1Ergasii Waaqayyo Museedhaan, ?Ani amma dha'icha tokko duwwaa mooticha irratti, biyya isaa irrattis dabalee nan fida, mootichis kana booddee gad isin in dhiisa; gara dhumaatti yommuu asii gad isin dhiisu, ari'ee gad isin in baasa*.
2Dhiirri, dubartiinis ollaa ollaa isaanii mi'a meetii, mi'a warqees gaafatanii akka fudhataniif saba Israa'el gurra buusi!? jedhe*.
3Waaqayyo yommus warri Gibxi saba sanaaf akka faara tolan godhe; Museen immoo biyya Gibxiitti hojjetoota mootichaa fi warra Gibxii duratti baay'ee nama guddaa ta'e.
4Ergasii Museen, ?Waaqayyo, ?Ani gara halkan walakkaatti biyya Gibxii keessa nan ba'a;
5biyya Gibxii keessaa, dhala mootichaa isa angafa isa teessoo isaa dhaalu jalqabee hamma dhala hojjettuu ishee daakuu daaktu isa angafaatti, angafni hundinuu in du'a; horii keessaas angafni hundinuu in du'a*.
6Guutummaa biyya Gibxii keessatti boo'ichi guddaan in ta'a; boo'ichi akkasii kun takkaa ta'ee hin beeku, kan akkasiis deebi'ee hin ta'u.
7Namaa fi horii Israa'elootaatti garuu sareen illee hin duutu; Waaqayyo warra Gibxii fi warra Israa'el gidduutti garaagarummaa akka godhu kanaan in beektu? jedhe? jedhe*.
8Museen itti dabalee, ?Hojjetoonni kee kun hundinuu gara kootti gad bu'anii, anaaf qoomma'anii, ?Ati warra si faana adeeman hundumaa wajjin hadaraa ba'i!? naan jedhu; anis kana booddee nan ba'a? jedhe; Museen kana booddee aaree boba'ee mooticha biraa in adeeme.
9Dura iyyuu Waaqayyo Museedhaan, ?Dinqiin koo biyya Gibxiitti akka baay'atuuf, mootichi isiniif hin dhaga'u? jedhee ture.
10Museenii fi Aaron fuula mootichaa duratti dinqii kana hundumaa godhaniiru; Waaqayyo immoo mooticha garaa waan jabeesseef, Israa'eloonni biyya isaa keessaa akka ba'aniif gad hin dhiifne*.