Seera Ba'uu 17:1-16 GAZB1997 - Bible AI

1Waldaan Israa'el guutummaatti akka Waaqayyo isaanitti himetti, Siin lafa onaadhaa ka'anii iddoodhaa gara iddootti darbaa dhufanii iddoo ?Refiidiim? jedhamu in buufatan; garuu sabni sun bishaan dhugan hin arganne*.

2Kanaaf jarri, ?Bishaan dhugnu nuuf kenni!? jedhanii Musee lolan; Museen immoo jaraan, ?Maaliif ana loltu? Waaqayyoonis maaliif qortu?? jedhe*.

3Jarri bishaan dhabanii waan dheebotaniif, Musee irratti guungumanii, ?Nuun, ijoollee keenya, horii keenyas dheebuudhaan fixuudhaaf biyya Gibxii nu baaftee?? jedhan*.

4Yommus Museen gara Waaqayyootti iyyee, ?Jarri kunoo, dhagaadhaan na rukutuudhaaf xinnoo isheetu isaan hafe, maal godhu?? jedhe*.

5Waaqayyo immoo deebisee Museedhaan, ?Maanguddoota Israa'el keessaa muraasa fudhadhuutii, ulee kee isa ittiin bishaan Abbayyaa rukuttes qabadhuutii, jara dura darbii adeemi!

6Kunoo! Ani achi Siinaatti kattaa tokko irra si dura nan dhaabadha; ati immoo kattaa sana in rukutta, bishaan isa keessaa in burqa, jarris isa in dhugu? jedhe; Museenis ija maanguddoota Israa'el duratti akkasuma in godhe*.

7Namoonni Israa'el waan morkataniif gooftichaan immoo, ?Waaqayyo nu gidduu jira moo hin jiru?? jedhanii waan qoraniif, maqaan iddoo sanaa ?Maasaa fi Mariibaat[89]? moggaafame*.[90]

8Warri Amaaleq Refiidiimin dhufanii warra Israa'el in lolan.

9Museen yommus Iyaasuudhaan, ?Namoota fo'adhuutii dhaqii warra Amaaleq loli! Anis bor ulee Waaqayyoo qabadhee gaara gubbaa nan dhaabadha? jedhe.

10Iyaasuun akkuma Museen isatti hime godhe, warra Amaaleq loluudhaaf ba'e; Museen, Aaronii fi Huur garuu gaara gubbaatti ol ba'an.

11Yeroo Museen harka isaa ol qabu warra Israa'eltu humna caala ture; yeroo inni harka isaa gad deebisu immoo warra Amaaleqtu humna caala ture.

12Harki Musee in dadhabe; yommus isaan dhagaa fidanii achi keenyaaniif, inni irra taa'e; Aaronii fi Huur immoo, inni tokko garanaan, inni kaan immoo garasiin goranii, hamma aduun lixutti harki isaa akka gad hin deebineef ol qabaniif.

13Yommus Iyaasuun loltoota warra Amaaleq billaadhaan in mo'e.

14Ergasii Waaqayyo Museedhaan, ?Seenaa kana akka macaafaatti caafi! Ani immoo seenaa warra Amaaleq raawwadhee bantii waaqaa jalaa haxaa'ee akkan balleessu Iyaasuutti himi!? jedhe*.

15Museenis iddoo aarsaa ijaaree, maqaa isaas ?Waaqayyo faajjii koo ti? jedhee moggaase*.

16Itti dabalees, ?Harki gara teessoo Waaqayyootti ol fuudhameera! Waaqayyo immoo dhalootaa hamma dhalootaatti warra Amaaleq in lola? jedhe.[91]

Bible Society of Ethiopia
/div>