1Kun weedduu Solomoon isa weedduu hundumaa irra caaluu dha*.
2?Jaalalli kee daadhii waynii irra waan caaluuf, afaan koo keessa na dhungadhu*!
3Fooliin urgooftuu dibataa kee namatti tola, maqaan kee dha'amuunis akka urgooftuu dhangala'ee ti, kanaafuu durboonni si jaallatu*;
4na fudhadhuu sokki! Dafnee in fiigna! Gara diinqa keetti na geessi yaa mootii! Nuyi durboonni sitti in gammanna, in ililchinas; jaalala kees daadhii waynii caalaa in jajanna; durboonni hundinuu dhuguma si jaallatu*.[1]
5?Ani gurraattii yoon ta'e iyyuu miidhagduu dha; yaa intaloota Yerusaalem, yaa warra akka godoo Qedaar, yaa warra akka golgaa Solomoonis!
6Ani gurraattii waanan ta'eef, aduun waan na gurraachesseefis ija anatti hin baasinaa! Obboloonni koo anatti dheekkamanii, iddoo dhaabaa waynii isaanii na eegsifatan; iddoo dhaabaa waynii kootii garuu ani hin eegganne.
7Yaa isa garaan koo jaallatuu! Bushaayee kee eessa tikfatta? Waareettis eessa boqochiifta? Ani maaliifan karra bushaayee firoota kee bira asii fi achi joora?? jette.
8?Yaa ishee durboota hundumaa irra miidhagduu! Ati ofii keetii hin beektu yoo ta'e, bushaayee faana dha'ii adeemi! Ilmoolee kees godoo warra tiksootaa bira dheechifadhu!
9Yaa hiriyee ko, ati akka farda ishee konkolaataa Fara'oon harkiftuu ti;
10maddiin kee amartii gurraattiidhaan, mormi kees dirata warqeetiin in miidhagfame;
11dirata warqee siif in tolchina, guroo meetiis itti in rarraafna? jedhe.
12?Yeroo mootiin maaddiitti taa'u, urgooftuun naardos ana irraa isatti in urgaa'a*;
13jaalalleen koo akka qodaa qumbii ti, inni harma koo gidduu in boqota;
14jaalalleen koo anaaf akka daraaraa urgaa'uu ti, akka iddoo dhaabaa waynii mandara En-Gedii keessaa tis? jette.[2]
15?Yaa hiriyee koo, kunoo ati miidhagduu dha, ati baay'ee miidhagduu dha! Iji kees akka ija gugee kuullee dha? jedhe.
16?Yaa michuu ko, atis baay'ee miidhagaa dha! Ati dhuguma nama in mararta, margi lalisaanis iddoo ciisicha keenyaa ti.
17Utubaan mana keenyaa muka gaattiraa ti, qinaaxxiin isaas muka ejersaa ti? in jetti.