1?Dubbii sobaa hin odeessin, sobaan dhugaa ba'uudhaan nama jal'aa hin gargaarin*!
2Wanta hamaa hojjechuudhaan tuuta duukaa hin bu'in, lafa yaa'iitti tuuta bira gortee dhugaa hin jal'isin!
3Yaa'ii keessattis deegaadhaaf hin loogin*!
4?Qotiyyoon yookiis harreen diina keetii karaa irraa kaatee isaa baduuf jedhu yoo itti baate, deebisii isaaf galchi!
5Harreen nama si jibbu tokkoo ba'aa baatee kufee yoo argite, gargaari malee dhiiftee bira hin darbin*!
6?Yaa'ii keessatti deegaa saba keetii duraa firdii hin jal'isin*!
7Ani nama jal'aa akka nama qajeellaatti hin lakkaa'u; kanaaf wanta sobaattii fagaadhu, nama balleessaa hin qabne, nama qajeellaas hin ajjeesin!
8Gabbarsuu hin fudhatin! Gabbarsuun ija warra arganii in jaamsa, dubbii warra qajeelotaas in micciira*.
9Nama ormaa hin cunqursin! Ati biyya Gibxiitti orma waan turteef, nama biyya ormaa jirrutti wanta dhaga'amu ofii keetii iyyuu in beekta*.
10?Waggaa ja'a midhaan lafa kee irra facaafadhu, ija isaas irraa galfadhu!
11Waggaa torbaffaatti garuu aara galfachiisi malee hin qotin! Wanta waggaa sana keessa isa irraa argamu dhabaan saba keetii haa nyaatu, isa isaan irraa hafu immoo bineensi haa nyaatu! Muka waynii kee fi muka ejersaa kees akkasuma godhi*!
12?Guyyaa ja'a jiruu kee godhadhu, qotiyyoon kee harreen kees akka boqotaniif guyyaa torbaffaatti immoo aara galfadhu! Ilmi hojjettuu kee, ormis aara haa galfatan*!
13Wanta ani sitti hime kana hundumaa hubadhu, waaqayyolii biraa hin waammatin, maqaan isaaniis afaan kee irraa hin dhaga'amin!
14?Waggaatti si'a sadii ayyaana anaaf ayyaaneffadhu!
15Ayyaana Maxinoo ayyaaneffadhu! Ji'a Abiibitti biyya Gibxii keessaa waan baateef, ji'icha keessaa yeroo dhaabataatti akka ani si abboometti guyyaa torba maxinoo nyaadhu! Namni tokko illee harka isaa duwwaa ana duratti hin dhi'aatin*!
16?Ija midhaan kee isa angafa facaafatteen ayyaana Makarii ayyaaneffadhu! Dhuma waggaa irratti ija mukkeetii maasii kee keessa jiran irraa yeroo sassaabbattu ayyaana midhaan sassaabbii ayyaaneffadhu*!
17Dhiironni kee hundinuu waggaatti si'a sadii ana Waaqayyo gooftaa duratti haa dhi'aatan!
18?Dhiiga aarsaa, buddeena bukaa'aa wajjin anaaf hin dhi'eessin! Coomni aarsaa anaaf dhi'aates boriif hin bulin*!
19Wanta lafti siif baasu keessaa angafa midhaanii isa caalaa mana ana Waaqayyo gooftaa keetti fidi! Ilmoo reettii aannan haadha isheetiin hin affeelin*!
20?Kunoo! Ani karaa irratti akka si eeguuf, iddoo ani qopheessettis akka si geessuuf ergamaa si dura nan erga*.
21Atis of eeggadhu, dubbii isaa dhaggeeffadhu! Maqaan koo isa keessa waan jiruuf, inni irra-daddarbaa kee siif hin dhiisu, ati isaan mormitee irratti hin ka'in!
22Dubbii isaa ba'eessa gootee yoo dhaggeeffatte, waan ani sitti dubbadhu hundumaas yoo goote, ani diina keetti diina nan ta'a, warra siin mormaniinis nan morma.
23Ergamaan koo si dura in adeema biyya Amoorotaatti, biyya Heetotaatti, biyya Pheriizotaatti, biyya Kana'aanotaatti, biyya Hiiwotaatti, biyya Yibusootaattis si geessa; anis isaan nan balleessa.
24Ati waaqayyolii isaaniif hin qoomma'in! Isaaniif hin sagadin! Hojii isaanii duukaas hin bu'in, bifa waaqayyolii isaanii balleessi, utuboota dhagaa isaaniis caccabsi*!
25Ana Waaqayyo gooftaa keef hojjedhu, ani immoo midhaan kee fi bishaan kee nan eebbisa; dhukkubas si keessaa nan balleessa*.
26Biyya kee keessa dubartiin ulfi irraa ba'u yookiis dubartiin dhala dhabdu hin jirtu; bara jireenyaas guutuutti siif nan kenna.
27?Ani naasisuu koo si dura nan erga, namoota ati itti dhuftu hundumaas walii nan wallaalchisa; diinonni kee hundinuus dugda sitti gatanii akka si jalaa fiigan nan godha.
28Ani soonsa isa Hiiwota, Kana'aanota, Heetota si duraa ari'ee baasu nan erga.
29Lafti onaa ta'ee bineensi wal horee akka sitti hin baay'annetti, ani waggaa tokko keessatti saba sana si duraa hin ari'u.
30Hamma ati hortee baay'attee laficha dhuunfaa kee godhattutti xinnoo xinnoodhaanan fuula kee duraa isaan baasa.
31Daarii lafa keetii galaana diimaatii hamma galaana Filiisxiyaatti, lafa onaadhaa hamma laga Efraaxiisitti nan godha; warra biyyicha keessa jiran immoo harka kee keessa nan buusa, ati of duraa isaan ari'attee in baafta.
32Isaanii wajjin, waaqayyolii isaanii wajjinis kakuutti hin galin!
33Ana duratti cubbuu akka si hin hojjechiifnetti isaan biyya kee keessa hin jiraatin! Waaqayyolii isaaniis yoo waaqessite kiyyoo sitti in ta'a?.