4Michuun koo gara mana cidhaatti na geesse;milikkinni jaalallee isaata'uu koo mul'isuuana irra jira.
5Yommuu jaalalli na dhukkubsachiisu,yaa jara nana, ija wayniitiin na sooraa,ija muka hudhaatiinis na jabeessaa!
6Harki isaa inni bitaa mataa koo jala jira,harki isaa inni mirgaa immoo na ammata*.
7Yaa intaloota Yerusaalem,michuu koo isa akka kuruphee yookiis akka borofa caakkaa,hamma inni ofiin ka'utti hin dammaqsinaa? jette*.[3]
8?Kun sagalee miccuu kootii ti!Kunoo, inni tulloota irra in u'utaala,gaarota irras in kaata;
9michuun koo akka kuruphee ti,akka ilmoo bosonuu tis.Ilaa! Inni kellaa mana keenyaaduuba in ijaajja,qaawwa kellaatti maxxanee,karaa qaawwa manaa in ilaala.
10?Michuun koo deebisee anatti in dubbate.?Yaa hiriyee ko, miidhagduu ko!Ka'ii na bira kottu!
11Kunoo, amma ganni darbeera,bokkaan caameera, sokkeeras;