1Hiriyoonni ishee, ?Yaa ishee dubartoota hundumaa keessaa baay'ee miidhagduu! Michuun kee eessa dhaqe? Karaa kam irras ba'e? Mee ka'i, nuyis sii wajjin dhaqnee isa in barbaanna!? jedhan.
2?Michuun koo gara iddoo daabaa isaatiitti gad bu'e, gara madabii biqiltuun urgooftuu irratti guddifamuu dhaqe; inni horii isaa achi in tiksa, daraaraas in cirata.
3Michuun koo kan koo ti, anis kan michuu kootii ti; inni daraaraa keessa horii isaa in tiksa? jette*.[11]
4?Yaa hiriyee ko, ati akka Tiirzaa miidhagduu dha, akka mandara Yerusaalem nama in mararta, akka loltoota faajjii baataniis nama in sodaachifta*;
5akka inni ana hin hawwannetti, ija kee ana irraa buqqisi! Rifeensi mataa kee re'oota tulluu Giil'aad irraa gad yaa'an fakkaata;
6ilkaan kees akka hoolota dhagni isaanii dhiqamee bishaan keessaa ba'anii ti; hoolonni kun hundinuu lakkuu dhalu malee, isaan keessa maseenni tokko illee hin jiru;
7maddiin kee rumaanii baqaqfame fakkaata, innis shaashii ati haguuggattu keessaan in mul'ata*.
8Mootuuwwan jaatamni, saajjatoonni saddeettamni, durboonni lakkoobsi isaanii dhuma hin qabne yoo jiraatan illee,
9gugeen koo isheen mudaa hin qabne, isheen haadha isheetiif tokkittii, isheen deesse ishee marartu, anaaf tokkittii koo ti; durboonni ishee arganii ?Eebbifamtuu? jedhaniin; mootuuwwanii fi saajjatoonni ishee in jajan? jedhe.[12]
10?Isheen akka boruu ganamaa ol baatu, akka ji'aa miidhagdu, akka aduu iftu, akka loltoota faajjii baatanii nama sodaachiftu kun eenyu?? jedhan*.
11Inni immoo, ?Ija mukkeetii dachaa sana keessa jiranii ilaaluudhaaf, mukti waynii daraaree, rumaaniinis hudheera yoo ta'e hubachuudhaaf, gara dachaa dhaabaa muka meexxii nan dhaqe*.
12Utuma ani hin beekin yaadni koo na butee, konkolaataa gurguddoota saba kootii irra na kaa'e? jedhe.[13]