4Raajonni ishee of in koorsu,isaan warra dubbiin isaanii hin amanamnee dha;luboonni ishees iddoo qulqullaa'aa in xureessu,seeras in cabsu*.
5Waaqayyo inni qulqulluun garuuishee keessa jira,inni wanta qajeelaa hin ta'intokko illee hin hojjetu;ganama ganama firdii isaaisa qajeelaa ifatti in baasa;kana gochuus hin dhiisu;jal'oonni garuu yeelloo hin beekan.[11]
6Waaqayyo, ?Ani saba warra kaanraawwadhee balleesseera,masaraa isaanii caccabseera;karaa isaanii balleesseeakka namni tokko illeeirra hin adeemne godheera;mandaroonni isaaniis onaniikan namni raawwatee keessa hin jiraanne ta'aniiru.
7Ani mandarattii isheehumnaan nama irratti kaatu sanaan,?Dhugumaan adabni koosi irra akka hin geenyetti,warri achi keessa jiraatanis raawwatanii akka hin balleeffamnettiadaba koo fudhadhu, ana sodaadhu!? jedheen ture;isheen garuu irra deddeebiteehojii ishee isa manca'aa in hojjetti.
8Kanaafis ani Waaqayyo?Guyyaa ani dhugaa baasuudhaaf ka'u sanatti eeggadhaa!Ani saba biyya lafaa walitti qabee,mootummootas walitti sassaabee,dheekkamsa koo, aarii kooisa boba'aa hundumaasisaan irratti dhangalaasuudhaafmurtoo godheera;biyyi lafaa guutummaan isheehinaaffaa koo isa akka ibiddaatiin in dhumti*?.
11?Guyyaa sanatti aniwarra of gurguddisuutti gammadanisin gidduudhaa nan kaasa;isinis wanta ittiinna yakkaa turtan sanahundumaaf hin yeellaasifamtan;tulluu koo isa qulqullaa'aa irrattissi'achi of hin tuultan.
12Saba deegaadhaa fi gad deebi'aa,isa ana Waaqayyoon amanatu immooisin gidduutti nan hambisa*;
13Israa'eloonni warri hafansi'achi hin yakkan,sobas hin dubbatan;nama sossobuunis dubbii isaanii keessatti hin argamu;isaan nyaatanii in boqotu,kan isaan sodaachisushin jiru? jedhe*.[13]
14Yaa namoota Xiyoon,sagalee gammachuu dhageessisaa!Yaa saba Israa'el,sagalee keessan guddisaa ol kaasaa!Yaa namoota Yerusaalem,garaa keessan hundumaan gammadaa!Gammaduu keessanis beeksisaa*!
15Isa sitti faradame sanaWaaqayyo si irraa kaaseera,diinota kees si irraa deebiseera;Waaqayyo mootiin Israa'elsii wajjin waan jiruuf,ati si'achi wanta hamaa hin sodaattu.
16Guyyaa sanatti namoonni Xiyooniin,?Yaa Yerusaalem hin sodaatin,harki kees lawwaasa'eekan gad rarra'u hin ta'in!
17Waaqayyo gooftaan kee sii wajjin jira,inni oolchuudhaaf aango-qabeessa;inni of irraa bu'ee sitti in gammada,jaalala isaatiin gabii siif in kenna;akka warra guyyaa ayyaana beekamaatti gammadanii,sitti gammaduu isaassagalee isaa ol fuudheein dhageessisa? in jedhu*.
18Waaqayyo ammas, ?Ani iyya isaanii, wawwaannaa isaanii,yeelloo isa akka ba'aa isaanitti ulfaatesisaan irraa nan kaasa*.
19Kunoo! Ani guyyaa sanattiwarra isin cunqursanhundumaa nan adaba,warra naafa nan fura,warra tamsa'anis walitti nan qaba;warri guutummaa biyya lafaa keessatti yeellaasifaman,ulfinaa fi jajamuuakka argatan nan godhe*.
20Yeroo sanatti ani walitti isin qabee,biyyatti isin nan galcha;yeroo sanatti warra isin duraa booji'aman,utuu isin ilaaltaniiisiniif nan deebisa;ani saba lafa irraa hundumaa gidduutti,ulfinaa fi jajamuuakka argattan nan godha? jedha;kana Waaqayyotu dubbate*.[14]