2Guyyichi guyyaa dukkanaa figuyyaa ifa hin qabnee dha,guyyaa duumessaa figuyyaa dukkana limixii ti;inni akka boruu tulloota irra darbeebal'achaa adeemuu ti;sabni baay'eenii fi jabaankan akka isaa dur kan hin turin,si'achis kan akkasiikan hin argamne in dhufa*.[8]
3Fuula isaanii duraa arrabni ibiddaagubaa in adeema;isaan booddeedhaanisibiddi waxalaan gubaa in adeema;biyyi fuula isaanii duraaiddoo dhaabaa Eden fakkaata,biyyi isaan booddee immoolafa onaa barbadaa'aa fakkaata;kan isaan jalaa ba'ustokko illee hin jiru*.
4Isaan farda fakkaatu,akka farda lolaas in kaatu;
5isaan akka konkolaataa fiiguutti,akka ibidda yommuuqarmii gubu xaaxa'uutti,akka loltoota jajjaboololaaf of qopheessaniitti,sagalee isaanii dhageessisaa,fiixee tullootaa irra in quruphisu*.
6Sabni lafa irraayommuu isaan argan in rom'u,namoonni hundinuus na'aniifuula in badu;
7isaan akka namoota jajjabootti in fiigu,akka loltootaattismasaraa in yaabu;hundumti isaaniis karaa isaanii irraautuu hin jal'atin,tarreetti in yaa'u.
8Tokkon tokkon isaanii karaadhuma isaanii irra adeemu malee,inni tokko isa kaanitti hin bu'u;tarree isaanii utuu wal irraa hin kutin,humnaan cabsataniiwaraana gidduu in darbu;
9fiiganii mandarattii irra in ba'u,masaraa irra in fiigu,manneetii in yaabbatu,akka hattuus qaawwa manaatiinol in lixu*.[9]
10Lafti isaan ga'anfuula isaanii duraa in rom'iti,waaqnis in socho'a;aduunii fi jiini in dukkanaa'u,urjoonnis ifa hin kennan*.
13Egaa garaa keessan tarsaasaa malee,uffata keessan hin tarsaasinaa!Gara Waaqayyo gooftaa keessaniitti deebi'aa!Inni araara-qabeessaa fi oo'a-qabeessa waan ta'eef,dheekkamsatti hin ariifatu,gaarummaan isaas baay'ee dha,wanta hamaa namatti erguu irraas of in qusata*.
14Maaltu beeka,tarii Waaqayyo gooftaan keessanisa yaade in dhiisa, in oo'as;kennaa midhaanii fi kennaa dhugaatiiakka isaaf dhi'eessuu dandeessanitti,isin in eebbisa ta'a*![11]
16Namoota walitti qabaa,waldaa qulqulleessaa!Maanguddootaa fi ijoollee,daa'imota harma hodhaniswalitti sassaabaa!Dhirsi misirroo mana isaa keessaagad haa ba'u,misirroonis diinqa ishee keessaagad haa baatu!
17Luboonni warri Waaqayyoof hojjetan,buusaa mana qulqullummaa fiiddoo aarsaa gidduutti haa boo'an!Isaan, ?Yaa Waaqayyo saba keetiif oo'i,saba kee warra dhuunfaa kee ta'an,saba warra kaan gidduuttinama ga'oo fi nama mammaaksaa hin godhin!Maaliifis isaan namootawarra kaan gidduutti,?Waaqayyoon isaanii eessa jira?? jedhu ree?? haa jedhan*![12]
18Waaqayyo biyya isaatiif in hinaafa,saba isaatiifis in oo'a*.
19Waaqayyo saba isaatiif deebisee,?Kunoo ani midhaan, waynii haaraa fidhadhaa ejersaa isiniif nan kenna,isin in quuftu;si'achis saba lafa irraa gidduuttiakka isin yeellaatan hin godhu*;
20loltoota warra gara bitaa jiranisisinittii nan fageessa,warra fuula duraa,gara galaana ba'a-biiftuutti,warra dugda duubaa immoo,gara galaana lixa-biiftuutti,gara lafa gogaa fi onaatti isaan nan oofa;sababii isaan of gurguddisuudhaanwanta akkasii isin irratti hojjetaniif,ani isaan nan balleessa,reeffi isaanii in xiraa'a, in ajaa'as.[13]
26Yommus isin nyaattanii in quuftu;maqaa ana Waaqayyo gooftaa keessaniiisa dinqii isiniif hojjetees in jajattu;isin sabni koosi'achi deebitanii hin yeellaasifamtan*.
27Yommus ani Israa'el keessaakkan jiru,Waaqayyo gooftaa keessan akkan ta'e,ana malees kan biraa akka hin jirre in beektu;isin sabni koos si'achi deebitaniihin yeellaasifamtan? jedhe*.[15]
28Waaqayyo ammas,?Bara booddeetti ani hafuura koonama hundumaa irratti nan dhangalaasa;ilmaan keessanii fi intaloonni keessanraajii in dubbatu,maanguddoonni keessanabjuu in abju'atu,dargaggoonni keessanismul'ata in argu;
29bara sanatti, ani hojjetoota koowarra dhiirotaa fiwarra dubartootaa irratti iyyuuhafuura koo nan dhangalaasa.
30Waaqa irratti, lafa irrattis milikkita,dhiigaa fi ibidda, utubaa aaraas nan argisiisa.
31Guyyaan koo inni guddaanii fi sodaachisaan sunutuu hin dhufin dura,aduun dukkanatti,jiinis dhiigatti in diddiiramu.
32Maqaa Waaqayyoo warri waammatanhundinuu garuu in oolu;akkuma ani Waaqayyo jedhee ture,warri ani waame tulluu Xiyoon irratti,Yerusaalem keessattishafanii in fayyu? jedhe*.[16]