Seera Ba'uu 24:1-18 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo yommus Museedhaan, ?Ati, Aaron, Naadaab, Abiihuu, jaarsolii Israa'el keessaa torbaatamni as gara koo gara Waaqayyo kottaa, fagoo dhaabadhaatii sagadaa*!

2Ati kophaan as gara koo gara Waaqayyootti dhi'aadhu malee, warri kaan hin dhi'aatin! Sabni matumaa sii wajjin ol hin ba'in!? jedhe.[125]

3Museen dhufee wanta Waaqayyo jedhe hundumaa, seera isaas hundumaa saba sanatti in hime; sabni immoo sagalee tokkichaan deebisanii, ?Nuyi dubbii Waaqayyo dubbate kana hundumaa in goona? jedhan*.

4Museen dubbii Waaqayyo dubbate hundumaa in caafe; ganama barii immoo ka'ee tullicha jalatti iddoo aarsaa ijaaree, akka lakkoobsa gosa Israa'el warra kudha lamaaniitti utubaa dhagaa kudha lama in dhaabe*.

5Israa'eloota keessaas dargaggoonni qalma gubamuu fi qalma araaraafis tuntunoota qalanii Waaqayyoof dhi'eessuudhaaf akka ergaman in godhe.

6Museen immoo dhiiga sana walakkaa waciitotatti naqee, walakkaa isa hafe immoo iddoo aarsaa sanatti in facaase.

7Yommus macaafa kakuu sanaa fuudhee, akka sabni sun dhaga'utti dubbise; isaan immoo, ?Wanta Waaqayyo dubbate hundumaa in dhageenya, in goonas? jedhan*.

8Museen dhiigicha fuudhee, namootatti facaasee, ?Ilaa dhiiga kakuu isa Waaqayyo akka dubbii kana hundumaatti isiniif dhaabe? jedhe*.[126]

9Yommus Museen, Aaron, Naadaab, Abiihun, jaarsolii Israa'el keessaas namoonni torbaatamni ol in ba'an;

10isaan Waaqayyo isa kan Israa'el in argan; miilla isaa jala wanta akka dhagaa Safiiros, isa qullaa'aa akka bantii waaqaatu ture*.

11Inni harka isaa gurguddoota saba Israa'el kanatti hin buufne; isaan Waaqayyoon in argan, achitti walii wajjin in nyaatan, in dhuganis.[127]

12Ammas Waaqayyo Museedhaan, ?Tulluutti ol ba'ii gara koo kottu, achi turi! Ani gabatoota dhagaa, seeraa fi abboommii sabni kun akka ittiin gorfamuuf, ani irratti caafee sitti nan kenna? jedhe*.

13Kana irratti Museen, Iyaasuu gargaartuu isaa wajjin ka'ee, tulluu Waaqayyootti ol in ba'e*.

14Inni jaarsolii sanaan, ?Hamma nuyi deebinee gara keessan dhufnutti, asitti nu eegaa! Kunoo Aaronii fi Huur isin bira jiru, namni dubbiin isa argate immoo isaan biratti haa dhi'aatu!? jedhe ture.[128]

15Museen tulluutti erga ol ba'ee booddee, duumessi tullicha in uffise*.

16Ulfinni Waaqayyoo tulluu Siinaa irra in buufate, duumessis guyyaa ja'a tullicha in uffise; gaafa guyyaa torbaffaa Waaqayyo duumessa sana gidduudhaa Musee in waame*.

17Yeroo kanatti ulfinni Waaqayyoo akka ibidda xaph godhutti, fiixee tuulu sanaa irraa saba Israa'el duratti in mul'ata ture*.

18Museen tulluu sanatti ol ba'ee, duumessa sana gidduu lixee, guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irra ture*.[129]

Bible Society of Ethiopia
/div>