1Ammas yommuun ol ilaale, kunoo, konkolaattonni afur tulloota sibiila borrajjii lama gidduudhaan utuu as ba'anii nan arge;
2konkolaataa isa duraa fardeen diddiimootu, isa lammaffaa immoo fardeen gugurraachatu harkisa ture;
3konkolaataa isa sadaffaa fardeen adaadiitu, konkolaataa isa afuraffaa immoo fardeen buburreetu harkisa ture; hundumti isaanii ciccimoo turan.
4Ergasii ani ergamicha isa anatti dubbachaa ture sana, ?Yaa gooftaa ko, isaan kun maali?? jedhee nan gaafadhe.
5Ergamichi deebisee, ?Isaan kun hafuurota golee bantii waaqaa arfan warra Waaqayyo gooftaa guutummaa biyya lafaatiif ergamantu ba'anii dhufan;
6fardeen warri gugurraachi biyya gara bitaa dhaqu, warri adaadiin biyya gara lixa-biiftuu dhaqu, warri buburreen immoo biyya gara mirgaa dhaqu;
7fardeen warri ciccimoon yommuu ba'an biyya lafaa irra asii fi achi adeemuu barbaadanii turan? jedhe; fardeen sanaan immoo, ?Ka'aatii biyya lafaa irra asii fi achi adeemaa!? jedheen; kana irratti isaan biyya lafaa irra asii fi achi in adeeman.
8Kana booddee inni na waamee, ?Kunoo, fardeen warri biyya gara bitaa dhaqan kun hafuurri gooftichaa biyya gara bitaa irra akka boqotu in godhu? naan jedhe.
9Ammas dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
10?Heldaayi, Xobiiyaa fi Yedaa'iyaa warra biyya Baabilon biyya itti booji'amanii turanii, deebi'an irraa meetii fi warqee fudhadhuutii gara mana Yosiyaas ilma Sefaaniyaa dhaqi!
11Meetichaa fi warqicha fuudhii gonfoo tolchii mataa Iyaasuu angafa lubaa ilma Yozaadaaq irra kaa'i!? jedhe;
12Iyaasuudhaan immoo, ?Waaqayyo gooftaan maccaa, ?Kunoo namni maqaan isaa:- Latii jedhamu tokko as jira; inni iddoo jiru sanatti damee in godhata, Waaqayyoofis mana qulqullummaa in ijaara.
13Isatu mana qulqullummaa Waaqayyoof ijaara; inni surraa uffatee teessoo isaa irra taa'ee in mo'a; lubni tokkos teessoo isaa bukkee in jiraata; isaan lamaan nagaadhaan walii wajjin in mari'atu? jedhe*;
14gonfichis seenaa Heleemiif, Xobiiyaaf, Yedaa'iyaaf, Heen ilma Sefaaniyaatiif mana qulqullummaa isa kan Waaqayyoo keessa in kaa'ama.
15Warri biyya fagoo jiran dhufanii, mana qulqullummaa in ijaaru; isin yommus Waaqayyo gooftaan maccaa gara keessanitti akka na erge in beektu; kunis yoo isin guutummaatti sagalee Waaqayyo gooftaa keessaniitiif abboomamtan ta'a? jedhi*!