1?Kunoo ati miidhagduu dha yaa hiriyee ko! Ati miidhagduu dha, iji kees akka ija gugee kuullee dha, innis shaashii ati haguuggattu keessaan in mul'ata; rifeensi mataa kee karra re'oota tulluu Giil'aad irraa gad yaa'anii fakkaata;
2ilkaan kee akka hoolota yommuu rifeensi isaanii muramu dhagni isaanii dhiqamee bishaan keessaa ba'anii ti; hoolonni kun hundinuu lakkuu dhalu malee, isaan keessa maseenni tokko illee hin jiru.
3Hidhiin kee fo'aa bildiimaa fakkaata, haasaan kee namatti tola, maddiin kee rumaanii fakkaata, innis shaashii ati haguuggattu keessaan in mul'ata*;
4mormi kee riqaa Daawit, isa gaachanni gurguddaan kumni tokko, gaachanni warra goototaa hundinuus itti rarraafaman fakkaata;
5harmi kee lachanuu ilmoolee kuruphee, ilmoolee kuruphee warra lakkuu, warra daraaraa keessa dheedan fakkaatu*.
6Ani utuu boruun hin baqaqin, aduunis utuu hin ba'in, gara tulluu qumbiin irratti biqiluu, gara gaara ixaanaas nan dhaqa.
7Yaa hiriyee ko, ati guutummaadhumatti miidhagduu dha, mudaa tokko illee hin qabdu.[8]
8?Yaa kaadhima ko, Liibaanonii ka'ii na bira kottu! Liibaanonii ka'ii na bira ga'i! Roggee tulluu Amaanaa irraa, roggee tulluu Siinaarii fi Hermoon irraa, iddoo boolli leencotaa jiru, tulloota qeerransaa irraas gad bu'i!
9Yaa obboleettii ko, kaadhimma ko! Ati mil'uu tokkichaan, dirata morma keetiinis laphee na corte;
10yaa obboleettii ko, kaadhima ko, jaalalli kee attam nama gammachiisa! Daadhii waynii caalaa namatti tola, fooliin urgooftuu dibataa kees urgooftuu hundumaa irra caala*;
11yaa kaadhima ko, hidhiin kee akka dhaaba dammaa nadhii coccophsa, arraba kee jalaas dammaa fi aannantu yaa'a, fooliin uffata kees akka foolii Liibaanon.[9]
12?Yaa obboleettii ko, kaadhima ko, ati akka iddoo dhaabaa fi akka laga dallaadhaan cufamee ti, akka burqaa cufaan isaa mallateeffamee tis;
13ati akka iddoo dhaabaa rumaanii ti, mukti ija gaarii godhatu, daraaraan urgaa'uu fi biqiltuun naardos achi keessa jiru.
14Naardos, biqiltuun urgooftuu, mukti urgaa'u, qarafaan, mukti ixaanaa, mukti qumbii, mukti sabirii, urgooftuun hundumaa irra caalus achi keessa jira;
15ati akka burqaa iddoo dhaabaa jiruu fi boolla bishaan taliilli keessaa yaa'u, akka bishaan Liibaanonii gad yaa'uu tis? jedhe.
16?Yaa qilleensa gara bitaa dammaqi! Yaa qilleensa gara mirgaa kottu! Iddoo dhaabaa kootti qilleensa'i, fooliin urgooftuu isaa bakkeetti haa ba'u! Michuun koo iddoo dhaabaa isaa dhufee, ija mukkeetii isaa isa gaarii haa nyaatu!? jette.