1Daariyos mo'ee waggaa afuraffaatti, waggicha keessaa ji'a salgaffaa isa ?Kisluu? jedhamutti, ji'icha keessaa guyyaa afuraffaatti dubbiin Waaqayyoo gara koo gara Zakaariyaas in dhufe*;
2warri Bet'el, Shaarezerii fi Regiim-Melekin namoota isaanii wajjin Waaqayyoon araara akka kadhataniif,
3?Waggoota baay'eedhaaf gochaa akkuma turre, ji'a shanaffaatti boo'uun, soomuunis nuuf ta'a moo?? jedhanii, luboota mana qulqullummaa isa kan Waaqayyo gooftaa maccaa fi raajota akka gaafataniif in ergan*.
4Ammas dubbiin Waaqayyo gooftaa maccaa gara koo dhufee,
5?Namoota biyyichaa hundumaa fi lubootaan, ?Waggaa torbaatama darban keessa ji'a shanaffaatti, ji'a torbaffaattis soomaa, boo'aas yommuu turtan dhugumaan anaaf jettanii soomtanii ree*?
6Nyaachaa dhugaas yommuu turtan sana ofuma keessaniif nyaachaa, dhugaas turtan mitii ree?
7Wanti kun isa ani Waaqayyo karaa raajota warra durii dubbadhee turee dha; yeroo sanatti Yerusaalemii fi mandaroota naannoo ishee turan keessa namoonni in baay'atan, hundumti isaaniis nagaatti jiraachaa turan; akkasumas biyya gara mirgaa fi biyya gaaraa keessa namoonni jiraachaa turan mitii ree?? jedhii gaafadhu!? naan jedhe.
8Dubbiin Waaqayyoo ammas gara koo gara Zakaariyaas in dhufe;
9Waaqayyo gooftaan maccaa, ?Firdii qajeelaa faradaa, walii keessanittis gaarummaa fi oo'a argisiisaa!
10Haadha hiyyeessaa, ijoollee abbaan irra hin jirre, galaa, rakkataas hin cunqursinaa! Garaa keessan keessattis wal irratti waan hamaa hin yaadinaa!? jedhe*.
11Isaan garuu dhaga'uu didanii, dugda itti gatanii, gurra isaaniis in cuqqaallatan*;
12isaan garaa isaanii akka dhagaa almaazii waan jabeessaniif, dubbii Waaqayyo gooftaan maccaa hafuura isaatiin karaa raajota durii isaanitti himeef abboommii isaa hin dhageenye; kanaaf dheekkamsi Waaqayyo gooftaa maccaa inni guddaan isaanitti dhufe.
13Kana irratti Waaqayyo gooftaan maccaa, ?Yommuun isaan waame, isaan anaaf dhaga'uu waan didaniif, anis immoo, yommuu isaan ana waammatan isaaniif hin dhaga'u? jedha*.
14Ani biyya saba warra kaanii hundumaa lafa isaan itti galaa ta'an keessa bubbee isaan bittimsu isaanitti nan erge; biyyichis erga isaan keessaa ba'anii onaa in ta'e, namni tokko illee keessaa hin ba'u, ittis hin galu; isaan akkasitti biyya gaarii kana onsan.