Seera Ba'uu 18:1-27 GAZB1997 - Bible AI

1Yetroo lubni warra Miidiyaan, abbiyyuun Musee wanta Waaqayyo gooftaan Museedhaaf, saba isaa Israa'eliifis godhe, attamittis Israa'elin biyya Gibxii akka baase in dhaga'e*.

2Yeroo Museen haadha manaa isaa Siiforaa of biraa deebisetti, Yetroo abbiyyuun Musee kun ofitti ishee fuudhe ture;

3ilmaan ishee lamaan ishee wajjin turan; Museen yommus, ?Ani biyya ormaa keessatti galaa ta'eera? jedhee isaan keessaa isa tokko Gershoomitti in moggaase*.

4Maqaan isa kaanii immoo Elii'ezer; isa immoo, ?Waaqayyo inni kan abbaa kootii gargaarsa koo ti, inni billaa mootii Gibxii jalaa na baaseera? jedhee akkasitti moggaase*.

5Yommus Yetroo abbiyyuun Musee, haadha manaa isaa fi ilmaan isaa fidee lafa onaa keessatti gara tulluu Waaqayyoo iddoo inni buufatee jirrutti Musee bira dhufee,

6?Kunoo, ani Yetroo abbiyyuun kee, haadha manaa kee fi ilmaan ishee lamaan fidee gara kee dhufeera? jedhee Museetti in dhaame.

7Yommus Museen abbiyyuu isaa simuudhaaf gad in ba'e; gad gugguufee isaaf in qoomma'e, isa in dhudhungates; isaan nagaa wal gaafatanii gara dunkaanaatti ol galan.

8Kana booddee Museen wanta Waaqayyo sababii Israa'eliif jedhee mootii Gibxii fi warra Gibxii irratti hojjete, rakkina karaatti isaan irra ga'e hundumaa, Waaqayyo immoo attamitti isa keessaa akka isaan oolche abbiyyuu isaatti in hime.

9Yetroo abbiyyuun isaa immoo Waaqayyo harka warra Gibxii keessaa isaan baasuu isaatiin wanta gaarii Waaqayyo Israa'eliif godhe hundumaatti in gammade.[92]

10Yommus Yetroo, ?Waaqayyo inni harka warra Gibxii keessaa, harka mootii Gibxii jalaas isin baase, haa jajamu!

11Waaqayyo, yeroo warri Gibxii saba isaatti gooftummaa argisiisuudhaan isaan rakkisanitti harka isaanii jalaa waan isaan baaseef, waaqayyolii warra kaan hundumaa irra akka inni caalu, ani amma nan beeka? jedhe*.

12Yommus Yetroo abbiyyuun Musee, aarsaa, qalma gubatus Waaqayyoof in dhi'eesse; Aaron immoo maanguddoota Israa'el hundumaa wajjin, fuula Waaqayyoo duratti abbiyyuu Musee wajjin buddeena nyaachuudhaaf in dhufe*.[93]

13Borumtaa isaa Museen saba gidduutti firdii kennuudhaaf in taa'e; sabni immoo isa eeggachuudhaaf ganamaa hamma galgalaatti achi in dhaabate.

14Abbiyyuun Musee wanta inni sabaaf hojjetu kana hundumaa argee, ?Wanti ati sabaaf hojjettu kun maali? Maaliif ati kophaa kee teessee, sabni kun hundinuu immoo ganamaa hamma galgalaatti si naanna'ee dhaabata?? jedheen.

15Museen immoo abbiyyuu isaatiin, ?Kun sababii sabni kun fedha Waaqayyoo gaafachuudhaaf ana bira dhufuuf ta'e;

16yeroo dubbii godhatan ana bira in dhufu, ani immoo nama tokkoo fi ollaa isaa gidduutti firdii nan kenna; achumaanis abboommii Waaqayyoo fi seera isaa akka isaan beekan nan godha? jedhe.

17Abbiyyuun Musee immoo deebisee, ?Akki ati kana itti hojjechaa jirtu gaarii miti.

18Hojichi baay'ee waan sitti ulfaatuuf, ati kophaa kee kana raawwachuu hin dandeessu; ati, sabni sii wajjin jiru kunis of in dadhabsiiftu;

19ammas ani gorsa siif nan kenna, gara koo dhaggeeffadhu! Waaqayyo sii wajjin haa ta'u! Ati qooda saba kanaa ta'iitii Waaqayyo dura dhaabadhu, dhimma isaaniis gara Waaqayyootti dhi'eessi!

20Ati abboommii isaatii fi seera isaatiin isaan in gorsita; karaa isaan irra adeemuun ta'uuf, wanta gochuun isaaniif ta'us akka isaan beekan in goota.

21?Kana malees immoo saba guutuu keessaa namoota danda'an, warra Waaqayyoon sodaatan, warra amanaman, warra gabbarsuu fudhachuu hin jaallanne in foota; jarreen kana eegdota kumaa, eegdota dhibbaa, eegdota shantamaa, eegdota kudhaniis gootee saba kana irratti aboo in kennitaaf.

22Isaan kun yeroo hundumaa saba kana gidduutti firdii haa kennan! Dhimma gurguddaa gara keetti haa fidan, wanta xixinnaa garuu isaanumti murtoo itti haa godhan, akkasitti ba'icha of irraa salphisi, isaanis sii wajjin haa baatan!

23Ati kana gootee, isa Waaqayyo si abboome yeroo raawwattu, irraa haftee in dhaabatta; sabni kun hundinuu immoo nagaadhaan gara mana isaaniitti in deebi'u? jedheen.

24Museen gorsa abbiyyuu isaa fudhatee, waan inni jedhe hundumaas in godhe.

25Akkasitti Museen guutummaa Israa'el keessaa namoota danda'an fo'ee, eegdota kumaa, eegdota dhibbaa, eegdota shantamaa, eegdota kudhaniis godhee, saba geggeessuu akka isa gargaaraniif aboo in kenneef.

26Isaan yeroo hundumaa saba gidduutti firdii in kennu; dhimma jajjabaa gara Museetti in geessu, wanta xixinnaa garuu ofumaa isaaniitii murtoo itti godhu turan.

27Ergasii Museen abbiyyuu isaa in geggeesse, namichis biyya isaatti galuudhaaf karaa irra in bu'e*.[94]

Bible Society of Ethiopia
/div>