Macaafa Zakaariyaas Raajichaa 4:1-14 GAZB1997 - Bible AI

1Kana booddee ergamichi inni anaa wajjin dubbachaa ture sun deebi'ee dhufee, akka nama hirribaa nama dammaqsutti na dammaqsee*,

2?Maal argita?? jedhee ana in gaafate.

2Ani immoo deebisee, ?Hundumti isaa baattuu ibsaa warqee irraa hojjetame tokko, cuggeen tokkos isa irra dhaabamee, cuggicha irra immoo ibsaan torba tokkon tokkon isaa, arraba torba kan qabu dhaabamee nan arga;

3mukti ejersaa lamas inni tokko cuggicha bukkee gara mirgaatiin, inni lammaffaan immoo gara bitaatiin dhaabatee nan arge? nan jedhe.[11]

4Ergasii immoo ergamicha isa anatti dubbachaa ture sana, ?Isaan kun maal yaa gooftaa?? jedhee nan gaafadhe.

5Innis, ?Isaan kun maal akka ta'an hin beektuu ree?? jedhee ana in gaafate; ani immoo, ?Hin beeku yaa gooftaa ko? jedhee nan deebiseef.

6Yommus ergamichi, ergaa isa Waaqayyo biraa dhufe Zarubaabelitti akka ani dubbadhuuf anatti in hime; ergichis, ?Hafuura kootiin malee humnaan miti, aangoodhaanis miti? kan jedhu ture; kana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.

7Yaa tulluu humna-qabeessa nana! Ati maali? Ati Zarubaabel duratti lafa wal qixxee in taata; yommuu inni dhagaa isa ittiin ijaaranii xumuran lafaa ol fuudhu, ?Attam gaarii dha! Attam gaarii dha!? jedhanii namoonni in iyyu*.[12]

8Ammas dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,

9?Zarubaabel hundee mana qulqullummaa kanaa harka isaatiin kaa'eera, harka isaatiinis hojjetee isa in raawwata; yommus Waaqayyo gooftaan maccaa isinitti akka na erge isin in beektu*.

10Warri gaafa wanta xinnoo argan tuffatan, dhagaa fo'amaa harka Zarubaabel keessatti yommuu argan immoo in gammadu; isaan torban kun ija Waaqayyoo warra biyya lafaa hundumaa irra asii fi achi ilaalanii dha? jedhe*.[13]

11Ani ammas, ?Mukti ejersaa lamaan warri gara mirgaa fi gara bitaa baattuu ibsaa jiran kun maali?? jedhee ergamicha nan gaafadhe.

12Lammaffaas, ?Dameen muka ejersaa lamaan, warri hujummoo warqee lamaan bukkeedhaa dhadhaa ejersaa isa akka warqee yaasan sun immoo maali?? jedhee nan gaafadhe.

13Inni immoo deebise, ?Isaan kun maal akka ta'an ati hin beektuu ree?? naan jedhe; ani garuu, ?Yaa gooftaa ko, hin beeku? nan jedhe.

14Kana irratti inni immoo, ?Isaan kun lamaan warra Waaqayyo gooftaa biyya lafaatiif hojjechuudhaaf dibamanii dha? jedhe*.[14]

ooter>