1Waldaan Israa'el hundinuu biyya Gibxii erga ba'anii ji'a lammaffaatti, ji'ichattiis guyyaa kudha shanaffaatti, Eliimii ka'anii gara Siin lafa onaa isa Eliimii fi tulluu Siinaa gidduu jiru sana in dhaqan.
2Waldaan Israa'el guutummaatti lafa onaa sana keessatti Musee fi Aaron irratti in guunguman*.
3Isaaniinis, ?Isin saba walitti qabame kana hundumaa beelaan fixuudhaaf, gara lafa onaa kanatti nu fiddaniittu; nuyi garuu biyya Gibxii keessatti xuwwee foonii bukkee teenyee, foonii fi buddeena quufnee utuu nyaannuu harka Waaqayyootiin utuu dhumneerra ta'ee, nuuf in wayya ture? jedhan*.
4Kana irratti Waaqayyo Museedhaan, ?Kunoo ani waaqa keessaa buddeena isiniif nan roobsa; sabni kun gad ba'ee ga'aa guyyaa tokko tokko haa funaannatu! Anis akka seera kootti in jiraataa fi hin jiraatuu isaa kanaan qoree nan ilaala*.
5Isaan guyyaa ja'affaatti wanta galfatan yeroo qopheeffatanitti, isa dur guyyaa guyyaatti funaannatan sanatti harka lama kan ta'u haa funaannatan!? jedhe.
6Musee fi Aaron kana irratti Israa'eloota hundumaan, ?Biyya Gibxii keessaa kan isin baase Waaqayyo akka ta'e, isin galgala kana in bartu;
7nuyi maalii iyyuu nu irratti guungumtu? Waaqayyo utuma isin dhaga'uu isa irratti guungumtaniittu; kanaaf ganama immoo ulfina Waaqayyoo in argitu!? jedhan*.
8Museen itti dabalee, ?Waaqayyo guungummii isin isa irratti guungumtan waan dhaga'eef, galgala foon akka nyaattaniif, ganama immoo buddeena akka quuftaniif isiniif in kenna; egaa, nuyi immoo maali ree? Guungumuun keessan Waaqayyo irratti malee, nu irratti miti? jedhe.
9Museen yommus Aaroniin immoo, ?Guutummaa waldaa Israa'eliin, ?Waaqayyo guungumuu keessan waan dhaga'eef, gara fuula isaa duraatti as dhi'aadhaa? jedhiin!? jedhe.
10Aaron guutummaa waldaa Israa'elitti yeroo dubbatetti, isaan gara lafa onaa ilaalanii, ulfinni Waaqayyoo duumessa keessatti mul'achuu isaa in argan*.
11Ammas Waaqayyo Museedhaan,
12?Ani guungummii Israa'elootaa dhaga'eera; ammas isaaniin, ?Yeroo dimimmisaa'utti foon in nyaattu, ganama immoo buddeena in quuftu, yommus ani Waaqayyo keessan goofticha akkan ta'e in bartu? jedhi!? jedhe.
13Galgaluma sana dimbiriqqeen dhuftee iddoo buufataa in guutte; ganama fixeensi naannoo buufata sanaa irra ture*.
14Yommuu fixeensi bu'etti immoo, wanti akka qolaa bixxilleen cabbii haphiin lafa onaa sana irra bubbu'ee ture.
15Israa'eloonni isa arganii, maal akka inni ta'e waan hin beekneef walii isaaniitiin, ?Kun maali?? jedhan; Museen immoo isaaniif deebisee, ?Kun buddeena isa Waaqayyo akka nyaattaniif isiniif kennee dha*;
16isa kana inni Waaqayyo, ?Isin adduma addaan hamma nyaataaf isin barbaachisu funaannadhaa, akkuma lakkoobsa namoota dunkaana keessan keessaa qabdaniitti nama tokkoof mata mataatti omeer tokko fudhadhaa!? jedhee abboome? jedhe; [?Omeer? qoodaa midhaan ittiin safaran ture].
