Macaafa Yo'el Raajichaa 3:1-21 GAZB1997 - Bible AI
1Waaqayyo, ?Kunoo, bara sanatti,guyyaa sanattisYihudaa fi Yerusaalem keessaawarra booji'aman yommuun deebisu*,
2saba lafa irraa hundumaa walitti qabee,dachaa Yoshaafaaxitti nan geessa;sababii isaan saba dhuunfaa koo,Israa'elin tamsaasanii,biyya koos hirmaataniifachitti isaanitti nan farada*;
4?Amma isin warri Xiirosii fi Sidoon warri kutaawwan biyya Filiisxiyaa keessa jirtan hundinuu maal ana irraa qabdu? Wanta ani hojjedhe tokkoof ijaa ana baafachaa jirtuu ree? Yoo ijaa ana baafattu ta'eef, ani hojii keessan dafee ariitiidhaan mataa keessanitti nan deebisa;
5egaa isin meetii koo fi warqee koo akkasumas mi'a koo isa gati-jabeessa fudhattanii mana mootummaa isa kan keessanii keessa in kaa'attan.
6Namoota Yihudaa fi namoota Yerusaalem biyyaa baaftanii fageessuuf jettanii warra Griikotaatti isaan in gurgurtan.
7Kunoo ani iddoo isin isaan itti gurgurattan sanaa isin irratti isaan nan kaasa, hojii keessanis mataa keessanitti nan deebisa;
8ani ijoollee dhiiraa keessanii fi ijoollee durbaa keessan namoota Yihudaatti nan gurgura, isaan immoo dabarsanii namoota Saabaatti biyya fagootti isaan in gurguratu? jedhe; Waaqayyo kana dubbateera.
15aduunii fi ji'i in dukkanaa'u;urjoonnis ifa isaanii hin kennan*.[19]
16Waaqayyo Xiyoon keessaa in qaqawweessa'a,Yerusaalem keessaassagalee isaa in dhageessisa;waaqnii fi lafti in raafamu,Waaqayyo garuu saba isaaijoollee Israa'eliifiddoo baqaa fi masaraa in ta'a*;
17kanaafis saba isaatiin,?Yommus ani Waaqayyo gooftaan keessanXiyoon tulluu koo isa qulqullaa'aa irraakkan jiraadhu in beektu;Yerusaalemis qullooftuu in taati;sabni ormis deebi'eeishee hin qabatu*.[20]
18?Guyyaa sanattis tulloonnidaadhii haaraa in coccobsu,gaaronnis aannan in baasu;laga Yihudaa hundumaa keessasbishaan in yaa'a;bishaan mana qulqullummaakeessaa burqusdachaa Shiixiim in obaasa*;
19sababii namoonni Gibxii finamoonni Edoomnamoota Yihudaa irratti humnaan ka'aniibiyya isaanii keessattidhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasaniif,biyyi Gibxii in onti,biyyi Edoomis ontee in barbadoofti*.
20Biyya Yihudaa keessa bara baraan,Yerusaalem keessasdhalootaa hamma dhalootaattinamoonni in jiraatu;
21gumaa isan dur namoota Yihudaa finamoota Yerusaalemiifhin baasin ture,amma nan baasaaf;kana booddee ani WaaqayyoXiyoon keessa nan jiraadha? jedheera*.[21]