Macaafa Sefaaniyaa Raajichaa 2:1-15 GAZB1997 - Bible AI

1Isin yaa saba hin yeellaanee nana, walitti qabamaa, walitti sassaabamaa!

2Guyyichi jedhame sun utuu hin ga'in, akka habaqii qilleensi fuudhee adeemuuttis utuu hin darbin, dheekkamsi Waaqayyoo inni boba'aan utuu isinitti hin dhufin, guyyaan dheekkamsa Waaqayyoo sun utuu isinitti hin dhufin walitti qabamaa*!

3Isin warri gad deebi'oon biyyicha keessa jiraattan, warri isa duratti wanta qajeelaa ta'e hojjettan hundinuu Waaqayyoon barbaaddadhaa! Guyyaa dheekkamsa isaa sanatti inni isin golboobee isin in oolcha ta'a, isin immoo qajeelinaa fi garraamummaa barbaaddadhaa*![6]

4Mandarri Gaazaa in dhiifama, Ashqalonis in ona; Ashdood keessaa guyyaa saafaa namoonni oofamanii in ba'u, Eqroon immoo hundeedhaan in buqqa'a.

5Yaa warra galaana qarqara jiraattanii, yaa saba Keret isiniif wayyoo! Yaa Kana'aan biyya Filisxeemotaa, ?Ani isin nan balleessa, namni tokko iyyuu hin hafu? kan jedhu, dubbiin Waaqayyoo isin irratti dubbatameera.

6Biyyi galaana qarqaraa iddoon warri Keret jiraatan, iddoo horii dheechifatanii fi iddoo bushaayee itti galfatan in ta'a.

7Biyyichi hambaa sanyii Yihudaaf in kennama; isaan horii isaanii achi in dheechifatu, halkan immoo mana warra Ashqalon keessa in boqotu; Waaqayyo gooftaan isaanii isaaniif in yaada, warra isaan duraa booji'amanis in deebisaaf*.[7]

8Waaqayyo, ?Ani ga'oo warra Mo'aab, arrabsoo warra Amoonis isa isaan saba koo arrabsanii, biyya isaanii qabachuuf isaan doorsisanis dhaga'eera;

9ammas ani jiraataa dha, dhugumaan warri Mo'aab akka warra Sodoom, warri Amoonis akka warra Gomoraa iddoo huuxxii qoraattii fi iddoo boolla soogiddaa, iddoo bara baraan diigames in ta'u; sabni koo warri hafan isaan in saamu, sabni koo warri baraaraman isaan in dhaalu? jedhe; kana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate*.[8]

10Sababii saba Waaqayyo gooftaa maccaa irratti of gurguddisanii, isaan abaaranii, isaanitti ga'isaniifis gatii isaanii in argatu*.

11Waaqayyo yeroo waaqayyolii biyya lafaa hundumaa balleessutti, surraa isaatiin isaan in sodaachisa; sabni daarii galaanaa hundinuu adduma addaan iddoo jiranitti isaaf in sagadu.[9]

12Isinis yaa warra Kuush! Billaa kootiin in waraanamtu*.

13Inni harka isaa warra gara-mirgaa irratti ol fudhatee Asoriin balleessee, Nanawwee immoo raawwatee onsee akka lafa duwwaa in gogsa;

14karri horii fi homaan bineensota qomoo garaa garaa achi in boqotu; allaattiin bishaanii fi hurunguun utubaa isaa irra in buufatu; sagaleen isaaniis karaa qaawwa manaa in dhaga'ama; miil jalee balbalaa irra kosiin in tuulama, derersumaan gaattiraa qullaatti in hafa.

15Kun mandara ishee nagaa fi gammachuutti jiraattuu dha; isheen, ?Ana malee namni kan biraa hin jiru? jettee yaadde, amma garuu attamitti iddoo onaa bineensi keessa jiraatu taate! Warri karaa sana darban hundinuu, harka isaanii ol qabanii itti in ga'isu*.[10]

oter>