Seera Ba'uu 20:1-26 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo dubbii kanatti fufee jiru hundumaa in dubbate;

2inni, ?Ani Waaqayyo, gooftaa kee isa mana garbummaa biyya Gibxii keessaa si baasee dha*.

3?Waaqayyolii kan biraa tokko illee ana bukkeetti[99] hin qabaatin*![100]

4?Bifa qirixame, fakkeenya wanta ol waaqa irra jiruu, gad lafa irra jiruu, yookiis bishaan keessa lafa jala jiruu hin tolfatin*!

5Ati bifa fakkeenyaa kanaaf hin sagadin, isaafis hin hojjetin! Ani Waaqayyo gooftaan kee Waaqayyo hinaafaa dha; cubbuu abbootaa hamma dhaloota sadii, hamma dhaloota afuriittis harka ijoollee warra na jibbanii keessaa nan barbaada*.

6Dhaloota warra na jaallatanii abboommii koo eeganiitti garuu, kumaatama isaaniitti gaarummaa koo nan argisiisa*.

7?Ani Waaqayyo nama akkasumaan maqaa koo dha'u utuun hin adabin waan ani hin dhiifneef, ati maqaa koo maqaa Waaqayyoo gooftaa keetii akkasumaan hin dha'in*![101]

8?Guyyaa Sanbataa qulqullinatti eeguudhaaf yaadadhu!

9?Guyyaa ja'a hojii kee hojjedhu, jiruu kees hundumaa godhadhu!

10?Guyyaan inni torbaffaan garuu Sanbata ana Waaqayyo gooftaa keetiif eegamuu dha; ati, ilmi kee, intalli kee, hojjetaan kee, hojjettuun kee, horiin qe'ee kee, galaan kellaa kee keessa jirus isatti hojii tokko illee hin hojjetin*![102]

11?Ani Waaqayyo guyyaa ja'a keessatti bantii waaqaa fi lafa, galaana, wanta isaan keessa jiru hundumaas uumee, guyyaa torbaffaatti nan boqodhe; kanaaf ani Waaqayyo guyyaa Sanbataa nan eebbise, nan qulqulleesses*.[103]

12?Biyya ani Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessa bara dheeraa akka jiraattuuf, abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni*!

13?Hin ajjeesin*!

14?Hin ejjin*!

15?Hin hatin*!

16?Nama irratti sobaan dhugaa hin ba'in*!

17?Mana namaa duraa fudhachuudhaaf hin hawwin! Haadha manaa namaa, hojjetaa isaa, hojjettuu isaa, qotiyyoo isaa, harree isaa, waanuma kan isaa ta'e duraa fudhachuudhaaf hin hawwin*!? jedhe.[104]

18Namoonni sun hundinuu kakawwee, guca boba'u, sagalee fiinoo, tulluu aarus in hubatan; kana irraa kan ka'es na'anii hollatanii, achi irraa fagaatanii in dhaabatan.

19Jarri yommus Museedhaan, ?Nuyi akka hin dhumnetti, Waaqayyo nuu wajjin akka dubbatu hin godhin, ati nuu wajjin dubbadhu, nus in dhageenyaa!? jedhan*.

20Museen immoo saba sanaan, ?Waaqayyoon sodaachuun isin bira akka jiraatuuf isinis cubbuu akka hin hojjenneef, Waaqayyo qoree isin ilaaluudhaaf waan dhufeef, hin sodaatinaa!? jedhe*.

21Yommus sabni irraa fagaatee in ijaajje; Museen garuu gara duumessa gurraacha dukkanaa'aa lafa Waaqayyo turetti in dhi'aate.[105]

22Yommus Waaqayyo Museetti dubbatee, ?Ati Israa'elootaan, ?Waaqayyo akkana jedha:- Ani waaqa irraa isinitti dubbachuu koo ofii keessanii iyyuu argitaniittu;

23isin ana dhiiftanii waaqayyolii meetii irraa yookiis waaqayyolii warqee irraa hojjetaman hin tolfatinaa!

24Isin biyyoo irraa iddoo aarsaa anaaf in hojjettu; isa irrattis qalma keessan isa gubamu, qalma araaraa keessan, bushaayee keessanii fi saawwan keessan in dhi'eessitu; iddoodhuma ani maqaan koo akka itti yaadatamu godhetti, isin bira nan dhufa, isinan eebbisas.

25Iddoo aarsaa dhagaadhaan yoo anaaf ijaarte immoo, mi'a ittiin sooftu sanaan isa waan xureessituuf, dhagaa soofamaadhaan hin ijaarin*!

26Iddoo aarsaa koo irratti qullaan kee akka hin mul'annetti, toora isa gadii irraa isa oliitti tarkaanfachuudhaan gara isaatti ol hin ba'in!? jedhi!? jedhe.[106]

Bible Society of Ethiopia
/div>