17Namoonni Israa'elis akkasuma godhan; isaan keessaa kaan baay'ee, kaan immoo xinnoo funaannatan;
18yeroo omeeritti safaran garuu isa baay'isee funaannateef irraa hin hafne, isa xinneessee funaannate duraas hin hir'anne; adduma addaan hamma nyaataaf isa barbaachise in argate*.
19Museen jaraan, ?Namni tokko illee isa irraa boriif hin hambifatin!? jedhe*.
20Haa ta'u iyyuu malee, kaan wanta Museen jedhe hin fudhanne, gar-tokko isaa borumtaaf kaa'atan; inni immoo raamma'ee in ajaa'e; kana irratti Museen isaanitti in dheekkame.
21Isaan ganama ganama, mata mataatti hamma nyaataaf isaan barbaachise in funaannatu turan; yeroo aduun ho'utti garuu in baqa ture.
22Gaafa guyyaa ja'affaa immoo jarri buddeenicha harka lama mata mataatti omeer lama in funaannatu turan; angafoonni waldaa hundinuu dhufanii waan ta'e Museetti in himan;
23inni immoo deebisee, ?Inni kun isuma Waaqayyo, ?Bor guyyaa boqonnaa ti, Sanbata Waaqayyoof qulqullaa'ee dha; har'a wanta nyaataaf tolchattan tolchaa, wanta affeeltanis affeelaa! Isa irraa waan hafu hundumaa immoo boriif kaa'adhaa!? jedhee abboomee dha? isaaniin jedhe*.
24Isaan akkuma Museen dubbatee ture, isa irraa hafe borumtaadhaaf in kaa'atan; inni immoo hin ajoofne, raammoos hin godhanne.
25Museen, ?Har'a isa nyaadhaa! Guyyaan har'aa Sanbata Waaqayyoo ti, har'a bakkeetti isa hin argattan;
26guyyaa ja'a in funaannattu; guyyaa torbaffaa, guyyaa Sanbataatti garuu tokko illee bakkeedhaa hin argattan? jedhe.
27Saba sana keessaa kaan immoo guyyaa torbaffaatti funaannachuudhaaf in ba'an; garuu waan tokko illee hin arganne.
28Yommus Waaqayyo Museedhaan, ?Isin hamma yoomiitti abboommii koo fi seera koo eeguu diddu?
29Ilaa, ani Waaqayyo guyyaa Sanbataa isiniif kenneera; kanaaf gaafa guyyaa ja'affaa buddeena guyyaa lamaaf ta'u isiniif nan kenna; egaa namni adduma addaan iddoo isaa haa turu, guyyaa Sanbataatti namni tokko illee iddoo isaatii hin adeemin!? jedhe.
30Jarri sunis guyyaa torbaffaatti in boqotan.
31Namoonni Israa'el buddeena sana ?Maannaa? jedhanii moggaasan; innis adii akka ija midhaanii, miyaan isaa akka bixxillee dammaan tolfamee ture*.
32Yommus Museen, ?Waaqayyo, ?Buddeena isa ani yeroon biyya Gibxii keessaa isin baase lafa onaa keessatti isin nyaachisaa ture isaan akka arganitti, isa irraa omeer tokko guutuun dhaloota dhaloota keessaniif darbee haa kaa'amu!? jedhee kana abboomeera? jedhe.
33Achumaan Museen Aaroniin, ?Huuroo tokko fuudhii, maannaa omeer tokko guutuu itti naqii, dhaloota dhufuuf akka taa'utti fuula Waaqayyoo dura kaa'i!? jedhe*.
34Aaron akkuma Waaqayyo Musee abboometti, qodaan sun sanduuqa kakuu dura akka kaa'amuuf eege.
35Israa'eloonni hamma yeroo biyya namni keessa jiraatu ga'aniitti, waggaa afurtama maannaa in nyaatan; isaan hamma yeroo daarii biyya Kana'aan ga'aniitti maannaa in nyaatan.
36Omeer tokko harka kurnaffaa eefaa tokkoo ti (yookiis akka kiiloo sadii fi walakkaa ti)*.