Macaafa Zakaariyaas Raajichaa 10:1-12 GAZB1997 - Bible AI

1Bokkaa ji'a birraa akka isiniif kennuuf Waaqayyoon kadhadhaa! Isatu duumessa bokkaa qabuu fi bokkaa tiifuu namootaaf ergee, wanta hundumaaf, lafti biqiltuu biqilchee akka lalisu godhe*.

2Waaqayyoliin tolfamoon maatii wanta waa'ee hin baafne in dubbatu, warri hooda himanis mul'ata sobaa in argu, abjuu sobaas in himu; isaan akkasumaan nama in jajjabeessu; kanaaf sabni tiksee waan hin qabneef, akka hoolotaa in jooru, in rakkatus*.[34]

3Waaqayyo, ?Aariin koo tiksoota irratti in boba'a, warra dura-buutotas nan adaba; ani Waaqayyo gooftaan maccaa hoolota koo namoota Yihudaatiif nan dhimma, akka farda lolaas isaan nan jabeessa*;

4sanyii Yihudaa keessaa dhagaan golee, qofoon dunkaanaa, iddaan lolaa fi warri biyya bulchan hundinuu in ba'u*.

5Isaan walii wajjin akka jagnoota jajjaboo, warra yeroo lolaa diinota isaanii dhoqqee karaa keessaa irratti lafatti dhidhiitanii in ta'u; Waaqayyo isaanii wajjin waan jiruuf, isaan lola keessatti abootii fardeenii in yeellaasisu.[35]

6?Ani namoota Yihudaa nan jabeessa, namoota Yoseefis nan fayyisa; ani waanan isaaniif oo'uuf, akka isaanii duriitti isaan nan deebisa; ani Waaqayyo isaanii waanan ta'eef, kadhata isaanii isaaniif nan dhaga'a, akka waanan takkaa isaan hin tufatiniis in ta'u;

7namoonni Efreemis akka jagnoota warra jajjaboo in ta'u, akka waan daadhii waynii dhuganiitti garaa isaaniitti in gammadu; ilmaan isaanii kana arganii in gammadu, garaan isaaniis Waaqayyotti in gammada.

8Ani milikkitaan waamee, walitti isaan nan qaba; ani dhugumaan isaan nan fura, isaanis akkuma isaanii duriitti in baay'atu*;

9ani saba warra kaan gidduu utuman isaan facaasee jiruu iyyuu, isaan biyya fagoo sanaa ana in yaadatu turan; isaanii fi ilmaan isaanii in jiraatu, biyyattis in deebi'u*;

10ani biyya Gibxii deebisee isaan nan fida; biyya Asor keessaas walitti isaan nan qaba; ani biyya Giil'aadii fi biyya Liibaanonitti isaan nan galcha; akkasitti isaan biyyicha keessa in guutu*.

11Isaan galaana rakkinaa sana keessa in darbu, dha'aan galaanaas isaaniif in abboomama; tuujjubni galaana Abbayyaa hundinuus in goga; Asor ishee of tuultuun gad in deebiti, uleen mootummaa warra Gibxiis in bada*;

12ani Waaqayyo isaan nan jabeessa, maqaa kootiinis karaa isaanii irra in deddeebi'u? jedha.[36]

footer>