1?Isa garaan koo jaallatu halkan guutuu siree koo irra nan barbaade, barbaadees isa hin arganne; [ani isa nan waame, innis na jalaa hin oowwaanne]
2ani ka'ee mandara keessa, karaa irra, walga'ii karaa irra naanna'ee isa nan barbaada; isa garaan koo jaallatu sanas nan barbaade, garuu isa hin arganne.
3Warri mandara eegan, utuu asii fi achi adeemanii na argan; ani immoo, ?Isa garaan koo jaallatu argitaniittuu?? jedhee nan gaafadhe*;
4ergan xinnoo isaan bira darbee immoo, isa garaan koo jaallatu sana argadhee, isa nan qabadhe, gadis isa hin dhiifne; gara mana haadha kootti, gara kutaa mana haadha koo ishee na deesseettis nan galfadhe*.[5]
6?Inni lafa onaa keessaa akka utubaa aaraatti ol ba'aa jiru, inni fooliin isaa akka qumbii fi ixaana, isa naggaadeen urgooftuu hundumaa irraa waliin maktee hojjette kun eenyu*?
7Ilaa, teessoo Solomoon, humna-qabeeyyii Israa'el keessaa jaatamni itti naanna'anii jiru;
8hundumti isaanii billaa baatu, lolaaf kan qopheeffamanii dha; sababii bir'aa halkaniitiifis, billaa isaanii gudeeda irra kaa'atanii taa'u.
9Solomoon mootichi muka Liibaanon irraa siree golgaa qabu kan ittiin isa baatan in hojjechiifate.
10Miilli siree sanaa meetii irraa, irkoon isaa warqee irraa, iddoon taa'umsaa uffata dhiilgee irraa hojjetame; gidduu isaa intaloota Yerusaalemtu bareechee hojjeteef.
11Yaa intaloota Yerusaalem, dhaqaatii gonfoo Solomoon mootichaa, isa haati isaa guyyaa fuudha isaatii, guyyaa garaan isaa gammadettis isaaf kennite ilaalaa!? jette.[7]