1?Namni tokko qotiyyoo yookiis bushaayee hatee yoo qalate yookiis yoo gurgurate, qotiyyoo tokko sanaaf qotiyyoo shan, bushaayee tokko sanaafis bushaayee afur gatii haa baasu!
2Hattuun qotee lixuutti utuu jiruu argamee, rukutamee yoo du'e, isaaf gumaan hin jiru.
3Erga aduun baatee yoo ta'e garuu, gumaan isaa in gaafatama; hattuun qabame immoo gatii isaa guutummaatti haa baasu, waan baasu yoo dhabe garuu, wanta hate sana gatii baasuudhaaf ofii isaatii haa gurguramu!
4Horiin hatame sun fayyaatti harka isaatti yoo argame immoo, qotiyyoo, harree yookiis bushaayee yoo ta'e dachaa lama haa baasu!
5?Namni maasii yookiis iddoo dhaabaa waynii keessa horii utuu dheechisuu, horii isaa gad dhiifnaan, dhaqanii midhaan nama biraa yoo dheedan, namichi midhaan isaa isa caalaa maasii isaa keessaa yookiis iddoo dhaabaa waynii isaa keessaa gatii midhaan isa dheedamee haa baasu!
6?Ibiddi ka'ee qoraattii qabatee, midhaan tuulame yookiis isa hin haamamin jiru yookiis maasicha yoo gube, namichi ibidda manaa baase, gatii isaa guutuu haa baasu!
7?Horiin yookiis mi'i namni tokko ollaa isaatti imaanaa kennate, mana namichaa keessaa yoo duraa hatame, hattuun sun yoo argame dachaa lama haa baasu!
8Hattuun sun yoo argamuu dhabaate garuu, abbaan manichaa imaanaa ollaa isaa sanatti harka isaa hin buufne yoo ta'e gara Waaqayyootti haa dhi'aatu!
9Namni qotiyyoo, harree, bushaayee yookiis uffata yookiis immoo mi'a bade jedhame tokko yoo miliqse, abbaan isaas dhufee kun kan koo ti yoo jedhe, dubbiin isaanii Waaqayyo duratti haa dhi'aatu! Jara lamaan keessaa inni Waaqayyo itti mure, ollaa isaa sanaaf dachaa lama haa baasu*!
10?Namni tokko harree, qotiyyoo yookiis bushaayee yookiis horii tokko ollaa isaatti darabaa yoo kennate, horiin sun immoo yoo du'e, yoo cabe yookiis utuu namni hin argin yoo hatame,
11namichi darabaa fuudhe sun horii ollaa isaa sanatti akka hin bu'in maqaa Waaqayyootiin haa kakatuuf! Abbaan horichaa kana amanee haa fudhatu; namichis gatii hin baasu!
12Horiin sun dhuguma namicha darabaa fuudhe biraa yoo hatame garuu, inni abbaa horiif haa baasu!
13Horii sana bineensi yoo nyaate immoo amansiisuuf hambaa isaa haa dhi'eessu malee, isatti gatii hin baasin!
14Namni tokko ollaa isaa irraa horii ergifatee, lafa abbaan horii sanaa hin jirretti horiin sun yoo cabe yookiis yoo du'e, inni ergifate gatii guutuu haa baasu!
15Abbaan horii yoo bira jiraate garuu, namichi ergifate gatii hin baasu; horiin sun dugda bitame yoo ta'e immoo dugda bitamee dhufe waan ta'eef, walitti haa ciisu!
16?Namni durba hin kaadhimatamin sossobatee, yoo wajjin ciise, qaraxa ishee baasee haa fuudhu*!
17Abbaan intalattii namichaaf kennuu raawwatee yoo dide immoo, namichi horii qaraxa durba tokkoof ta'u haa baasu!
18
19
20
21?Isinis biyya Gibxii keessatti orma waan turtaniif, nama ormaa irratti dabaa hin hojjetinaa, isa hin cunqursinaas!
22
23Isaan gad qabdanii rakkiftanii, isaan immoo kana keessatti gara kootti yoo iyyan, ani iyya isaanii dhuguma nan dhaga'a;
24dheekkamsi koo in boba'a, ani billaadhaan isin nan ajjeesa, dubartoonni keessan haadhotii hiyyeessaa, ijoolleen keessanis kan abbaan irra hin jirree in ta'u!
25?Ati saba koo keessaa hiyyeessa si bira jiru tokkoof horii yoo liqeessite, akka abbaa gatii isatti hin ta'in, hiiqiis hin gaafatin*!
26Wayyaa ollaa kee qabsiisaaf yoo fuute, utuu aduun hin lixin galchiif!
27Wanti inni dhagna isaatti uffatee golboobatu isa duwwaa dha, kanaa achi maal uffatee rafa ree? Inni gara kootti yoo iyye, ani oo'a-qabeessa waanan ta'eef isaaf nan dhaga'a*.
28?Ati Waaqayyoon ulfina hin dhowwin! Angafa saba kees hin abaarin*!
29?Mataa midhaan hammaartee galfattuu fi waynii irra dhangalaaftee cuunfattu anaaf dhi'eessuudhaaf harka keessa hin qabatin! Ilmaan kee keessaas isa angafa anaaf in laatta.
30Saawwan kee fi bushaayee kee akkasuma in goota; ilmoon inni angafni guyyaa torba haadha isaa bira in tura, gaafa guyyaa saddeettaffaa immoo isa anaaf in laatta*.
31?Isin namoota anaaf addaan ba'an in taatu; kanaaf foon horii bineensi bakkeetti qabee ajjeese hin nyaatinaa! Foon horii akkasii sarootaaf darbadhaa*!