1Ani ammas yommuun ilaale, kunoo macaafni maramu tokko utuu balali'uu nan arge;
2ergamichi immoo, ?Inni ati argitu kun maali?? jedhee na gaafate; ani immoo, ?Macaafni maramu dheerinni isaa dhundhuma digdama, bal'inni isaa dhundhuma kudhan ta'e tokko utuu balali'uu nan arga? jedhee nan deebiseef.
3Inni immoo, ?Kun abaarsa isa guutummaa biyya lafaatti dhufuu dha; cinaacha caaffatichaa isa gar-tokko irratti, ?Namni hatu hundinuu raawwatee in bada?; cinaacha caaffatichaa isa gara kaanii irratti immoo ?Namni sobaan kakatu hundinuu raawwatee in bada? kan jedhutu jira*.
4Waaqayyo gooftaan maccaa, ?Ani abaarsa nan erga; inni mana isa hatu sanaa, mana isa maqaa kootiin sobee kakatu sanaas in lixa; mana isaa keessatti hafes manicha, muka isaa, dhagaa isaas in balleessa? jedha? jedhe.
5Ergasiis ergamichi inni anaa wajjin dubbachaa ture sun dhufee, ?Ol ilaali! Inni amma mul'atu kun maal inni?? naan jedhe.
6Ani immoo, ?Maal inni?? jedhee isa nan gaafadhe; innis, ?Kun quunnaa safaraa ti, kun yakka saba guutummaa biyya lafaa ti? jedhee anaaf in deebise.
7Kunoo qadaaddiin quunnaa safaraa inni dilalii irraa hojjetame sun yommuu baname, dubartiin tokko quunnaa safaraa sana keessa teessee in argamte.
8Ergamichis, ?Isheen kun jal'ina? jedhe, ishee immoo quunnaa safaraa sana keessatti gad ishee cuuka'ee, qadaaddii isaa immoo gad itti deebisee jabeessee in qadaade.
9Ergasiis yommuun ol ilaale, dubartoota qoochoo isaanii jalaa qilleensa qaban lama fuula koo duratti nan arge; qoochoon isaanii akka qoochoo allaattii hawaannisaa ti; isaan quunnaa safaraa sana fuudhanii qilleensa keessa balali'anii in sokkan.
10Ani immoo kana irrattan ergamicha isa anatti dubbachaa ture sana, ?Quunnaa safaraa kana eessatti geessu?? jedhee gaafadhe.
11Inni immoo deebisee, ?Quunnaa safaraa sana gara biyya Baabilonitti