1Waaqayyo Museedhaan,
2?Israa'eloonni kennaa akka anaaf kennanitti itti himi; nama garaan isaa akka kennuuf ajaje hundumaa irraa kennaa sana fuudhaa*!
3Wanti isin isaan harkaa fuutan warqee, meetii, sibiila borrajjii,
4uffata jirbii bifa waaqaa, dhiilgee, bildiimaa, quncee talbaa gaarii, rifeensa reettii,
5gogaa korbeessa hoolaa isa diimeffame, raroo hoolaa bishaanii, muka laaftoo,
6dhadhaa ejersaa ibsaadhaaf, dhadhaa ejersaa akka dibatamuuf, ixaana foolii tolee fi urgooftuu,
7callee Sardoniikis, callee gati-jabeessa, kan biraas dirata fuula duraa fi qomee akka gaachanaatti kaa'amuu dha.
8Ani isaan gidduu akkan jiraadhuuf isaan godoo qulqullaa'aa anaaf haa ijaaran*!
9Iddoo buufataa sanaaf mi'a isaa hundumaa akka fakkeenya isa ani sitti argisiisutti hojjedhu*!
10?Isaan sanduuqa kakuu dheerinni isaa dhundhuma lamaa fi walakkaa, bal'inni isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa, irraan-oleen isaas dhundhuma tokkoo fi walakkaa ta'u muka laaftoo irraa haa tolchan!
11Keessa isaa fi duuba isaatti warqee qullaa'aa uffisi, qaalaa isaattis naannessii warqee kaa'i!
12Amartii warqee afur tolchi, miilla isaa arfanitti lama gar tokkoon lama immoo gara kaaniin itti baqsi!
13Muka laaftoo irraa danqaraa tolchii, warqee itti uffisi!
14Danqaricha immoo sanduuqicha kakuu ittiin baachuudhaaf amartoota bukkee garanaa fi garasiin jiran keessa loosi!
15Danqaroonni sun amartoota sanduuqa kakuu keessa akka loofamanitti haa taa'an malee achii hin fuudhamin*!
16Dhuga-baatuu ani siif kennu sana sanduuqicha keessa in keessa.
17?Teessoo araaraa dheerinni isaa dhundhuma lamaa fi walakkaa, bal'inni isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa warqee qullaa'aa irraa tolchi*!
18Kiruubel lama warqee tumamaa irraa tolchiitii gar lamaan fiixee isaa teessoo araaraatti kaa'i!
19Kiruub isa tokko fiixee gar tokkoo irratti, Kiruub isa kaan immoo fiixee gara kaanii irratti tolchi!
20Kiruubel qoochoowwan isaanii teessoo araaraa gubbaatti bal'isanii haa golbooban! Fuulli isaanii immoo walitti gara galee gara teessoo araaraa haa ilaalu!
21Teessoo araaraa sana sanduuqicha irra kaa'i; sanduuqicha keessa immoo dhuga-baatuu ani siif kennu sana kaa'i.
22Ani achitti sin arga, teessoo araaraa irraan, Kiruubel lamaan sanduuqa dhuga-baatuu irra jiran gidduudhaan, abboommii ani namoota Israa'eliif kennu hundumaa sitti nan hima*.
23?Ati gabatee dheerinni isaa dhundhuma lama, bal'inni isaa dhundhuma tokko, irraan-oleen isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa ta'u muka laaftoo irraa tolchi!
24Warqee qullaa'aa itti uffisi, naannoo isaattis warqee mari!
25Xiyyoo hamma bal'ina harkaa ga'u hidhii isaatti naannessii tolchi, isattis naannessii warqee mari!
26Gabatichaaf amartii warqee afur tolchii, iddoo miillan isaa arfan jiran golee arfanuutti kaa'i!
27Amartoonni sun immoo danqaraa ittiin gabaticha baataniif akka ta'utti hidhii isaatti haa dhi'aatan!
28Danqaraa muka akka laaftoo irraa tolchi, warqees itti uffisi! Gabatichis ittiin haa baatamu.
29Harkeewwan isaa fi waciitii isaa, xoofoodhaa fi cuggee ittiin kennaa dhugaatii dhi'eessan, warqee qullaa'aa irraa tolchi!
30Buddeena ilaalchaas yeroo hundumaa ana dura gabaticha irra kaa'i*!
31?Ati warqee qullaa'aa irraa baattuu ibsaa tolchi! Baattuun ibsichaa warqee tumame irraa haa hojjetamu, miilli isaa, somaan isaa, qolli isaa, xoofoon isaa, daraaraan isaas, isuma irraa haa ta'u!
32Cinaacha isaa gar-lamaanitti damee ja'a, dameen ibsaa sadii gar tokkotti, dameen ibsaa sadii immoo gara kaanitti haa baafamu!
33Damee tokko irratti qolli daraaraa lawuzii fakkaatu sadii, xoofoodhaa fi daraaraa wajjin, damee isa kaan irratti immoo qolli daraaraa lawuzii fakkaatu sadii, xoofoodhaa fi daraaraa wajjin akkasuma damee ja'aan baattuu ibsaatti baafaman sana irratti haa hojjetamu!
34Qolli daraaraa lawuzii fakkaatu afur xoofoo isaa fi daraaraa isaa wajjin baattuu ibsaa sana irratti argamuun irra jira.
35Damee baattuu ibsaa sana keessaa ba'an damee lama lama gidduutti xoofoo tokko tokko, damee isaa ja'anitti immoo xoofoo lama lama tolchi!
36Xoofoon isaanii fi dameen isaanii hundinuu battee warqee qullaa'aa tumame tokko irraa haa tolfaman!
37Ibsaa torba tolchi, akka isaan iddoo isa fuula isaanii dura jiru sanatti ibsaniif baattuu sana irra dhadhaabi!
38Waan ittiin fo'aa ibsaa kutanii fi baattuun daaraa isaa warqee qullaa'aa irraa haa hojjetaman!
39Baattuun ibsichaa sunii fi mi'i isaa hundinuu warqee qullaa'aa akka kiilo graamii soddomii shanii ulfaatuun haa hojjetamu*!
40Akka fakkeenya isa tulluu irratti sitti argisiifame sanaatti ilaalii hojjedhu*!