ittiin mana qulqullummaatti ol lixanii fi buusaa ittiin mana mootummaatti ol lixan in hojjechiise; warra faarfatootaaf immoo mukicha irraa kiraaraa fi maseenqoo in tolchisiise; wanti akkasii hamma har'aatti iyyuu biyya Yihudaa keessatti argamee hin beeku.

12Yommus Solomoon mootichi kennaa mootuun biyya Sheebaa isaaf kennite irra kan caalu akkasumas wanta isheen isa kadhattee fi wanta garaan ishee hawwe hundumaa isheedhaaf in kenne; kana booddee isheen namoota ishee wajjin gara biyya isheetti in deebite.

13Solomoon waggaatti warqee akka kuntaala dhibba lamaa fi digdamii ja'aa miijanu in argata ture.

14Kana malees, naggaadonni gurguddoonnii fi naggaadonni warri kaan gibira in baasu, warri kutaa biyyaa bulchanii fi mootonni Arabootaa warqee fi meetii in fiduuf turan.

15Solomoon mootichi gaachana gurguddaa dhibba lama warqee qullaa'aa irraa in hojjechiise; tokkon tokkon gaachanichaa warqee akka kiilo graamii sadii fi walakkaa miijanuun hojjetame.

16Akkasumas gaachana xixinnaa dhibba sadii warqee qullaa'aa irraa in hojjechiise; tokkon tokkon gaachanichaa warqee akka kiilo graamii lamaa miijanuun hojjetame; mootichi gaachanoota kana hundumaa kutaa mana mootummaa isa ?Caakkaa Liibaanon? jedhamu keessa in keessise.

17Kana booddee mootichi teessoo guddaa tokko ilka arbaa irraa hojjechiisee warqee qullaa'aa itti in uffisiise.

18Teessichi buusaa ja'aa fi ejjeta miillaa warqee irraa itti hojjetame, bukkee isaa garasii fi garanaan immoo wanta harka irra kaa'atan qaba ture; bukkee wanta harka irra kaa'atan kana lamaaniitiin immoo fakkaattii leencaa lamatu dhaabamanii jiru.

19Fiixee buusaa ja'an garasii fi garanaan fakkaattiin leencota kudha lamaa in dhadhaabatu turan; wanti akkasii mootummaa isa kam keessatti illee hojjetamee hin beeku.

20Qodaan dhugaatii Solomoon mootichaa hundinuu fi qodaan mana mootummaa isa ?Caakkaa Liibaanon? jedhamu keessa jiru hundinuu warqee irraa hojjetaman; bara Solomoon keessa meetiin gatii guddaa waan hin qabneef homtuu ittiin hin hojjetamne.

21Mootichi markaba ittiin biyya Tarshiishitti deddeebi'anii nagadan qaba ture; markabicha kan oofu immoo hojjetoota Hiiraam; markabichi waggaa sadiitti si'a tokko warqee, meetii, ilka arbaa akkasumas jaldeessaa fi qamalee biyya Tarshiishii in fida ture.

22Solomoon mootichi ogummaa fi badhaadhummaadhaan mootota saba lafa irraa warra kaan hundumaa in caala ture.

23Mootonni saba lafa irraa hundinuu ogummaa Waaqayyo Solomooniif kenne dhaga'uudhaaf in hawwu turan.

24Warri isa bira dhufan hundinuu mi'a meetii fi warqee irraa hojjetame, uffata, mi'a waraanaa, urgooftuu akkasumas fardeenii fi gaangolii fidanii in kennuuf turan; kunis wagguma waggaan itti in fufe.

25Solomoon kutaawwan manaa fardeen itti galanii fi kutaawwan manaa konkolaattonni keessa kaa'aman kuma afur qaba ture; abboonni fardeenii isaa kuma kudha lama turan; inni isaan kana keessaa gar tokko mandaroota konkolaattonni keessa kaa'aman keessa in kaa'e, gara kaan immoo of bira Yerusaalem mandara mootii keessa in kaa'e*.

26Inni laga Efraaxiisii kaasee hamma biyya Filiisxiyaatti akkasumas hamma daarii biyya Gibxiitti mootota hundumaa irratti in mo'e*.

27Bara mootummaa isaa keessa Yerusaalem keessatti meetiin akkuma dhagaa akka baay'atu, gaattiraanis akkuma mukti harbuu biyya gaaraa jalatti baay'atu akka baay'atu in godhe*.

28Solomoon fardeen isaa biyya Gibxii fi biyya garaa garaa hundumaa keessaa in fichisiise*.[24]

29Wanta Solomoon mootichi bara mootummaa isaa keessa hojjete keessaa inni hafe, jalqabaa hamma dhumaatti caaffata Naataan raajichaa, macaafa raajii Ahiiyaa Shiilonichaa fi mul'ata Iddoon ilaaltichi waa'ee Yerobi'aam ilma Nebaat arge sana keessatti caafameera*.

30Solomoon waggaa afurtama Yerusaalem keessa taa'ee guutummaa Israa'el irratti in mo'e.

31Kana booddee Solomoon du'ee, mandara Daawit abbaa isaatii keessatti in awwaalame; Rehobiyaam ilmi isaa immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e.[25]

l>