Seera Ba'uu 27:1-21 GAZB1997 - Bible AI

1?Iddoo aarsaa dheerinni isaa dhundhuma shan, bal'inni isaa dhundhuma shan, irraan-oleen isaa dhundhuma sadii, gara arfanuun wal qixxee ta'e muka laaftoo irraa ijaari*!

2Golee iddoo aarsaa arfanitti gaanfota baasi! Gaanfota kana dhagnuma iddoo aarsaa kana irraa itti baasii sibiila borrajjii itti uffisi*!

3Caabbii itti daaraa hammaaranii fi waan ittiin daaraa haran, waciitii ittiin aarsaa dhi'eessan, fileewwan foonii fi baattuu irratti ibidda bobeessan, mi'a iddoo aarsaa kana hundumaas sibiila borrajjii irraa tolchi!

4Akkasuma immoo sibiila borrajjii akka gingilchaatti wal keessa babaasi ittisa itti tolchi! Amartii sibiila borrajjii afuris golee isaa arfanitti kaa'i!

5Ittisa sana gara walakkaa iddoo aarsaa ga'uu akka danda'utti geengoo isaa jalaan kaa'i!

6Iddoo aarsichaafis muka laaftoo irraa danqaroota tolchii sibiila borrajjii itti uffisi!

7Iddoon aarsaa kun yommuu baatamu, danqaroota sana amartoota iddoo aarsaatti garanaa fi garasiin jiran keessa loosi!

8Iddoo aarsaa kana muka irraa dhooqsii hojjedhu! Akka isa tulluu irratti sitti argisiifame sanaattis haa tolfamu*![137]

9?Godicha itti wal ga'an sanaaf oobdii tolchi! Oobdichis gara harka mirgaatiin golgaa quncee talbaa fo'amaadhaan dha'ame haa qabaatu, dheerinni isaas dhundhuma dhibba haa ta'u!

10Utuboonni isaa digdammanii fi miiloon isaanii digdamman sibiila borrajjii irraa, hokkoon isaanii fi amartiin walitti hidhu meetii irraa haa hojjetaman!

11Golgaan gara harka bitaas immoo dhundhuma dhibba tokko haa dheeratu! Utuboonni isaa digdammanii fi miiloon isaa digdamman sibiila borrajjii irraa, hokkoon isaanii fi amartiin walitti hidhus meetii irraa haa hojjetaman!

12Bal'inni oobdichaa inni gara lixa-biiftuu immoo golgaa dhundhuma shantama dheeratu, utuboota kudhanii fi miiloo kudhan haa qabaatu!

13Gara boruu karaa biiftuun baatu oobdichi dhundhuma shantama haa bal'atu!

14Dheerinni golgichaa karaa ittiin ol lixan gar-tokkoon dhundhuma kudha shan haa ta'u! Utuboonni isaa sadii, miiloon isaas sadii haa ta'an!

15Dheerinni golgaa isa gara kaaniis dhundhuma kudha shan haa ta'u, utuboonni isaa sadii, miiloon isaas sadii haa ta'an!

16?Karra oobdichaatti dheerinni isaa dhundhuma digdama kan ta'u golgaa uffata quncee talbaa fo'amaadhaan dha'amee, namni ogeessi immoo fo'aa bifa waaqaa, dhiilgee, bildiimaa qabuun irratti hodhe tolchi! Utuboonni isaa afur, miiloon isaas afur haa ta'an!

17Utuboonni oobdichatti naanna'anii jiran hundinuu meetii tolfameen walitti haa hidhaman, hokkoon isaanii meetii irraa, miiloon isaanii sibiila borrajjii irraa haa hojjetaman!

18Dheerinni oobdichaa dhundhuma dhibba, bal'inni isaa immoo dhundhuma shantama haa ta'u! Golgaa dhundhuma shan dheeratu uffata quncee talbaa fo'amaadhaan dha'ame haa qabaatu! Miiloowwan isaa sibiila borrajjii irraa haa tolfaman*!

19Mi'i godicha keessaa jiruun garaa garaa itti hojjetamu hundinuu, qofoon godichi ittiin dhaabamu, qofoon oobdichaa hundinuus sibiila borrajjii irraa haa tolfaman![138]

20?Ibsaan yeroo hundumaa akka boba'utti Israa'eloonni qodaa ibsaatii fi cuunfaa ejersaa isa calalamaa akka siif fidaniif ati ajaji!

21Aaronii fi ilmaan isaa dunkaana itti wal ga'an keessa golgaa dhuga-baatuu dura jiru duubaan ibsichi galgalaa hamma ganamaatti fuula koo duratti akka boba'uuf haa eegan! Kun namoota Israa'el gidduutti akka seerrata bara baraatti haa eegamu!

Bible Society of Ethiopia
/div>