Macaafa Sefaaniyaa Raajichaa 1:1-18 GAZB1997 - Bible AI
1Kun dubbii Waaqayyoo isa bara Yosiyaas ilmi Amoon mootii Yihudaa ture gara Sefaaniyaa ilma Kuushii, ilma Gedaaliiyaa, ilma Amaariiyaa, ilma Hisqiyaas dhufee dha*.
2Waaqayyo, ?Ani wanta hundumaalafa irraa haxaa'ee nan balleessa;
3nama, horiis haxaa'ee nan balleessa;allaattii qilleensa keessa balali'u,qurxummii galaanaas haxaa'ee nan balleessa;yommuu ani nama lafa irraa balleessu,warri hamoonniakka tuullaa kosii in ta'u;kana ana Waaqayyotu dubbate*.[1]
4?Ani Yihudaa irratti,Yerusaalem keessa warra jiraatan hundumaa irrattis,harka koo ol nan fudhadha;hambaa warra Ba'aaliif hojjetanii,warra waaqayyolii tolfamoodhaaf sagadanisluboota isaanii wajjin achi keessaa raawwadhee nan balleessa*;
12Guyyaa sanatti ani Yerusaaleminfonqolchee ibsaadhaan nan ilaala,namoota ishee warra akka daadhii wayniiisa siicoo irratti hafee ta'an,warra of irraa bu'anii,?Waaqayyo wanta gaariiyookiis hamaa hin hojjetu?jedhanii yaadan nan adaba*.
13Badhaadhummaan isaanii in saamama,manneetiin isaaniis in ona;mana in ijaarratu,garuu keessa hin jiraatan;muka waynii in dhaabbatu,garuu daadhii waynii isaahin dhugan? jedha*.[3]
14Guyyaan Waaqayyoo inni guddaan dhi'aateera,dhi'aateera, dafees in dhufa;guyyaa Waaqayyoo sanattiloltoonni jajjaboon iyyuusodaatanii iyya jabaa in iyyu*.
15Guyyaan sun guyyaa dheekkamsaa ti,guyyaa dhiphinaatiif guyyaa gidiraa ti;guyyaa rakkinaatii fi guyyaa badiisaa ti;guyyaa dimimmisaatii fi guyyaa dukkanaa ti;guyyaa duumessaatii figuyyaa dukkana limixii ti*;
16guyyaan sun guyyaa fiinoo fi iyyi lolaamandaroota kellaa dhagaa qabanii fimasaraa ol ka'oo irratti dhaga'amuu dha.[4]
17Waaqayyo, ?Ani namoota irrattirakkina nan fida,isaan ana Waaqayyoon waan yakkaniif,akka namoota jaamotaatti in deddeebi'u;dhiigni isaanii akka awwaaraattigad in nam'a,reeffi isaaniis akka kosiittiin gatama? jedha.