1Yeroo kan biraa immoo Iyaasuun angafni lubaa ergamaa Waaqayyoo dura utuu dhaabatuu, Seexanni immoo isa hammeessuudhaaf gara mirgaa isaa dhaabachaa utuu jiruu inni anatti in argisiise*;
2yommus ergamichi [Waaqayyoo] Seexanaan, ?Waaqayyo si haa ifatu Seexana nana! Waaqayyo inni Yerusaalemin fo'ate si haa ifatu! Namichi kun akka mukukkula ibidda boba'aa jiru keessaa butamee ti mitii ree?? jedhe*.
3Yeroo sanatti Iyaasuun uffata xuraa'aa uffatee ergamicha dura in dhaabata ture.
4Ergamaan sun warra isa dura dhaabatan sanaan, ?Uffata isa xuraa'aa sana isa irraa baasaa!? jedhe; Iyaasuudhaan immoo, ?Kunoo ani yakka kee si irraa fuudheera, uffata cidhaa immoo sitti nan uffisa? jedhe*.
5Ergasiis, ?Marata qulqullaa'aa mataa isaatti maraa!? nan jedhe; isaanis utuu ergamaan Waaqayyoo achi dhaabachaa jiruu, maraticha mataa isaatti maranii uffata isatti in uffisan*.
6Ergamaan Waaqayyoo immoo wanta kanatti fufee jiru Iyaasuu in abdachiise;
7Waaqayyo gooftaan maccaa, ?Ati karaa koo irra yoo deddeebite, wanta ani si abboomes yoo eegde, mana koo in bulchita, oobdii mana kootii irratti gaafatamaa in taata, warra as dhaabachaa jiran kana gidduus akka jaallattetti akka ati deddeebitu nan godha.
8Yaa Iyaasuu angafa lubaa, mee dhaga'i! Hidhanni kee warri sii wajjin as jiranis haa dhaga'an! Isin milikkita wanta dhufuuf jiruu ti; kunoo, dameen Daawit, garbichi koo akka dhufu nan godha*;
9kunoo, dhagaa isa ani Iyaasuu dura kaa'e tokko irra ija ijoo bishaanii torbatu jira, ani dhagicha irratti caaffata, ?Ani guyyaa tokkotti biyya kana irraa yakka ishee nan fuudha? jedhu nan caafa? jedhe*.
10Waaqayyo gooftaan maccaa, ?Guyyaa sanattis tokkon tokkon namaa muka waynii isaa fi muka harbuu isaa jala taa'uudhaaf ollaa isaa in waama? jedha; kana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate*.