Macaafa Weedduu Weedduu Caalu 8:1-14 GAZB1997 - Bible AI

1?Utuu ati obboleessa koo isa harma haadha kootii hodhee guddate taatee, karaa irratti yommuun si argu sin dhungadhan ture; kanaafis namni ana hin tuffatu ture;

2ani si dura bu'ee gara mana haadha kootii ishee na guddifteetti sin geessa; daadhii waynii isa ba'eessa siifan kenna, cuunfaa rumaaniis sin obaasa*.

3Harki isaa inni bitaa mataa koo jala jira, harki isaa inni mirgaa immoo na ammata*.

4Yaa intaloota Yerusaalem, jaalalleen koo hamma inni ofiin ka'utti, akka hin dammaqsine, isin nan kaksiisa? jette.[16]

5Hiriyoonni ishee, ?Isheen lafa onaa keessaa michuu ishee harka qabattee ol baatu kun eenyu?? jedhan. Inni, ?Ani muka hudhaa jalaan si kaase, iddoon sun immoo lafa itti haati kee si ciniinsifate, lafa isheen itti si deesses ture*.

6Akka mallattootti garaa keettii fi irree keetti na mallateeffadhu! Jaalalli jabaa akka du'aa ti, hinaaffaan gara-jabeessa akka awwaalaa ti; arrabni isaas akka arraba ibiddaa ti, akka giimii ibiddaa isa xaph godhuu ti.

7Bishaan baay'een iyyuu ibidda jaalalaa hin dhaamsu, lolaanis haree isa hin balleessu; namni qabeenya qe'ee isaa jiru hundumaan jaalala bitachuu barbaaduun gowwummaa dha? jedhe.[17]

8Hiriyoonni ishee, ?Obboleettiin keenya xinnoo dha, hin guntunne iyyuu dha; namni yommuu ishee haasa'achuudhaaf dhufu, maal isheedhaaf goonu ree?

9Yoo isheen masaraa taate, nuyi immoo riqaa meetii irratti in ijaarra; yoo isheen balbala taate, nuyi immoo danqaraa muka gaattiraatiin in cufna? jedhan.

10?Ani masaraa dha, harmi koos riqaa fakkaata, kanaafan fuula isaa duratti jaallatame.

11Solomoon iddoo dhaabaa waynii tokko Ba'aal-Hamoonii qaba ture; iddoo dhaabaa waynichaas eegdotatti dugda in gurgurate; tokkon tokkon eegdota sanaas gatii ija waynichaa meetii kuma tokko tokko in baasu turan;

12iddoon dhaabaa waynii inni kan kootii na dura jira, yaa Solomoon, ati kuma fudhadhu, warri ija isaa eegan immoo dhibba lama haa fudhatan!? jette.

13?Yaa ishee iddoo dhaabaa keessa jiraattuu, hiriyoonni kee sagalee kee dhaggeeffatu, mee na dhageessisi!? jedhe.

14?Yaa michuu ko, dafii na bira kottu! Akka kuruphee fi akka ilmoo borofaa, tulluu iddoo dhaabaa urgooftuu irraa utaalii kottu!? jette*.[18]

ooter>